×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Quunnamtii saalaa fi jaalala

Barbaacha jaalallee fi quunnamtii saalaa

Akkaataa ittiin jaallatanii fi jaallataman bari. Hariiroo jaalalaa qabdu keessatti hiriyummaa shaakaluu…

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Riichaard Parneliin

Doktor Braandit namni jedhaman tokko barruulee “Collegiate Challenge” jedhamu keessatti akka barreessanitti, ogummaa nama gorsuu isaanii keessatti waan hubatan tokko lafa kaa’aniiru. Innis yeroo baay’ee namoonni wal-jaallatan yookaan jaalalleen lama gorsa barbaacha yommuu gara koo dhufan akkas jedhu:- “Yeroo jalqabaa quunnamtii saalaa yommuu raawwannu gammachuudhaan ture. Xiqqoo turee garuu waan ta’e sana yommuun yaadadhu ofitti na aarsa, waa’ee koo de-ddeebisee yommuun yaadu miirri koo wal-dhahuudhaan aariidhaanan guutama. Waanan godhetti baay’een gaabba. Xiqqoo turee immoo waa’ee jaalallee koo yommuun yaadu miira nama hin gammachiifnee fi wal-makaa ta’etu natti dhaga’ama ture. Itti fufees garaa walitti dhiphannee walitti bu’uu fi wal-aaruu jalqabne. Dhuma irrattis wal-lollee gar-gar baane. Amma kunoo diinota walii taaneerra jedhanii natti himu” jechuudhaan mudannoo isaanii barruulee sana irratti barreessaniiru.

Dhibee dhukkuba xiin-sammuu akkasii kana dhukkuba barii barraaqaa jedheen waama. Hirriba keenya keessaa dammaqauudhaan yommuu ciisa keenyarraa kaanu jalallii fi walitti-dhiheenyi akkasii suni jireenya dhugaa irraa akka hin taane fi bakka sanas akka hin jirre ni hubanna. Yeroo sana irraa kaasee quunnamtiin saalaa gammachuu nuuf kennuu hin danda’u. Dhumni isaas akka abdii godhanne nuuf hin ta’u. Wanti itti fufee ta’u malidha ta’aa? yoo jenne, namoota fedhii dheebuu miira mataa-mataa isaanii duukaa fiigan lama, dheebuu fedhii mataa isaaniif jecha otuu fiigaa jiranii adda ba’uu ta’a. Wanti ta’e hundi isa kana dha. Jalalli inni dhugaa ta’ee fi walitti dhiyeenyi onneerraa madde muddama ariitiidhaan kan argamu miti. Kanaaf akkaataa kanatti barbaachi godhamu madaallisaa kan eeggatee fi kan wal-simate waan hin taaneef bu’aansaa gadda fi miidhama sammuu akkasumas jeequmsa xiin-sammuuf nama saaxila.

Hiriyyummaan jaalalaa qaamaan walitti dhihaachuurra caala

Uumamni nama hundaa uumama sirriitti beekaman kutaalee shan of keessaa qaba. Isaanis: Qaama, miira, sammuu, hawaasummaa fi hfuura jedhamu. Kutaaleen jireenya keenyaa shanan kuni akka funyoo jabaa ta’e tokkootti bakka tokkootti walitti marmanii akka hojjetan taasifamuudhaan kan uumamanidha. Hiphoo hiriyyaa jaalalaa barbaaddachuu keenya kana keessatti yaaliin keenya kuni har’a yookaan kaleessa akka furmaata argatu barbaanna. Rakkina keenya keessaa inni tokko altakkaatti ariitiidhaan dafnee dheebuu ba’uuf hawwuu keenyadha. Kanaaf inni nuti hawwaa jirru kunimmoo furmaata muddamaati malee jaalala isa dhugaa miti. Gaafa kana goonu immoo kutaa uumama keenyaa shanan kana keessaa isa tokko qofaafidha kan nuti furmaata itti kennuuf yaalle. Innis fedhii qaama foon keenyaati. Amma rakkinni guddaan nama kamiyyuu waliin walitti dhiheenya garii uumuu dadhabuu otuu hin taane, fedhii uumama keenyaa warra hafan arfaniif garuu wanumma akka ibidda cidii salphaatti qabsiifnee dhaamsamu ta’uu hin danda’u. Daqiiqaa soddoma yookaan sa’atii tokko gidduuti saala faalla tokko waliin walitti dhihaachuudhaan tokkummaa uumtee quunnamtii saalaa raawwachuu dandeessa. Wanta hundaa bifa kanaan edda xumurtee daqiiqaa muraasa booda quunnamtiin saalaa dheebuu qaama diidaaf duwwaaf furmaataa xiqqoo ta’uusaa hubatta. Kana keessatti akka nuuf hubatamu wanti barbaachisu tokko garuu jaalalli hiriyyummaa inni dhugaan madaallii dheebuu foonii akkasii kanaan ol akka ta’e beekuu qabna.

