×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Quunnamtii saalaa fi jaalala

Gaa’elli diigamuuf jedhu abdii qaba ta’aa?

Diigamuun gaa’elaa maaliif nama mudataa? Gaa’ela gaarii attamiin qabaachuu?

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Deenis Reyiniin

Yeroo tokko dubartiin tokko waa’ee gaa’elaa yaada qabdu akkas jechuudhaan natti himte, “Wanta fagoo jiru tokko meeshaa dhiyeessee namatti mul’isuun yommuun ija koo lamaaniin lafa onaa fuula koo jiru fagootti ilaalee hubadhu, hariiroo ilaalchisee qaamota sadarkaa adda addaa irra kan jiran, kan du’an, du’uuf kan dhiyaatan, kan wal-hiikan, kan adda ba’an, kan tortoran nan arga. Eddan kana hunda argee booda, haata’u malee anis maaliifan bakka kanatti deemaa Jedheen of gaafadhe.”

Har’as gaaffiin barattoonni gaafatan isa kana fakkaata. Michuu jaalallee ta’ee hanga dhumaatti deemu cimsanii yoo barbaadanillee gaa’ela garuu ni sodaatu. Barruulee “News week” jedhamu irratti barreeffama gabaabaa tokko keessatti misirroon reefuu heerumtu tokko akkas jette,”Gaa’elli abbaa fi haadha koo yommuu diigamu argeera, anillee gaa’ela kana hanga yoomiitti akkan eegee tursuu danda’u hin beeku” jette.

Dhaloonni gaa’ela maatii isaanii miidhame irraa waan ta’e tokko fudhatee hin baane hin jiru. Ijoollee hedduun waggaa waggaadhaan diigamuu gaa’ela maatii isaaniif saaxilamu. Haala akkasii keessa kan dabran barattoonni hedduun waan isaan irra ga’e yommuu ibsan akkas jedhu.

Maartaa:- Gaafa tokko waaree booda mana barumsaa irraa yommuu gara manaatti deebitu abbaan ishee uffata isaa hunda qabatee balbala irratti walitti dhufan. Gaa’ela isaa diigee deemuusaa ture. “Yaa damma koo! deebi’ee dhufeen si arga” jedhee, adda isheerra edda dhungatee booda bira darbee deeme. Maartaan guyyaa sanarraa kaastee lamuu isa hin agarre.

Ribqaa:- Haatii fi abbaan ishee ammayyuu waliin jiru. Garuu xiyyeeffannoon isaanii hundi faayidaa hojii isaaniirraa argatan irratti qofaa kan hundaa’e dha. Guyyaa ayyaana maatii mana barumsaa ishee keessatti kabajamu irratti warri ishee kan argaman guyyoota muraasa qofaadha. Amma garuu isheen kolleejjii galteetti. Lamaan isaanii keessaa tokkoo isaaniillee kan Ribqaan itti dhihaattee dubbiste yeroo xiqqoofidha.

Filiphoos:- Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa keessa yemmuu ture gaafa tokko haatii fi abbaan isaa mana ciisichaa isaanii keessaa yemmuu wal-jeeqan dhaga’e. Battalumatti meeshaan mana keessaa yommuu walitti rukutamuu fi caccabu ni dhaga’ama ture. Itti fufees iyyi dhaga’ame. Yeroo kana Filiphoos yemmuu haati isaa waan qara qabuun waraanamtee dhiigdu arge. Innis dafee gara poolisiitti yemmuu bilbilu poolisoonnis dhufanii abbaa isaa to’annaa jala oolchuudhaan fuudhanii deeman. Filiphoos, haati isaa fi obboleettiin isaa gara mana boqonnaa tokkootti geeffamanii waliin jiraachuu eegalan. Guyyaa sana irraa kaasee hanga har’aatti abbaan isaa eessa akka jiraatu hin beeku.

Gaa’ela gaarii qabaachuu dandeessa.

