×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Waaqayyoon baruu

Waaqayyoon dhuunfaatti beekuu

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Waaqayyoon dhuunfaatti beekuuf maaltu barbaachisaa? Balaqqeessa bakakkaa? Sirna amantii cimaa? Nama namoota warra kaan caalu taatee argamu? Isaan kuni hundi haal duree ta’uu hin danda’an. Waaqayyoon beekuudhaaf wantoota nama barbaachisan Macaafa qulqulluu irratti ifaaf ifatti nuuf kaa’eera.

Wanti hundi sirnaa fi seera qaba. Wanti namni hojjete hundi akkuma seera nam-tolchee qabu hunda, wanti Waaqayyo uumes akkuma kana sirna uumamaa qaba.

Akkuma kana walitti dhufeenya namni Waaqayyo waliin qabu kan murteessan seerota afuuraa afuritu jira. Qajeelfama jettees fudhachuu dandeessa.


Seera jalqabaa
Waaqayyo si JALATA jireenya keetfifis KAROORA dinqisiisaa qaba.

JALAALA WAAQAYYO

“Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hanga kennuufitti biyya lafaa jaalate, kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya barabaraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti.” (Yoh. 3:16)

KAROORA WAAQAYYOO

Yesus akkas jedhe,“Ani… holotin jireenya haqabaataniif, irra hafaas haa qabaataniif dhufeera.” (Yoh. 10:10)

Hat’au malee namootni hundumtuu jireenya gammachu hin jiraatan Sababni isaa…


Seera lammaffaa
Namni cubbamaadha kanaafu waaqayyo irraas kan adda ba’ee dha, kanaaf jaalala fi karoora waaqayyo beekuu fi shaakalu hin danda’u.

NAMNI CUBBAMAADHAA

“Hundinuu yakkaniiru ulfinni Waaqayyo isaanitti hir’ateera.” (Rom. 3:23)

Namni kan uumame Waaqayyo wajjin michuu akka ta’uufidha. Garuu namni karaa ofii isaatii waan filateef michummaan inni Waaqayyo wajjin qabuu addaan cite. Daandi ofii keenya irra yeroo deemnu Waaqayyof kan hin abbomamne fi kan dhima hinqabne taana. Yaada akkanaa macaafni qulquluun cubbuu jedhee waama.

“Nuyi hundumti keenya akka hoolota karaa irraa badnee turre, adduma addanis kara-karaa in gorre.” (Isaa. 53:6)

NAMNI WAAQA IRRAA ADDAAN BA’EERA

“…beenyaan (mindaan) nama cubbu hojjettu du’a,” [Hafuraan Waaqayyo irraa addaan ba’uu]. (Rom 6:23)

Fakkin kun kan agarsisu Waaqayyo qulqulluu, namni immoo cubbamaa ta’uu isaati. Lamaanuu gargar fagoo jiru. Waaqayyo bira ga’uuf humna ofii isaatiin jireenya irraa hafaa jiraachuuf yaalii namni godhu agarsiisa, kun nama amantii fakkaachuudhaan, warra kaan gargaaruudhaan, kkf, yaaliin kun hundaa garuu kufaa dha.

Serrii sadaffaan rakko kanaaf furmaata ni kenna…


Seera sadaffaa
Kaaran inni tokkichi kan nama gara Waaqayyotti geessu Yesus Kristosi dha. Inii qooda Keenya du’e. Namni karaa Yasus Waaqayyon, karoora isaa fi jaalala isaa beekee mi’eeffachuu danda’a.

INNI NUUF JEDHEE DU’E.

“Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taane jirruu, Kristos nuuf du’uu isaatiin hammam akka nu jaallate ni argisiisa.” (Rom. 5:8)

DU’AA KE’ERA

“…Kristos cubbu keenyaaf du’eera, inni awwaalameera, Caaffanni qulqullaa’oon akka jedhanitti guyyaa sadaffaattis du’aa kaafameera…” (1Qoro. 15:3-5)

INNI KARAA ISA TOKKICHA

Yesuus deebisee, “karichi, dhugaan, jireenyis, ana, anaan yoo ta’e malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu” (Yoh. 14:6).

