×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Waltajjii maree

Yesus maaliif du’ee?

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Yesus maaliif du’ee? Duuni Yesus faayidaa maalii qabaa? Unuuf du’uus maaliif barbaachisee?

Gaggeessitoonni amantii Yesusiin du’atti dabarsanii kennan. Sababiin isaanii immoo ‘Ani Waaqa dha’ jechuudhaan jecha arrabsoo dubbatteetta kan jedhu dha. Kanarraan kan ka’e ajjeefame. Garuu kana hunda isarratti raawwachuudhaaf aboo qabu turee?

Du’a Yesus dura michuu isaa kan ture Alazaar du’ee guyyoota afuriif boolla keessa tureera. Yesus garuu nama hunda fuula duratti du’aa isa kaase. Dhibee fi dhukkubbi hunda fayyiseera. Guyyaa dhaloota isaanii irraa kaasees kan iji isaanii hin argine, gonkumaa deemuu warra hin dandeenyelle fayyiseera. Yesus dinqii fi milikkitoota hedduu raawwateera. Sababii kanarraan kan ka’es otuu hin fannifamiin guyyoota muraasa dura, “Ilaalaa biyyi lafaa hundi isa duukaa bu’eera” jedhanii waa’ee isaa dubbatanii turan. Inni immoo irra de-ddeebi’ee Waaqa ta’uu isaa fi abbaa wajjinis tokko ta’uu isaa mirkaneessee ture. Humna hin daangeffamne qaba ture.

Akkaataa kanaan qacceedhaan, qoraattii isa mataa isaatti marameen, mismaara isa harkaa fi miilla isaatti rukutameen hin turre kan du’e. Fannicharratti suuta-suuta ukkaamfamee hin ajjeefamne. Inni yeroo kamiyyuu fannoo irraa bu’uu akka danda’a ture. Kanas dinqii fi milikkitoonni inni raawwachaa ture suni ragaa ta’uu danda’u.

Haalatti Yesus du’uu filate yoo ilaalle, namni tokko humna ittiin of oolchuu danda’u otuu qabuu, garuu beekaa akka nama bishaanitti of darbatee liqimfamee du’uu filateetti dha.

Akkaataa kanaan kaayyoon Yesus ifa dha. Unuuf jecha lubbuu isaa dabarsee kennuu akka filate akkas jechuudhaan dubbateera. “Lubbuu isaa waa’ee michoota isaaf dabarsee kennuurra jaalalli kana caalu eenyuufillee hin jiru”. Garuu maaliifi? Sababiin isaas garaa keenya yommuu ilaalu, gochaa keenyas yommuu argu, dhukkubsattoota, rakkattoota, dadhaboota, cubbamoota, jaamotaa fi warra isa duraa badne turre. Yoo nuti isa jaallachuudhaabaannellee, inni kan nu ilaalu akkasitti ture. Kana duwwaas utuu hin taanee nutis waan inni unuuf raawwate sana hunda akka hubannu barbaada. Inni dadhabbii keenya argee, fagoos dhaabatee nutti hin faradne yookaanis nu hin abaarre. Akka itti seentanitti keessaa ba’aa, kuni ana hin ilaallatu hin jenne. Rakkina keenyas hubachuuf hin dadhabne. Isa wajjin yoo walii galtanis yoo dhiistanis, nuti namoota gargaarsi nu barbaachisu akka taanetti unu ilaala. Gaarummaa inni unuuf qopheesse guutummaatti warra dandeenyee hin jiraanne, warra jireenyi wal-dhahe akka taanetti nu beeka.

Kana hundumaan gamatti, du’aa bara-baraatiin isa irraa gar-gar baanee jiraachuu, jireenya bara-baraas gonkumaa otuu hin shaakaliin balaa keessa akka jirru ni beeka. Saba cubbuu keenya irraan kan ka’e akka isa irraa gar-gar citne ni beka. Kanaafis hanqina keenya kana hunda guutuudhaaf jedhee bakka keenya du’uu filate.

Yoo isa galateeffanes, yoo dhiifnes, akka rakkina kana qabnu yoo hubannes, yoo dhiifnes, adabbii du’a keenyaa nurraa fudhate, adaba isa nuti adabamuu qabnu inni nuuf adabame. Egaa gochaawwan gariin akkasii kuni hundi gochaa nama waa’ee namaaf dhimma hin qabne tokkoo ta’uu gonkumaa hin danda’an.

Fayyuu fi dhiifama argachuun kan nu barbaachisu akka taane amanuudhaan fageenya akkasii nu wajjin deeme. Yesus jaalala fafakkeessuu jedhee fannoo irratti hin dune. Kun akka ilaalcha Waaqayyootti baay’ee barbaachisaa ture. Sababa cubbuu keenyaatiin bara-baraaf isa irraa adda baanee du’uu yookaan immoo jireenyatti akka jiraannuuf inni qooda keenya du’uu qaba ture. Innis du’uu waan filateef karaa sana nuti dhiifama arganne. Isaa waliinis bara-baraaf wal-barre.

Macaafni qulqulluun waan kana yommuu ibsu, “Nama qajeelaaf jedhee namni du’u tarii argamuu danda’a ta’a. Garuu cubbamoota taanee utuu jirruu Kristos qooda keenya du’e. Kunis jaalala Waaqayyo nuuf qabu agarsiisa” jedha.