Namoota jireenya akka Maartaa, Ribqaa fi Filiphoos keessa darban argitee beekta ta’a. Tarii atimmoo jireenya akka isaanii yookaan kan kansaanii caalu keessa darbiteetta ta’a. Maatiin kee walitti bu’iinsa, walii galtee fi boqonnaa dhabuudhaan kan raafame ta’uu danda’a. Kanarraan kan ka’e atis gara fuula duraatti gara jireenya gaa’elaatti seenuu fi dhiisuu gidduutti murteessuu dadhabuu dandeessa. Sababiin kees immoo gara gaa’elaatti yoo seente jireenya jeequmsaan guutame keessa galuudhaan ijoollee kee irra yaaddoo fi siqiqiin akka hin geenye yaadda’uu dandeessa. Ishee si jaallattuu wajjin jaalalaan wal-qabattee jireenya gaa’elaa keessa galuu isa jedhu yommuu yaaddu si gammachiisuu danda’a. Garuu gara tarkaanfiitti seenuuf yommuu jettu gaa’elli fakkii nama naasisu tokko ta’ee sitti mul’ata. Yeroo kana dhaabattee, “Haata’u malee miidhaa maatiin koo anarraan ga’an keessa cabsee darbuudhaan gaa’ela nagaadhaan guutame, fayya qabeessaa fi gammachuu qabu hundeeffachuu nan danda’aa?” jettee of gaafatta. Deebiinsaa eeyyeen ni dandeessa kan jedhu dha.

Bara 1976 irraa eegalee gaa’eloota rakkina keessa jiran akka hin diigamne dhabbata gorsu tokko keessaa yommuun hojjechaa ture, gaa’eloota abdii jireenyaa dhabanii balaarra turan kumaatamatti lakkaawaman yommuu deebi’anii fayyuudhaan bayyanatanii dhaabatan argeera. Waaqayyo namoota warra sababa gaa’elatiin lapheen isaanii cabe karaa aaragalfii fi jajjabinaa kan ofii isaa isaaniif qopheesse qaba.

Yoo rakkina qabaatellee gaa’elli ni barbaadama.

Gaa’ela keessatti rakkinnii fi siqiqiin akkasii yoo mul’atellee, ammayyuu namoonni maaliif gaa’ela keessa seenuuf fedhii godhatuu jennee gaafachuu dandeenya. Jireenyi gaa’elaa jireenya ba’aa fi yaaddoon guutame, jireenya muddamiinsaan guutame yoo fakkaatellee ammayyuu gaa’elli waan baay’ee barbaadamuuf namni kana yaaluuf abdii kutatu hin jiru. Yeroo dhihoo qorannoo namni Luwiis Haaris jedhamu tokko godheen barattoonni kolleejji dhibbantaa 96% ta’an gaa’elatti galuu barbaadu yookaan galaniiru. Harka 97% kan ta’an maatiin tokkummaa fi walitti dhiheenya gaarii qabu tokko burqaa gammachuu akka ta’e cimsanii walii galu. Gaa’elli gaarii ta’ee fi hamma dhumaatti deemu argachuudhaaf abdii qabaachuudhaan namni hundi gaa’ela yaaluuf fedhiin irraa mul’ata. Kanaaf gaa’elli maaliif akkas barbaadamee?

Dhugaansaa isa kana dha, Eenyullee ko’eessa ta’ee jiraachuu hin barbaadu. Hawwiin keenya dhimma mataa keenyaa irratti xiyyeeffannaa kennuu, yaaduu fi gochuu yoo ta’ellee, nama nutti dhiyaatee nu jaallatuu fi nuuf yaadu cimsinee barbaaduun keenya hin oolu. Yemmuu mataa keenya gaafannu, “Ani qofaa koo jiraachuun barbaada” jennee ofuma keenyaaf jiraachuuf fedhii yoo qabaannellee, garuu nama biraa wajjin jaalalaan qabamnee jiraachuuf fedhii jabaa qabna.

Jaalala saala faallaa fedhuun baay’ee barbaachisaa yoo ta’ellee walitti dhufeenyi nuti uumnu hundi barbaacha quunnamtii saalaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu hin qabu.

Gaa’elli maaliif diigamaa?

Gaa’ela keessatti fedhiin namoota hedduu bara baraaf waliin jiraachuu ta’ee utuu jiruu dhumni isaanii dheekkamsa, aara galfii dhabuu fi gar-gar ba’uu keessatti maaliif kufuu? Namoonni hedduun miira isaanii irratti hundaa’anii tokkummaa gaa’elaa hundee jabaa qabu argachuuf yaalu. Jaalalli hiriyyummaa namoota hedduu jaalalaa fi wal-simachuu irratti jalqabee, namni inni tokko hanga ga’ee isaa raawwatetti qofa adeema. Karaa lachuu wanti hundi nagaa ta’ee akka miirri ho’ee jirutti yoo itti fufe dhirsaa fi niitiin tokkummaa isaanii gammachuudhaan mi’eeffatu. Tarii karaa qaama isa biroo sana immoo wanti nama gaddisiisuu fi dheekkamsiisu akka hin uumamne gochuun yeroof isa hin yaaddesu ta’a. Garuu yeroo miirri qabbanaa’u inni tokko nama hanqina qabu sana jaallachuuf humna hin qabaatu. Yeroo kana egaa fedhiin jara lachuu kan wal-hin simannee fi walitti hin mi’oofne ta’a. Kuni immoo gara wal-miidhuutti geessa. Inni tokko isa biraa jalaa baqachuuf jecha dahoo mataa isaa qotachuu eegala. Walii galtee fi mariin wal-dhagahuu gadi bu’aa deema. Walitti bu’iinsaaf sababa kan ta’an wal-dhabuu fi wal-hubachuu dhiisuun akka tulluutti ol ka’aa adeema. Kunis dheekkamsaa fi gara jabinaaf akka boba’aatti gargaara. Araarrii fi dhiifamni gidduu galee rakkina jal’inaan guutame kanaaf yoo furmaata fide malee jaalalli namoota kana lamaan gidduutti argamu kuni balaa keessatti kufa.

