×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf

Waaqayyoo wajjin jalqabuu

KIRISTOS GARA JIREENYA KEE DHUFUU ISAA ATTAMIN BEEKU DANDESAA?

Jireenya kee keessattii Kristoosiin simatteettaa? Amma Kristos jireenya kee keessa jiraa? akka Waaqayyo kadhata kee siif deebisuu maaliin beekta? Akka kakuu abdiisaa isaa isa Mul. 3:20tti Kiristos jireenya kee keessa akka jiru beeku dandesa.

KITAABIN QULQULLUUN WARRA KIRISTOSIIN FUDHATAN HUNDAA JIREENYA BARA-BARAA AKKA ARGATAN ABDACHIISA.

“Waaqayyo jireenya bara-baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi bara-baraa kunis ilma isaa keessatti argama. Namni ilma Waaqayyo hin qabne jireenyicha hin qabu. Isin warri ilma Waaqayyotti amantan, jireenya bara-baraa qabaachuu keessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif barreesse.” (1Yoh. 5:11-13)

“Kiristos yeroo hundaa jireenya kee keessa waan jiraatuuf matumaa waan si hin dhiisneef galateefadhu.” (Ibr. 13:5)

Kana booda hoo?

MIIRA KEE IRRATTI HIN HIRKATIIN

Kitaabni qulqulluun akkuma jedhu, Kristaanni Waaqayyoon amanuudhaan jiraata male, miira isaati hin hirkatu. Fakkiin baaburaa kun, kana mullisa.

  • Dhugaa: Waaqayyof sagale isaa agarsisa
  • Amantii: hirkata Waaqayyof sagale isaa irrati qabnu agarsisa
  • Miira: bu’a amanttiif abboomamaa ta’u akka mallu agarsisa.

Baaburi kun kan adeemu danda’u motooraan malee harkifamuu hin danda’u. Akkasuma kristanni tokko Waaqayyof sagalee isaatii male miira isaa irrati hirkachuu hin qabu. Amantiin kee mirra kee irratti akka hin hundoofnee.

“Nuyi amantiidhaan jiraanna malee waan hundummaa ijaan arguudhaan jiraanna mitti.” (2 Qro. 2:7)

Jireenya kee keesatii maaltuu raawwatamee?

Yaroo Kristosiin fudhattee isa wajjin walitti dhufeenya jelqabdeetta jechuudha. Battala ati Kristosiin murtee keetin fudhattee eegalee waan baayy’een jireenya kee keessatti raawwateera:

1. Kristos jireenya kee keessa seeneera. (Mul. 3:20 fi Qol. 1:27)

2. Cubbuun kee siif dhiifameera. (Qol. 1:14)

3. Ati mucaa Waaqayyoo taateetta. (Yoh. 1:12).

4. Jireenya bara-baraa argatteeta. (Yoh. 5:24)

5. Karooraa fi akeeka Waaqayyo jireenya keef qabus shaakaluu eegalta. (Yoh. 10:10 fi Qor. 2. 5:17).

Kristos wajjin dhuunfaatti michuu ta’uurra waanti caalu waan gaariin na mudata jettee ni yaaddaa? Waan Waaqayyo siif godhe hundaaf amma kadhataan galateeffachuu ni feetaa?

ATTAMITTI JIREENYA HAFUURATTI AKKA GUDDATTU

Guddinni jireenya afuraa Kirstosiin amanachuudhaan dhufa. “Namni amantii dhaan fuula waaqayyoo duraatti qajeela ta’ee jireenya dhugaa in jiraata” (Gal. 3:11). Jireenyi kee Kristos walin yeroodhaa gara yarootti akka gudatuf Waaqayyoof abbomamu qabda. Yaadi armaan gadii guddinaaf si gargaaru.

  • ¨ Yeroo hundaa Waaqayyoon kadhadhu. (Yoh. 15:7)
  • ¨ Guyyuu hundaa sagalee Waaqayyo dubbisi [Wangeela Yohaannis irraa eegali]. (Hojii Erge. 17:11).
  • ¨ Waaqayyof abbomamuu bari. (Yoh. 14:21)
  • ¨ Jireenya kee fi jecha keetiin Kiristoosiin dhugaa ba’i. (Luq. 8:39)
  • ¨ Jireenya kee guutuu Waaqayyon amanadhu. (1 Phe. 5:7)
  • “Afurrii qulqqulluun yommuu isin irra bu’u human godhattu…andaara lafaattis dhugaa baatuu koo in taatu” (HoE. 1:8).

FAAYIDAA WALDAA KRISTAANAA

Kristaanota gara biraa waliin tokkuma ummachun barbachiisaa dha. (Ibr. 10:25, Ho.erg 2:42-47)

Hanga yoonaa gara waldaa kristaanaa yoo deemtee hin beektu ta’e, Kristosiif sagaleen isaa gara lallabamu deemtee namota Kristosin akka fayyisaa fi goftaa isaanitti fudhatanii waaqeeffatan waliin tokkummaa uumuu ni dandeessaa.

Mukti qoraanii yoo walitti kuufame abbidda ho’aa nuu keena. Garuu muka tokko yoo abbidda keesaa baafnee qofaa isaa lafa keenye abbidi isaa ni bada. Akkasuma jireenyi kristaanuummaa qofaa nama rakkisa.

BARREEFAMNII FI WANTI GUDDINA KRSTAANAATIIF GARGAARU NI JIRA.

Barreeffama guddina kirstaanaatiif gargaaru yoo barbaadde teessoo keenya armaan gadiin nu argattu

GREAT COMMISSION MINISTRY ETHIOPIA
P.O. Box 41303 ADDIS ABABA
359 AWASSA
1158 BAHIR DAR
1182 JIMMA
808 HARAR

---- NEKEMT