Utuu hin ajjeefamiin sa’tii muraasa dura, du’uu fi du’aa ka’uun isaa akka dhihaate waan beekuuf abbaa waliin yommuu du-dubbatu, waan gochaa jiru kana maaliif akka godhu, “…akka ati ana ergitee fi akka ati anaan jaallattetti isaaniinis jaallachuu kee addunyaan akka beekuuf” jechuudhaan ibseera.

Kunis fayyuun nu barbaachisaa? Wanti nu keessa jiru, kan nuti hin arginee fi garuu Yesus kan argu maalidhaa? Reebamuu fi waa’ee keenya du’uuf gara fannoo deemuuf filachuun maaliif barbaachisee?

Inni wanta nuti dadhabne ni araga. Obsa dhabeeyyii, warra wal-lollu, dheekkamtoota, gochaa keenya isa garaa nama gubu hunda ni arga jechuu dha. Miidhaa namootarraan geenya, namootis nu miidhu. Akka sadarkaa gaarummaa Waaqayyo nuuf qopheesseen jiraachuu hin dandeenyu. Kan Waaqayyoo yoo hafellee, akka nama tokkoottillee jiraachuu dadhabina. Nama dhugaa taana yoo jenne al tokko-tokko immoo ofii keenya gochaa nama leeyyaasisu raawwannee argamana. Egaa Waaqayyo qulqulluun inni mudaa hin qabne kana attamitti ilaalaa?

Nuti sin barbaadnu jechuu keenya? Jireenya keenya keessa sin gashu jechuu keenya? Maaliif nu dhiisee hin deemne? Maaliif dugdasaa nuti hin garagashinee?

Nuti gati gidiraa cubbuu keenyaa akka fudhannu gochuudhaa manna, nu dhiisee darbuu otuu danda’uu gara keenya dhufe. Gara jireenya keenyaa seene. Adabbii cubbuu keenyaas nuuf adabamee, du’a keenyas du’e.

“…Waaqayyo jaalala guddaa nuuf qaburraan kan ka’e, irra da-ddarbaa keenyaa du’oota taanee otuu jirruu, karaa Kristos jireenya nuuf kenne; kan fayyitan ayyaana isaanidha”.

Cubbuu keenyaa argee akka hin arginetti maaliif hin darbinee? Jecha tokkichaanis dhiifama godheera maaliif hin jedhuu? Kana gochuun nuuf waan danda’amu nutti fakkaata. Garuu gatii fi baasii malee dhiifama gochuun hammeenya guddaa qaba. Ciminni cubbuu keenyaa fi jaalalli inni nuuf qabu, oolmaa hojiidhaan mul’atu isarraa barbaada.

Dhimma kana caalmaatti hubachuu kan dandeenyu, nama nu miidhe tokkoof adeemsa dhiifama gochuu keessa yoo darbinedha. Tarii namni tokko miidhaa guuddaa nurraan ga’eera jennee kan yaadinu yoo jiraate, miidhaa sanaaf dhiifama gochuun baay’ee rakkisaa dha jennee haa yaadinu. Egaa Yesus dhiifama nuuf gochuu kan barbaade karaa gadi fageenya jireenya bara-baraatiini dha. Kan inni barbaadus guutummaan guutuutti akka dhiifama argannuufi dha. Inni amma kan barbaadu guutummaatti nu simachuu fi kana booda cubbuun keenya unuuf isa gidduutti golga akka hin taane. “Beenyaan cubbuu du’a waan ta’eef, kennaan Waaqayyoo garuu karaa gooftaa keenya Yesus Kristos jireenya bara baraa ti”.

Inni waa’ee cubbuu keenyaaf du’e. Guyyoota sadii booda hunda mo’uudhaan du’aa ka’e. Isa cubbuunis ta’e duuti qabuu hin dandeenye. Nutis isatti taanee kanuma akka shaakallu barbaada. Gara isaa deemuudhaan, dhiifama nuuf godhee gara jireenya keenyaa akka dhufu gaafachuudhaan dhiifama inni nuuf qopheesse fudhachuun fedha keenyarratti hundaa’a.

Ergamichi Yohannis yaada kana Macaafa qulqulluu keessatti akkas jechuudhaan ibseera, “Kanaaf jaalala Waaqayyo nuuf qabu beekina; ni amannas. Waaqayyo jaalala; namni jaalalaan jiraatu Waaqa keessa jiraata; Waaqnis isa keessa jiraata. Nus akka guyyaa murtiitti ija jabeenya qabaannuuf karaa kanaan jaalalli nu jidduutti guutuu ta'eera; sababiin isaas nu addunyaa kana irratti isuma fakkaannaatii”.

Yesus amma gara jireenya kee akka dhufu isa affeeruu jaallattaa? Egaa karaatti kana gochuu dandeessu kunoo isa kana.

“Yaa Yesus amma gara jireenya koo akka dhuftu sin kadhadha. Cubbuu koo anaaf dhiisi. Waa’ee kootiif fannoo irratti waan duuteef sin galateeffadha. Jireenya koo ati akka fedha keetti gaggeessi. Amma gara jireenya koo waan dhuftee fi si wajjinis tokkummaa akkan qabaadhu waan naaf hayyamteef sin galateeffadha. Ameen”!

 Yesuus gara jireenya koo akka seenu affeerera (Yaada dabalataa)
 Yesuusiin gara jireenya kootti simachuu nan fedha. Waa'ee kanaa caalmaatti na hubachiisaa.
 Gaaffiin qaba

FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More