Walitti dhufeenyi akkasii kuni yeroodhaaf jechuunis wantoonni ofittummaa dammaqsan hamma uumamanitti mataa dhokfatee kan jiraatu dha. Haata’u malee har’a ta’uu baatus turee boru dhugaan kuni gaaf tokko ija baasee mul’achuunsaa hin oolu. Dhirsaa fi niitiin qaama tokko ta’an kun ilaalcha fooyyee qabu tokko yoo qabaatanillee, wanti adeemsa keessa ijaan argamu garuu namoonni of danda’anii fi ofiif jiraatan lamaan yeroo hunda fedhii fi hawwiin isaanii gosa tokko ta’uudhaan furmaata argatu jechuu miti.

Kanaaf gaa’ela gaarii fi fooyyee qabu attamiin argachuun danda’amaa?

Jaalala hiriyyummaa dhugaatiin fiixaan ba’umsa gaarii argachuuf hirmaannaan hojii jara lachuu barbaachisaa dha. Warri wal-fuudhan lachuu fedhii fi hawwii mataa-mataa isaanii ganuu qabu. Of jaallachuu dhiisuudhaan aarsaa godhanii of kennuu nama gaafata. Yeroo tokko-tokko dhirsaa fi niitii keessaa namni tokko waan tokko qajeelummaadhaan bifa quubsaa ta’een yommuu godhu waan sana obsaan simachuurra dheekkamsi dursee dhufa. Sababiin kanaas uumama keenya keessa kan jiru mallattoo of jaallachuuti malee aarsaa godhanii of kennuu miti.

Kuni maaliif ta’ee?

Addunyaan amma keessa jiraachaa jirru kun, kan namoonni mudaa hin qabne qofaan keessa jiraatan ta’eera utuu ta’ee, Waaqayyo dur gaafa gaa’ela uume sana akkuma turetti, tokkummaan gaa’ela isaanii mi’aa weedduu kan qabaatu ta’a ture. Garuu kan amma jiraachaa jirru addunyaa hanqina qabu keessa dha. Dhuguma dubbachuudhaaf hundi keenya cubbuu ofittummaatiin faalamneerra. Cubbuu jechuun maal jechuudhaa? Nuti yeroo hedduu waan qajeelaa ta’e tokkorra waan qajeelaa hin taane gochuutu nutti tola. Gara jabeeyyii fi hadhaawoo, ofittoota, hamoota, oftuultotaa fi araara dhabeeyyii taana. Kanaaf dhirsiif niitiin qorumsa akkasii keessaa mataa isaanii baafachuuf jecha yoo dhama’an nama hin dinqu.

Yeroo hunda ilaalchi “wanti ani fedhu duwwaan anaaf haa ta’u” jedhu afuura waliin jiraachuu cabsa. Adeemsi miidhaa uumu kuni immoo jalqaba irraa kaasee hanga walitti dhufeenyi boora’ee gaa’ellis diigamutti gara laafina malee itti fufa.

Fuula guurree dheekkamuudhaan gochaa kanaaf falmuu hin qabnu. Gaa’elichi carraa cimee itti fufuu akka hin dhabneef, nama biraa sanas jaallachuuf akka dandeenyu gargaarsi keessa keenya cabsee seenuu qabu nu barbaachisa.

Amalli ofittummaa fi cubbamuun akkasii kuni kan gar-gar baasu dhirsaa fi niitii qofaa miti. Burqaa jireenya keenyaa isa ta’e Waaqayyo irraallee gar-gar nu baasa. Waaqayyo akka hundeessaa fi ogeessa gaa’elaatti jaalallis attamiin akka hanga dhumaatti deemuu akka danda’u kan beeku isa duwwaadha. Inni jalqaba irratti isa waliin walitti dhufeenya dhuunfaa akka qabaannu fedha. Sana boodas isa irraa qajeelfama akka fudhannu barbaada.

