×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Waaqayyoon baruu

Waaqayyo Kadhannaa Keenyaaf Ni Deebisaa?

Kadhannaa. Kadhannaan akkamitti hojjetaa? waan waaqayyoo deebisu ilaalu…

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Maarliin Adaamsaniin

Nama waaqayyoon sirriitti amanatu beektuu qabdaa? Yommuun jiraachuu waaqayyoottii amanaa hin turretti, hiriyaa gaari tokkoo kan yeroo hundumaa Waaqayyoon kadhattun qaban turee. Yeroo hundumaa torbee torbee dhaan dhimmoota waaqayyoo itti ishee dhaaf eeggatuu irratti amantaa isheen waaqayyoo irratti qabdu natti himti turtee. Torbee hundumaas Waaqayyoo deebii kadhannaa isheeti wantoota baramoo hin taane utuu inni hojjetuu nan argan turee. Nama jiraachuu Waaqayyootti hin amanneef torbee torbee dhaan waan akkasii arguun hammam rakkisaa akka ta’e ni beektaa jedheen amana? Yeroo muraasa booddee, mudannoon kun gara mormii dadhabaatti cee’e.

Maalif Waaqayyoo kadhannaa hiriyaa koo deebisaa ture? Sababni guddaan jiru Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qabaachuu isheeti. Waaqayyoo duukaa buu’us ni barbaaddi turtee. Akkasumas, wanta inni dubbatus nii dhaggeeffattiin. Yaada ishee keessattis, waaqayyoo jireenya ishee gaggeessuuf mirga guutuu qaba turee, isheenis akka inni kana godhuuf ni simatti turtee. Wantoota tokko tokkoof gaafa kadhattuu jireenyi inni kunis kutaa walitti dhufeenya isheen Waaqayyoo wajjin qabdu keessa isa tokko dha. Fedhii ishee, yaaddoo ishee fi dhimmoota guyya guyyaa jireenya ishee keessa jiran wajjin gara Waaqayyoo gaafa dhuftu baay’ee itti tola turee. Dabalataanis, wantoota Macaafa Qulqulluu irraa dubbistuu, Waaqayyoo isa irratti hirkachuu ishee barbaaduu isaas amantee ni fudhatti turtee.

Yeroo hundumaa himaa macaafa qulqulluu kana mul’isti “Inni kun ofitti amanamummaa nuti gaafa waaqayyotti dhiyaannu qabaannu dha: akka fedha isaatiitti waanuma kamiinuu yoo isa gaafannee, Waaqayyo nu dhagaa’a.” iji Waaqayyoo warra toloota irra jira, gurri isaas kadhannaa isaani ni dhaggeeffataa…”

Egaa Maalif Waaqayyoo Kadhannaa Nama Hundumaa Hin Deebisuree?

Tarii sababa Waaqayoo wajjin walitti dhufeenya hin qabneefi dha ta’aa. Jiraachuu Waaqayyoo ni beeku ta’aa, tarii yeroo gara garaatti iyyuu Waaqayyoon ni waaqessu ta’aa. Garuu warri kadhannaan isaani tasuma waan deebi’eef hin fakkaannee tarii Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya hin qabanii ta’a. Akkasumas, cubbuu isaaniitiif Waaqayyoo biraa araara guutuu hin arganne ta’aa. Wanti kun gaaffii kee irratti maal gochuu danda’a? Ibsi isaa “Irreen Waaqayyoo isin oolchuu dhaaf hin gabaabbannee, gurri isaas isin dhagaa’uf hin duudnee. Garuu irra dadarbaan keessan Waaqayyottii adda isin baase. Akka inni isin hin dhageenyetti, Cubbuun keessan fuula isaa isin jalaa dhoksee.”

