×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Jiraachuu Waaqayyoo

Waaqayyo eenyu dhaa?

Waaqayyo eenyudhaa? Maal fakkaataa? Amaloota Waaqayyoo ja’an

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

1. Waaqayyo eenyudha? Baramuu danda’a

Dandeettii uumuu isaatiin dinqisiifamaa kan ta’ee fi uumaa uumama addunyaa kanaa kan ta’e Waaqayyoon baruu/beekuu/ ni dandeenya. Dhuunfaatti akka isa beeknuu fiisa waliinis walitti dhufeenya dhuunfaa akka uummannu nu afeera. Waa’ee isaa beekuu duwwaa otuu hin taane isa mataa isaa dhuunfaatti beekuu dandeenya.

Waaqayyo akkas jedha, “Namni ogeessi ogummaa isaatiin of hin jajiin, inni jabaanis jabina isaatiin of hin tuuliin, inni badhaadhaanis badhaadhummaa isaatiin hin kooriin! Namni ani Waaqayyo akkan ta’e beeku, lafa irrattis gaarummaa, qajeelummaa fi firdii qajeelaa akkan godhu hubatu, isa kanaan of haa jaju! Ani wanta akkasii kanatti nan gammada” (Er 9:23-24).

2. Waaqayyo Eenyudha? Isatti dhihaachuu dandeenya.

Waaqayyo akka isa waliin dubbannuu fi dhimma dhuunfaa keenyas akka isa mar’annu nu afeera. Kanaaf qophiis hin barbaachisu; nama gaarii ta’uu, Og-Waaqaummaa /Theology/ barachuu, yookaanis nama qulqulluu ta’uu hin barbaachisu; akka jirrutti eenyummaa keenyaan gara isaatti yoo dhihaanne, amala isaa isa jaalala ta’e irraa kan ka’e nu simata.

“Waaqayyo warra isa waammatan hundumaatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhi’oo dha” (Far 145:18).

3. Waaqayyo Eenyudha? Uumaadha.

Waaqayyo sagalee duwwaa dubbachuudhaan uumamoota gara jireenyaatti fide. Tuta urjoota samii (galaxy) keessatti argamanii fi uumamoota lubbu-qabeeyyii hunda kan uumedha. Kana hundaan otuu hin daangeffamiin rakkoo fi dhibeewwan bara keenyaafis inni furmaata fiduu ni danda’a. Waaqayyo uumaadha humna isaa akka beeknuu fi isatti akka amanannu ni fedha.

“Gooftaan keenya guddaadha,
aangoo guddaas qaba;
hubannaan isaa hammana hin jedhamu”
(Far 147:5).

“Iji koo gara gaarotaatti ol in ilaala,
gargaarsi koo eessaa dhufaa?
Gargaarsi koo Waaqayyo biraa in dhufa;
Inni immoo isa bantiiwwan waaqaa, lafas uumedha”
(Far 121:1,2).

4. Waaqayyo Eenyudhaa? Waaqayyo Waaqa dhiifamaa ti.

Nama waan taaneef cubbuutti ni kufna; al-tokko-tokko akka yaada Waaqayyootti otuu hin taane akka fedha keenyaatti hojjenna. Waaqayyos kana hunda ni arga; ni beekas. Kana duwwaa otuu hin taane Waaqayyo sababa cubbuu isaaniitiin namoota ni adaba. Garuu isa wajjin edda tokkummaa uummannee booda araara nuuf godha. Ilmi Waaqayyoo Yesus Kristos fannoo irratti du’uudhaan gatii cubbuu keenyaa baase. Du’aa edda ka’ees araara nuuf gochaa jira.

“Qajeellinni Waaqayyoo kan Yesuus Kiristoositti amanuun argamu kunis warra isatti amanan cufaafi;…Karaa dhiiga isaatti amanuutiinis akka inni aarsaaz araaraa ta'uuf Waaqayyo isa dhiyeesse” (Rom 3:22, 25).

5. Waaqayyo Eenyudha? Amanamaadha.

Akkuma nama yaada garaa isaa fi miira isaa siif ibsuutti, Waaqayyo waa’ee isaa ifatti sitti hima. Inni yeroo hunda amanamaadha. Wanti nama irraa adda isa godhu kanadha. Waa’ee eenyummaa isaa fi waa’ee keenya wanti inni nutti himu dhugaa fi amanamaadha. Wanti inni dubbatu miira, yaadaa fi hubannaa keenyaan olidha. Amanamummaa fi qajeelummaa isaatti kakuu isaatti hikachuu ni dandeenya. Inni Waaqa waan dubbatu godhudha. Sagalee isaan isa qabuu dandeenya.

“Saaqamuun dubbii keetii ifa in kenna,
Wallaaltota iyyuu in hubachiisa… Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha, daandii koo irrattis in ifa”
(Far 119:130,105).

6. Waaqayyo eenyudhaa? Hunda kan danda’udha.

Waan hundumaan dhibbaa-dhibbatti sirrii ta’anii argamuun namatti tola. Waaqayyo yeroo hunda dhugaadha. Ogummaan isaa daangaa hin qabu. Waa’ee waan tokkoo gadi fageenyaan ni beeka. Seenaa isaa isa jalqabaa fi isa gara fuula duraa raga isaaf kennuun hin barbaachisu, waan tokko akka raawwatu isa hin kakaasnu, inni ni raawwata. Dandeettii waan qabuuf, yaadi isaas qajeelaa fi qulqulluu dha. Waaqayyoon yoo amanne inni hin dogoggoru, akkasumas nama hin gowwomsu, yeroo hunda waan hunduma keessatti waan qajeelaa akka hojjetu guutummaan guutuutti mirkaneeffachuu dandeenya.

“Eyye, warri harka kee eeggatan hin yeellaasifaman” (Far 25:3).

 Waaqayyo waliin hariirroo eegaluu
 Gaaffiin qaba

FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More