Waaqayyo gargaarsaa fi eebba isaa kan nuuf ergu, gufuu fi rakkina guyyaa guyyaadhaan nu mudatu qofaaf miti. Kanaan dura cabiinsaa fi madaa nurra ga’ee turee fi akkasumas miidhama isa walitti funaanaa turre sana hunda irraa nu fayyisuufidha malee. Fakkeenyaaf bara dargaggummaa keenyaa filannoo dogoggora ta’e keessa galuudhaan saala faallaa waliin dogoggoraa fi badii keessa seenneerra yoo ta’e sana keessaa bilisa nu baasuudhaan nu qulqulleessa. Waaqayyo mirgaa fi aboo mucummaa isarraa nuuf kennameen akka fayyadamnu cimsee barbaada. Mirgi keenya inni tokko gaa’ela keenya keessatti gargaarsa Waaqummaa isaa gaafannee argachuu dha.

Dhugaa kana fakkeenya dhirsaa fi niitiidhaan agarsiisuun barbaada. Duraan dursee dhirsaa fi niitiin kuni (Caalaa fi Caaltuu jedheera maqaasaanii) jireenya isaanii keessatti dahoo fi eebba isa ta’e Waaqayyoof bakka hin laanne ture. Haala isaanii isa itti aanu keessatti immoo Caalaa fi Caaltuun walitti dhufeenya lamaan isaaniitti dabalee gooftaa Yesus waliinis hariiroo qabu.

Haala tokkoffaa:-Gaa’eelli maalif akka diigamu agarsiisuu

Guyyichi Dilbata ganama yoo ta’u Caalaan kubbaa taphachuu barbaada. Ganama ciisaa ka’ee niitii isaa Caaltuudhaan har’a hanga sa’a 10:00 tti akka manatti hin deebine itti hime. Caaltuunis edda dhageessee booda guungumtee, “Har’a akka bashannana waliin deemnu murteessinee turre, amma wanti kana jijjiiru maaltu uumamee?” ittiin jette.

Innis sagalee isaa ol kaasee iyyuudhaan,“Gonkumaa ani waan akkasii hin dubbanne. Ani eddan kubbaa taphadhee torbeen lama na darbeera, qilleensi har’aa caamaa fi gaarii waan ta’eef ani deemeera” jechuudhaan balbala duubaan darbatee ba’ee deeme.

Caaltuun hedduu gaddite. Bakka jirtu teessee edda boossee booda, aariidhaan meeshaa ishee bira jiru hunda ol fuutee mana keessa olii fi gadi darbachuu eegalte. “Eeggadhu! Ani Caaltuu miti!” jechaa qofaa ishee teessee doorsisa hedduu gadi roobsuu eegalte. Sana boodas michuu ishee tokko bilbiltee waamuudhaan edda laaqana wal-afeeranii booda gabaa ba’anii waan tokko-tokko waliin bitan. Caaltuun uffata qarshii kuma tokkoon bitte. Caalaan akka aaruuf jettee uffata adda addaa kan gatii guddaa baasus dabaltee bitte. Yeroo kana baasiin isaanii gar-malee ol ka’e.

Caalaan edda kubbaa taphatee booda michoota isaa waliin gara mana dhugaatii deeman. Tokko lama jechuudhaan walirratti dabalee dhuguu eegale. Caalaan utuma dhugaa jiruu dubartii ishee mana dhugaatichaa sana keessaa keessumeessitu tokko bareedduu ta’uu ishee hubate. Dubartiin bareedduun kuni waan dhugamu sana dabaluufiif jecha yeroo isheen gara isaatti dhuftu, gurra isheetti jedhee waan ta’e itti asaase. Isheenis waan inni isheedhaan jedhe waan mormite yoo fakkeessitellee fedhashee akka ta’e ifa fuula ishee irraa mul’ata ture. Ammas dhugaatii fiddee yommuu dhuftu waraqaa xiqqaa kan lakkoofsi silkii ishee irratti barreeffame malaan kenniteef. Caalaanis dafee waraqaa sana fuudhee dhoksee kaayyate.

Caalaan sa’a 11:00 irratti yemmuu mana ga’u sodaadhaan guutamee ture. Yeroo sana Caaltuun sagalee Televiziyoonaa garmalee ol kaaftee teessee ilaalaa turte. Caalaan akkuma ol seeneen meshaawwan bitaman haaraan fuula dura walirra tuulamanii jiran arge. Innis aariidhaan guutamee sagalee televiiziyoona sanaa edda cufee booda quba isaa gara meeshaa bitame sanaatti agarsiisuudhaan dubbachuu eegale. Caaltuunis “waadaa galte eeguu qabda!” jechaa kaatee mana ciisichaa keessa seenuudhaan humnaan darbattee cuficha cufte. Lachuu walirraa fagaatanii sagalee ol ka’aadhaan yeroo dheeraaf wal-jeeqaa edda turanii booda Caalaan achuma soofaarra saalona keessa yoo bulu isheenis qofaa ishee bulte.