Waaqayyootti addaa ba’uun namatti dhagaa’amuun ofii isaan waan gaari dha. Namoonnii gaafa isaan Waaqayyoon waa’e waan tokkoo gaaffachuu jalqaban, yeroo baay’ee maaltu ta’aa? “Waaqayyoo rakkina kana irratti sirriittan si barbaada ..” jechuun jalqabu. Sanaa booda dhaabanii ammammoo “nan hubadha ani nama hanqina qabu dha, waa’e waan kanas si gaaffachuuf mirga hin qabu..” jechuun jalqabu. Hubannoo iddoo kufaati fi cubbuu ofiitti dhufaa. Namoonnii kunis kun isaan biraa akka hin taane beekuutti dhufuu; Waaqayyoos isaan hubachiiseera. Miirii “Ani eenyu innan qoosa jiru kun?” jechuunis ni dhufaa, kan isaan hin beekne yoo jiraate akkamitti cubbu isaani hundumaaf akka araara Waaqayyoo fudhatani dha. Akka Waaqayyoo kadhannaa isaani dhagaa’uf Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qabaachu akka dandaa’an hin beekan. Kadhannaa kee Waaqayyoo akka sif deebisuuf Inni kun is bu’uura dha.

Kadhannaan Akkamittiin Hojjetaa?

Jalqaba walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabaachuu dha. Sababni isaas, Mee namni Maayiki jedhamuu liqa konkolaataa argachuuf akka inni isaaf mallatteessuuf Pireezedantii Unibarsiitii priinstoon gaafatee haa jennu, maayiki pireezedaantii Unibarsiitii Priinstoon qaamaan hin beekun yoo ta’e, dhimmi liqa konkolaataa kun hin raawwatuuf jechuu dha. Garuu utuu mucaan Pireezedaantii kanaa liqa konkolaataaf akka inni isheef mallateessuuf gaaffattee rakkoo hin qabu turee. Sababni isaas dhimmichi dhimma waliti dhufeenyaati.

Gaafa gara Waaqayyootti dhufnuus, yemmuu namni sun mucaa Waaqayyoo ta’u/tuu, yemmuu namni sun kan waaqayyoo ta’u/tuu, inni isaan beeka, kadhannaa isaanis ni dhagaa’a. Yesus akkas jedhe, “Ani tiksee gaarii dha. Ani Hoolota koo beeka, Hoolonni koos ana beeku… Hoolonni koos sagalee koo ni dhagaa’uu. Ani isaan beeka isaanis ana duukaa in bu’uu. Ani jireenya bara baraan isaaniif kennee, isaan kunis raawwatanii hin badanii. Eenyullees harka koo keessaa isaan baaffachuu hin dandaa’u.”

Gara Waaqayyootti gaafa dhufnuu, sirriitti Waaqayyoon beektaa, innoo sirriitti si beeka? Waaqayyoo kadhannaa kee akka siif deebisuuf wabii kan siif ta’uu Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qabdaa? Moo yaada jireenya kee keessa jiruu wajjin kan wal hin agarreef, waaqayyoo sirraa fagoo jiraa? Waaqayyo sirraa fagoo jira taanan, yookan dhugumaan Waaqayyoon hin beektuu taanan, Waaqayyoo wajjiniin amma akkamittiin walitti dhufeenya akka uumtu armaan gadii ni argattaa. #Getting connected (wal qunnamuu)

Dhugumaan Waaqayyoo Kadhannaa Kee Ni Deebisaa?

Warra isa beekaniifi warra isatti hirkataniif, Yesuus kennaa isaaf arjaa dha: “Isin yoo ana keessaa jiraattan, dubbiin koos isin keessaa yoo jiraate, waan feetan ni kadhatuu innis isiniif in kennamaa.” Isin Waaqayyoo keessaa jiraachu fi dubbiin Waaqayyoo isin keessaa yoo jiraate jechuun jireenyuma isa beeku jiraattuu, isa irratti hirkattuu, akkasumas waan inni isiniin jedhu ni dhaggeeffattu. Sana booddee waan barbaadan hundumaa isa gaaffachuu ni dandeessu. Karaa biraan ittiin ulaaga guunnuu: “Ofitti amanamummaan nuti Waaqayyotti dhiyaachuuf qabnuu: akka fedha isaattii waanuma kamiinu yoo isa gaafannee, inni nu dhagaa’a. akkasumas akka inni nu dhagaa’uu yoo beeknee – waan kamiinu yoo gaafannee – maal akka isa gaaffanne ni beeknaa.” Waaqayyoo kadhannaa keenya akka fedha isaatiitti nuf in deebisaa (akka ogummaa isaatti, jaalala isaatti, qulqullummaa isaatti fi kkf.).