Fakkin kun kan agarsisuu kan ofii isaatti nu deebisu danda’u Waaqayyo qofaa ta’usatii. Kaanfu Waaqayyo ilma isaa Yesusiin erguudhaan gargar fageenyi ofii isaa fi nu gidduu jiru irratti riiqicha godheera. Yasus Krisitos namaa fi Waaqa gidduu dhaabachuuf du’ee ka’e.

Hata’u malee seerota kana sadan qofa beekuun ga’aa miti…


Seera arfaffaa
Tokkoo tokkoon keenya Yesus Kristosiin akka fayyisaa lubbuu keenyaatti fudhachuu malla, yoo kana ta’e jaalala fi karoora inni jireenya keenyaaf qabu beekuu DANDEENYA.

KRISTOSIIN FUDHACHUU MALLA

“Hamma isa simataniif immoo ijollee Waaqayyoo akka ta’aniif haboo isaaniif kenne, isaanis warra maqaa isaatti waamamanidha.” (Yoh 1:12)

AMANTIIDHAAN KRISTOOSIIN FUDHACHUU MALLA

“Isin ayyaana Waaqayyotin karaa amantii fayyifamtan, inni immoo kennaa Waaqayyoti malee, gocha ofii keessanii miti, hojiidhaanis miti, namni tokko illee akka ittiin of hin jajnetti” (Efe. 2:8-9).

JIRREENYA KEENYA KEESSATTI KRISTOOSIIN AFEERUUDHAAN ISA SIMACHUU DANDEENYA

“Kunoo! Ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta, namni sagalee koo dhaga’ee yoo balbala naaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhiyaadha, innis anaa wajjin ni nyaata” (Mul. 3:20).

KRISTOSITTI AMANACHUUN QABXII ARMAAN GADII OF KEESSA QABA

  • Cubbamoota ta’u keenya beekne cubbu kennya irra deebiu’udhaan Waaqayyo wajjin walii-galuu
  • Yesus Kristos cubbuu keenyaaf jedhee akka du’e amanuu
  • Kristos jireenya keenya guyyaa-guyyaa keessatti akka jiraatu hayyamuu fi isatti amanachuu.

FAKKIIWWAN ARMAAN GADII JIREENYA NAMA LAMAA BAKKA BU’UU

JIREENYA ANUMMAA JALA JIRU
Namni kun jireenya isaa offi isaa to’ata. Kristos jireenya isaa keesa hin jiru. Jireenya isaa ofii isaa gaggeesa. Waaqayyo walininis nagaa hin qabu.

JIREENYA KRISTOS JALA JIRU
Jireenya nama kanaa Krisitostu to’ata. Kristos jireenya isaa keesa jira. Kristos jireena isaa akka to’atu hayyameera. Waaqayyo walinis nagaa qaba.


Jireenyi kee fakki isaa kam fakkaata?
Jireenyi kee fakki issa kam akka fakaatuu feetaa?


KRISTOSIN AMMUMA AMMANTIDHAAN GARA JIREENYA KEETTI WAAMMACHUU DANDESSA

Kristos amma gara jireenya kee akka dhufu gaafadhu. Waaqayyo abdiisaa raawwachu akka danada’u amani. Inni jecha afaan kee irra caalaa yaada garaa kee beeka. Kadhachun yoo feedha kee ta’e akkas jette kadhachuu ni dandeessa.

“Yaa Yesus, ani dhunfaakooti si beekuun fedha. Ati waa’ee cubbuukoof fannorratti du’uu keetiif sin glatefedha. Amma jireenya koo banee akka Waaqaa fi goftaa kootiti sin simadha. Cubbu koo hundaaf waan dhifama naaf gotee fi jireenya bara-baraas naaf laatteef sin galateffadha. Jireenya koo dhunfadhu. Nama ati fedha kee ittiin raawwattu na godhi. Amen”.

Kadhanaan kun fedha garaa kee nimulisa?

Ni mull’isa yoo ta'ee, kadhanna arman gadi amuma kadhadhu. Kirstos akkuma kakuu isaatti gara jireenya kee ammuma dhufa.

 Yesuus gara jireenya koo akka seenu affeerera (Yaada dabalataa)
 Gaaffiin qaba


FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More