Haala Lammaffaa:- Gaa’elli gaarii fi fooyyee qabu attamiin argachuun akka danda’amu.

Guyyichi Dilbata ganama yoo ta’u Caalaan kubbaa taphachuu barbaada. Ganama ciisaa ka’ee niitii isaa Caaltuudhaan hanga sa’a 10:00 tti akka hin deebine itti hime. Caaltuunis edda dhageessee booda dinqisiifattee, “Har’a akka bashannana waliin deemnu dubbannee turre ni irraanffatte moo?” ittiin jette.

Innis sagalee komiitiin deebisee, “Maaloo dhiifama boru gochuu hin dandeenyuu? Ani eddan kubbaa taphadhee torbeen lama na darbeera. Guyyaan har’aa caamaa fi mijataa dha, amma deemuun qaba” edda jedhee booda balbala cufee ba’ee deeme.

Caaltuun hedduu gaddite. Bakka jirtu teessee edda boossee booda, aariidhaan meshaa ishee bira jiru hunda ol fuutee mana keessa olii fi gadi darbachuu eegalte. “Eeggadhu! Ani Caaltuu miti!” jechaa qofaa ishee teessee doorsisa hedduu gadi roobsuu eegalte. Akkuma isheen aarte kana innis akka aaru hawwite.

Caaltuun manaa baatee qilleensa fudhachuudhaaf miilaan xiqqoo deemuu barbaadde. Karaa mana bashannana sanaa dabraa utuu jirtuu gaddii fi aariin keessa ishee ture suuta-suuta qabbanaa’aa dhufe. Deebitee yommuu manatti galtus jilbeenfattee kadhachuu dandeesse. “Yaa gooftaa Yesuus Caalaan nama ofittoo dha jedheen isatti aaree ture. Anis akkasuma nama ofittoo akka hin taanee fi karaa kee irraa akka hin banneef na gargaari” jechuudhaan kadhannaa ishee edda raawwattee booda hiriyyaa ishee bilbilaan edda waamtee booda waliin deemanii laaqana wal-affeeran. Itti fufaniis gara gabaa deemuudhaan wantoota adda addaa bitan. Caaltuunis uffata haaraa bitatte.

Caalaan tapha isaa edda raawwatee booda hiriyyoota isaa waliin waan nyaatamuu fi dhugamu barbaacha deeman. Caalaanis dubartiin mana nyaatichaa keessaa keessummeessitu suni intala bareedduu ta’uu ishee hubatee ture. Garuu fuula ifaa ta’een nagaa obbolummaa edda ishee gaafatee booda hiriyyoota isaa waliin gara nyaata qophaa’e sanaa deeme. Garuu gidduutti Caalaan ganama barii yommuu manaa ba’e Caaltuun isatti guungumtee isa aarsuudhaan tapha kana irraa isa hambisuudhaaf akka turte, kanaafis isheetti aaree akka ture yaade. Amma garuu innis yeroo manaa ba’u waan godhee fi dubbate sana hundaan attam akka ishee miidhe edda yaadatee booda dhuguma onnee isaa irraa gaabbiin isatti dhaga’ame. Kanarraan kan ka’es gammachuun isaa guutuu hin turre.

Sana booda sagalee isaa ol kaasuudhaan hiriyyoota isaan, “Egaa obboloota koo gara manaatti deemuukooti, galee Caaltuu waliin yeroo koo dabarsuun fedha” jedheen. Isaanis isatti qoosuudhaan yaada isaa akka jijjiiru yoo yaalanis, inni garuu duubatti hin deebine.

Caaltuun guyyaa keessaa sa’atii 7:00 irratti yommuu mana galtu, Caalaan gara manaatti galee kutaa manaa bakkatti nyaanni bilcheeffamu keessa kursii tokkorra taa’ee yommuu isa argitu baay’ee ishee dinqe. Uffataa fi wantoota adda addaa kan bashannanaaf qophaa’an qabatee ture. Miidhamni ishee sagalee ishee keessaan utuu isheetti beekamuu, “Caalaa maaliif yeroodhaan dhuftee?” jettee isa gaafatte. Caalaanis “Ganama yommuun manaa ba’e waan gaarii hin taane godhee siinis miidhee deemuu kootiif nan gadda, ani kubbaa taphachuuf fedhuu koo irraan kan hafe waa’ee fedhii kee gonkumaa dhimma koo hin godhanne, ofittoo waanan ta’e natti fakkaata, maaloo dhiifama naaf gootaa?” isheedhaan jedhe.