Gara itti deemnuu hundumaattii fedha Waaqayyoo beekna jennuu tilmaamuu dhaan, sababni isaa wantoonnii tokko tokkoo nu biraatti hiika qabaachuu dandaa’u! kadhannaa keenya tokkoof “deebii” sirrii tokko qofaatu jira jennee tilmaamnaa, dhugaatiyyuu wanti SUN fedha Waaqayyoo ta’uu dandaa’a jennee tilmaamnaa. Iddoon kunis ulfaata ta’uu dandaa’a. jireenya beekumsi isaa dangefamaa fi yeroon isaa dangefamaa keessa jiraannaa. Waa’ee haalota dhufuufi wantoota achi keessatti ta’aan odeeffannoo nuti qabnu daangeffamaa dha. Hubannaan Waaqayyoo garuu daangaa hin qabuu. Toora jireenya keessatti akkaata itti ta’iin garagaraa raawwataniifi seenan hunduu waan Waaqayyoo beeku qofaa dha. Wantoota nuti tilmaamnuu gararraatti illee Waaqayyoo kaayyoo qabaachuu ni danda’a. kanaaf Waaqayyoo waan nuti kun fedha Waaqayyoo ta’uu qaba jennee murteessine qofaa miti kan inni godhuu.

Inni Maal Fudhata? Waaqayyoo Maal Gochuutti Iddoo Laata?

Fuulli macaafa Qulqulluu hunduu yaada Waaqayyoo nuuf qabuun kan guute dha. Ergaan Wangeelaa hundinuu walitti dhufeenya nuti Waaqayyoo wajjiniin qabaachuu qabnu isaa Waaqayyoo nurraa barbaadu nuuf ibsa. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu:

“Waaqayyo garuu amma iyyuu tola isaa isanitti argisiisuudhaaf isin eegaa jira; isiniif oo’uudhaafis ka’eera; Waaqayyo gooftaan, Waaqayyo isa firdiin isaa qajeelaa waan ta’eef, warri isa eeggatan haa gammadan!” qabateettaa kana? Akka nmani tokko si gargaaru dhaaa barcuma isaarraa ka’ee dhufu, “Arjummaa isaa sitti agarsiisuuf inni ka’a.” “Waaqayyo kun, karaan isaa mudaa hin qabu,… Waaqayyo warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana.” “Kunoo, iji Waaqayyoo warra isa safeeffatan, warra gaarummaa isaa abdiidhaan eeggatanis in to’ata.”

Haa ta’uyyuu malee, karaa ittii namaaf dhimmuu fi jaalala isaa isa guddaa waaqayyo nutti agarsiise kutaa macaafa kanaarraa argannaa: Yesus akkas jedhe, “Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin danda’u.” innis isa Yesus nuuf godhedhaa. Kanaaf, “Kana hundumaa irratti Waaqayyoo gara keenya erga ta’ee, eenyutu nu irratti ka’a jenna ree? Waaqayyo ilma isaa utuuhin mararsiifatiin hunduma keenyaaf dabarsee erga kennee, waan hundumaas immoo ilma isaa wajjin tola nuuf hin kennuu ree?”

Waa’e Kadhannaa Deebi Hin Qabnee’oo?

dhugaan jiruu namoonni ni dhukkubsatu, duu’uyyuu ni dandaa’u; rakkoon dinagdees akka jiru ni beekamaa dha, haalonni baay’ee rakkisoonis dhufuu ni dandaa’u. Sanaa booda’oo?

Waaqayyoo dhiphina keenya hundumaa akka nuti isa irratti dhiisnu nutti dubbataa. Yooma haalonni namatti hin tolan ta’eeyyuu, “inni isiniif waan yaaduuf dhiphina keessan hundumaa waaqayyo irratti dhiisaa.” Haalonni waanuma to’aannaa ala ba’an yoo fakkaatanuu, garuu akkas mitii. Addunyaa guutuun Waan nurraa adda ba’ee yoo fakkaateyyuu, Waaqayyo garuu nu wajjiniin jiraa. Inni kun gaafa namoonni Waaqayyoon beeku isaaniitti galateefatoo ta’ani dha. “Gooftaan dhi’oo jiraa. Waanuma hundumaatti kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus,karaa Kiristoos Yesus garaa keessan in eega.” Waaqayyoo furmaata siif in kennaa, KARAA ati ni dandaa’ama jettee tilmaamteen olittis waaqayyoo rakkina kee ni furaa. Kiristaanonni hundinuu jireenya dhuunfaa isaani keessatti akka fakkeenyota kanaatti jiraachuu qabu. Garuu yooma haalonni fooyyaa’uu dhiisanuu, Waaqayyo garuu haalotuma kana keessattii nagaa isiniif in kennaa. Yesus akkas jedhee, “Nagaa isin biratti nan hambisaa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti, garaan keessan hin raafamim, hin sodaatinis!”

Gaafa haalonni rakkisoo ta’aanis Waaqayyo isa amanachuu keenya akka itti fufnu barbaadaa, Macaafnis “Amantii dhaan malee, waan agartuun hin adeemin” jedha. Kana jechuun garuu Amantii Jaama jechuu miti, amala Waaqayyoo irratti hundaa’uu dhaan jechuu dha. Konkolaataan riqicha Goolden geeti irra konkolaatu amanamummaa riqichichaan konkolaata malee, miira konkolaachisaan sun keessa jiruun yookaan waan konkolaachisaan sun yaada jiruun, akkasumas nama konkolaachisaa sana cina ta’ee jiruu waliin wanta inni dubbatuun mitii, isaan kun rakkoo hin qaban. Konkolaata sana bakka tokko gara bakka kan biraatti kan geessu amanamummaa riqicha sanaati, akkuma konkolaachisaan sunis amanee irra konkolaachisuf fedha qabaatee.

Akkuma kana, Waaqayyoos amanamumaa isaa, amala isaa, gara laafummaa isaa, jaalala isaa, ogummaa isaa, qulqullummaa isaa isa iddoo keenya nuf ta’e sana akka nuti amanannu barbaada. “Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; kanaafan gaarummaa kootiin ofitti si dhi’eessee.” Isin yaa warra saba isaa taatanii, yeroo hundumaa isa amanadhaa! Wanta garaa keessanitti yaaddan isa duratti dhangalaasaa! Waaqayyo isa nuyi kooluu itti galluu dha.

Cuunfaatti

Waaqayyoo kadhannaa ijoollee isaa deebisuuf fedheera (Warra jireenya isaaniItti isa simatanii fi warra isa duukaa bu’uu barbaadaniif). Waaqayyoo yaaddoo keenya hundumaa kadhataan akka nuti fuula isaatti dhiyeessinu barbaadaa, innis akka jaalala isaatti irratti hojjeta. Rakkina keessa gaafa seennu, yaaddoo keenya isa irratti gatuu dhaan, nagaa isa haala keenya keessa kutee nu dabarsuu isa harkaa fudhachuu qabnaa. Hundeen amantii fi abdii keenyaa amala Waaqayyoo dha. Hammuma sirriitti isa beeknee, isa amanannaa.

Amala Waaqayyoo caalaatti haalan baruuf, “Waaqayyoo eenyu dha?” isa jedhu yookan barruu kan biraa toora kanarraa ilaalaa. Sababni nuti kadhannuuf amala Waaqayyoo dha. kadhannaa Waaqayyo jalqaba deebisuu, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya akka nuti jalqabnuufi dha.

 Waaqayyo waliin hariirroo eegaluu
 Gaaffiin qaba

FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More