Caaltuun gaabbiidhaan hidhii ishee ciniinte. Ammas miidhamni ishee isheetti dhaga’amaa jira. Caalaan dhugumayyuu waan gaabbe fakkaata. Dafee yeroodhaan tapha isaa gar-gar kutee dhufuun isaa waan guddaa ture. Caaltuunis, “Tole, dhiifama siif godheera.” Jetteen.

Edda wal-haammatanii wal-dhungatanii booda, Caalaan “Guyyicha bifa haaraatiin eegaluu dandeenya? Yeroodhaan kanan dhufe ammallee bakka bashananaa deemuudhaaf yeroon akka nu ga’u hubachuudhaanidha. Waan nu barbaachisu hunda qopheesseera. Haa deemnuu?” jedhee ishee gaafate.

Caaltuun akkuma dhaadatte Caalaatiin aarsuu yoo barbaaddellee garaa jabaachuu hin dandeenye. Kanaafis fuula ifaan guutamtee fedha ishee akka ta’e mataa raasuudhaan isaaf mirkaneessite.

Caalaa fi Caaltuuf guyyichi ni jijjiirame. Aarii fi dheekkamsi lamaan isaanii keessaa haxaa’amee qulqullaa’eera. Tokkummaan isaanii akka bishaan lafa keessaa burquu haareffameera. Jireenya isaanii lachuu keessatti Yesus hojiirra ture. Duraan dursee fedhii dhuunfaa isaanii aarsaa godhanii jiraachuu akka danda’aniif cimina isaaniif kenne. Sababiin kanaa immoo yeroo hunda yommuu wanti akkasii nama mudatu dhiifama gochuu fi gaafachuun kan milkaa’u yoo gooftaan nama gargaare malee hin danda’amu.

Namoota armaan olitti argine lamaan gidduutti walitti dhufeenyi jiru walxaxaa akka ta’e dimismisaanillee ni mul’isa. Haata’u iyyuu malee gaa’ela tokko keessatti akkasumas jireenya dhirsaa fi niitii gidduu yommuu galamu haalonni akka jijjiiraman fakkeenyi argine nu hubachiisa. Gaa’elli kristaanaa salphaadhumatti walitti qabama seeraa fi qajeelfamaa miti. Gaa’elli kristaanaa ofiisaa jireenya dha. Yeroodhaa gara yerootti Waaqayyo waliin hariiroo uumuudhaan, Isa biraas qajeelfamaa fi humna fudhachuudhaan akka jiraatanitti godhamee jireenya bocamedha.

Gaa’elli kee dhimma itti diigamuuf hin qabuutii-Sagalee Waaqayyoo dhaga’i.

Sagaleen Waaqayyoo diigamuun gaa’elaa gaddisiisaa akka ta’e ibsa. Kanaa mannaadhaa gadi of-deebisuu fi mirga ofii dhiisuudhaan akka jiraannu, dhirsaa fi niitii gidduu dhugaan akka jiraatuu fi akkasumas cubbuu ejjaa irraa of eeggachuudhaan akka jiraatan fi dhimmoota biroos ni barsiisa. Haata’u malee akka raawwannuuf isa abboomamne sana hunda utuu tokkollee hin hambisin hojiirra oolchina jechuu miti. Attam gochuu akka qabnu Waaqayyo biraa qajeelfama argachuutu nurraa eegama. (Fakkeenyaaf michuu gaa’elaa tokkoof soba irra dhugaa dubbachuutu faayidaa qaba.) Haata’u malee walitti dhufeenya gargar hincinne keessatti Waaqayyo Chaappaa mataa isaa kaa’uudhaaf ogeessaa fi beekaa attamii akka ta’e hubachuun isaanii caalmaatti faayidaa qabeessa dha.

Fakkeenyaaf Waaqayyo quunnamtiin saalaa gaa’ela booda ta’uu akka qabu cimsee dubbata. Haata’u malee akka aadaa warra dhihaatti dhibba keessaa 64% kan ta’an barattoonni kolleejjii, “Gaa’ela dura waliin jiraatanii ilaaluutu yaalii gaariidha” jedhanii amanu. Barattoota kana keessaa hedduun isaanii waan gaa’ela maatii isaanii mudate warra argani dha. Kunis gaa’elli maatii isaanii yommuu diigamu waan arganiif, gaa’ela duraan dursa bifa kanaan yaaluun gaarii akka ta’etti fudhatu.

Kanaaf Waaqayyo gaa’elli quunnamtii saalaa akka dursu maaliif godhee? Sababiin isaas isa kanadha. Innis tokkummaa fiixaan ba’umsa qabu akka qabaannuuf waan fedhuufidha. Namoonni lama jaalalli isaanii utuu mudaa hin qabaatin akkasumas utuu yaaddoo keessa hin seenin attamiin waliin gara fuula duraatti fufuu danda’uu? Qorannoon karaa kana godhame akka mul’isutti, lakkoofsi namoota gaa’ela isaanii diiganii kan baay’atu warra gaa’ela dura quunnamtii saalaa raawwachuudhaan waliin jiraachuu eegalanii akka ta’e agarsiisa. Beekumsi Waaqayyoo dogoggora hin qabu. Inni yeroo hunda sirriidha. Qajeelfamni Waaqayyoo yeroo hunda kan dhufu kallattii of eeggannaa fi kunuunsaa inni nuuf godhu irraati.

Waaqayyo gara gaa’ela gaariitti si gaggeessa.

Haata’u malee, “Waaqayyo Waaqni keenya gorsa duwwaa kan kennu gorsituu gaa’elaa duwwaa ta’uu hin fedhu. Nuti akka isa beeknu, isa waliinis hariiroo jabina qabu akka qaabaannuu fi akka isatti amanannu ni fedha.” Nama biroo utuu hin jaallatin dura jaalala isaa isa haal duree tokko hin qabne sana shaakaluu akka qabnu nu hubachiisa.

«Waaqayyo Waaqni keenya gorsa duwwaa kan kennu gorsituu gaa’elaa duwwaa ta’uu hin fedhu. Nuti akka isa beeknu, isa waliinis hariiroo jabina qabu akka qaabaannuu fi akka isatti amanannu ni fedha.»

Yommuu nuti jaalala Waaqayyoon tuttuqamnu inni nuyiin bakka bu’uudhaan waan nama dinqisiisu tokko jireenya keenya keessatti raawwata. Gar-malee of jaallachuun keenya namoota biroo waliin walitti dhihaachuu keenya keessatti rakkina akka nutti uume yeroo hedduu waliin dubbanneerra. Hojii gaarii attamii yoo hojjennee fi yaalii gara garaa yoo goone illee fuula Waaqayyootti cubbuu keenyaaf dhiifama nuuf argamsiisuu hin danda’u. Ija cubbuu fi irra daddarba keenyaaf, gatii inni sirriin du’a qofaadha. Kana jechuun immoo jireenyi keenya inni lafarraa kuni gaafa raawwatu Waaqayyo irraa bara baraaf gar-gar ba’uudha. Kanaaf kana jijjiiruuf nuti ofii keenya wanti gochuu dandeenyu tokkollee hin jiru. Inni mudaa malee ta’anii argamuu nama gaafata. Waan salphaattis keessaa baanu miti. Kanaaf firdiin Waaqayyoo jaalala isaa isa dinqii ta’e waliin ta’uudhaan inni ofii isaatii furmaata waan kanaaf ta’u nuuf arjoome.

Yesus Kristos Waaqni inni nama ta’e beenyaa adabbii gatii cubbuu keenyaa isa ta’e du’a keenya ofii isaa baasuudhaan nu fayyise. Yesus kana caalaas karaa Waaqayyoo barsiisuudhaan jireenya hiika qabu nuuf kenna. Duraan dursee garuu kaayyoon foon uffatee gara biyya lafaa dhufuu isaa waa’ee cubbuu keenyaa bakka keenya du’uuf akka ta’e nuuf ibsa. Cubbuu koo, cubbuu keessan akkasumas cubbuu hunda keenyaa fi cubbuu addunyaa hunda tokkollee utuu hin hafiin fannoo irratti fannifamuudhaan gatii isaanii baase. Kanaafis araara isa irraa arganna. Amma dhiifamni nuuf godhameera. Du’ee awwaalamee, guyyaa sadii booda du’a mo’uudhaan ka’e. Dhugaa baatuu warra ijaan argan dabalatee namoonni hedduun jireenyi isaanii Yesusiin jijjiirame hundi dhugaa ba’umsa dinqii kana bakka hundatti dubbatu.

Gaa’elli filannoo bilisa ta’een akkuma murteeffamu, Waaqayyos walitti dhufeenya isa waliin qabdu bilisummaadhaan akka murteessitu siif eeyyameera

Waaqayyoon simachuuf jecha gochaan adda ta’ee fi kan nurraa eegamu hin jiru. Hariiroon nuti isa waliin qabnu kennaa isa isarraa tola nuuf kennamedha. Kunis murtoo filannoo keenyaan murteeffamudha. Kennaa araara isaa kana fudhannee isa waliin tokkummaa qabaachuu dandeenya. Yesus deebisee, “Karichi, dhugaan, jireenyis ana; anaan yoo ta’e malee eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” (Yoh 14:6). Inni gara jireenya keenyaa dhufuu barbaada. Ammas taanaan inni filannoo fi murtoo hunda keenyaa kabaja. Egaa gaa’elli barbaachisummaansaa itti amanamee murtoodhaan kan raawwatu edda ta’ee, filannoon inni kuni garuu caalmaatti xiyyeeffannaan itti kennamee murtoodhaan hundaa’uu qaba.

Yaa fira koo! Haata’u malee Waaqayyo Waaqa kee waliin tokkummaa bara-baraa akka qabaattuu fi jireenya kee keessatti inni ga’ee akka qabaatu ni feetaa? Ogummaa Waaqummaa isaatiin gaggeeffamuu fi hirkoo fi gargaarsa akka siif ta’u ni barbaaddaa?

Murtoon deebii kee “Eeyyen!” yoo ta’e ammuma kana gara jireenya keetti isa affeeruu dandeessa. Misirroonni gaafa gaa’ela qulqulluudhaan tokko ta’uuf jedhan fuula sabaatti dhihaatanii yommuu gaafataman fedhii isaanii, “Eeyyeen!” jedhanii akkuma mirkaneessan hunda, atis Yesus Kristosiin gara jireenya keetti galfachuuf fedhii kee mul’isuudhaaf, “Eeyyeen! Nan galfadha” jettee akka fedha qabdu dhugaa ba’uudhaan mirkaneessuu dandeessa. Yesus akkas jedhe, “Kunoo, ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta; namni sagalee koo dhaga’ee balbala yoo anaaf bane, ani ol nan lixa, isa wajjinis maaddiitti nan dhi’aadha, innis anaa wajjin in nyaata” (Mul 3:20). Macaafni qulqulluun, “Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif aboo isaaniif kenne” (Yoh 1:12) waan jedhuuf, ati amma mucaa isaa ta’uu barbaaddaa?

Jaalala Waaqayyo siif qabu baruu fi gara jireenya kee akka seenu gaafachuu ni feetaa? Kuni haala ati eenyummaa kee isaaf ibsitu irratti hundaa’a. Kadhannaan armaan gadii attamiin akka kadhattu yaada siif kenna. “Yaa gooftaa Yesus ati na barbaachifta, waa’ee cubbuu kootiif jettee fannoo irratti waan anaaf duuteef sin galateeffadha. Balbala jireenya koo siif banuudhaan fayyisaa koo godhadhee sin simadha. Cubbuu koo anaaf dhiiftee jireenya bara baraa waan anaaf kenniteef sin galateeffadha. Jireenya koo dhuunfachuudhaan nama akka garaa kee ana godhi. Ameen!”

Dhugaa fi qajeelummaadhaan kadhata kana kadhatteetta taanaan Waaqayyo waliin tokkummaa uumuu eegalteetta jechuudha. Edda kuni ta’ee booda gaa’ela kee irratti bu’aa attamii argitaa? Dhuguma amma gaa’illi kee maaliif akka diigame hubatteettaa. Waaqayyoonis qajeelfama gaafachuu akka qabdu barteetta. Ogummaa hafuuraa fi humna ittiin michuu gaa’ela kee jaallatu Waaqayyo akka siif kennuuf isa gaafachuu dandeessa. Kana booda jireenya gaa’elaa jaalalaan guutame qabaachuu dandessa. Akkuma dhirsaa fi niitii kamiyyuu dogoggora qabaachuu dandeessu. Al tokko-tokko gaa’ela keessan cimsitanii dhaabuuf dhamaatu ta’a. Garuu hamma gaafa Waaqayyo irratti hirkattaniitti, inni cimina, mul’ataa fi humna ittiin michuu gaa’elaa keessanii ofirra caalchiftanii jaallatan akkasumas humna ittiin garaa dhiifamaa shaakaltan isiniif kenna. Gaa’illi keessanis bara baraan itti fufiinsa qabaata.

 Yesuus gara jireenya koo akka seenu affeerera (Yaada dabalataa)
 Yesuusiin gara jireenya kootti simachuu nan fedha. Waa'ee kanaa caalmaatti na hubachiisaa.
 Gaaffiin qaba

FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More