Haata’u malee quunnamtii saalaa yeroo hedduu raawwachuun fedhii sana waan hir’isu isinitti fakkaataa? Tarii “Jaalalli waan na qabateef” jechuu dandeessu ta’a. Keessi keessan garuu dheebuu ba’uu dhabuudhaan jeeqamee sammuun keessanis gaabbii guddaa jalatti kufa. Barattooni koleejjota adda addaa keessatti argaman hedduun jaalallee dhugaa barbaacha nama tokkorraa gara isa biraatti yommuu jooran hubadheera. Otuma jooraa jiranii yommuu nama haraa tokko waliin hariirroo akkasii eegalan:-“Kuni filannoo koo isa sirrii fi isa dhumaa ti, amma kunoo jaalallee argadhe, muchuun lubbuu koo dhugaan kunoo kanadha” jedhu. Ani akkan amanutti jooruun kan namaaf malu quunnamtii saalaaf utuu hin taane jaalala dhugaaf ta’uu qaba.

Bara kana hiriyyaa jaalalaa jechuun, hiriyyaa quunnamtii saalaa ta’ee argameera. Haat’u malee hiikkaan hiriyyummaan jaalalaa kanarra hedduu kan darbudha. Hiriyyummaan jaalalaa jireenyaa fi uumama keessa eenyummaa keenyaa dabalata. Dhugumayyuu! Qaamaan, miiraan, sammuudhaan, hawwaasummaa fi keessa hafuura keenyaa of keessatti hammata. Hiriyyummaan jaalalaa inni dhugaan utuu waan tokko hin hambisiin jireenya hunda hiruu jechuudha. Garuu amma hundi keenyayyuu guutuu jireenya keenya utuu homaa hin hambisiin nama biraaf hiruu isa jedhu kana miira nama kamiiyyuu kessatti mul’atee hin argamu.

Yeroo waa’ee jaalalaa yaadnu sodaan nu naasisu maalidhaa?

Maarshaal Hooj namani jedhamu kitaaba “Jaalalarratti sodaa ati qabdu” jedhu barreesseera. Kitaabicha keessattis Hooj yommuu dubbatu, “Hundi keenya jaalala ibsuuf ni hawwina, jaalallee lubbuu keenyaaf michummaa onneerraa madde qabaachuu keenya guyyaa itti ibsinu arguuf ni dheebonna. Haata’u malee garuu gaafa guyyaan murteessaa ta’e suni ga’utti jaalala keenya hojiidhaan mul’isuu dadhabnee humnas dhabnee hafuurri yommuu nu citu garaa duubaatti deebi’uu eegalla. Jaalala isa dinqissffannee fi faarfanne sana deebifnee sodaanna. Walitti dhihaachuus ni baqanna” jedheera. Kitaaba kana keessatti Hooj ammas itti fufee, “Nama tokko yommuu cimsitee itti dhihaattetti carraan farra adda-addaa fi akkasumas yaaddoo nama gaddisiisu namatti fidee dhufuunsaa akkuma sana dabala” jedha. Kanaafis gaddaa fi yaaddoo akkasii sodaachuu keenyarraa kan ka’e hiriyyummaa isa sirrii irraa gara duubaatti deebinee nama tokkorraa gara isa biraatti jooraa jiraanna.

Yuniveersitii tokko keessatti barnoota itti fufiinsa qabu tokkon barsiisa ture. Gaaf tokko barnoota koo booda dubartiin tokko gara koo dhuftee, “Waa’ee jaalallee koo waanan sitti himun qaba” waan naan jetteef edda bakka tokko teenyee booda waan isheerra ga’e natti himte. Daqiiqaa muraasa booda akkana naan jette, “Ani amma lammaffaa miidhamuu waan hin barbaanneef tarkaanfii isa dhumaa fudhadheera” naan jette. Anis itti fufeen, “Lammata jaalalatti akka hin kufne yookaan akka hin jaalanne tarkaanfii isa dhumaa fudhatteetta jechuudhaa”? jedheen gaafadhe. Ija guuttee edda na ilaaltee booda, waan natti dubbatte sana waanan ishee hin hubanne waan itti fakkaateef, itti fuftee akkas naan jette. “Akkas jechuu koo miti, lammata hangan of miidhutti dabarsee of hin kennu jechuu kooti malee naan jette. Kana booda caba laphee akkasii kana keessummeessuuf humna hin qabu” naan jette. Anis “Naaf galeera egaa kana booda jireenya kee keessatti ani jaalala hin barbaaddu jechuu keeti” n ittiin jedhe. Mee ilaalaa! Jaalalli dhukkubaa fi miidhama hin qabne hin jiru jechuu dha. Gara nama tokkootti baay’ftanii akkuma dhihaattaniin carraan lapheedhaa cabuu keessanii kuni bal’achaa deema.

Isinillee jireenya jaalalaa isa kanaan dura dabarsitan keessatti shaakala kana fakkaatu keessa akka dabartan nan yaada. Gaaffiin inni guddaan garuu jaalala irraa kan ka’e caba laphee wal-fakkaatu keessa darbuu keessan otuu hin taane, caba laphee sana attamiin keessummeessitanii? isa jedhudha. Cabiinsa laphee keessanii dhokfachuuf jecha akkas jechuudhaan ejjennoo ani amma “Milikita lakkuu” jedhee waamu calaqisiiftu, “Ani amma akka aniif ati walitti dhiheenya qabaannu nan barbaada, jaalalas jaallatamuus nan fedha, garuu itti yaaduuf yeroo gabaabaa na barbaachisa. Kanaan dura miidhaan narra ga’eera. Amma waa’ee sana yaadachuu hin barbaadu, achumatti haa bishaatu. Wantootan dabarse hunda amma dabalee yaadachuu hin fedhu” jenna. Kanaafis naanoo laphee keenyaatti akkuma gamoo warra Chaayinaa akka namni biraan nu hin miineef gamoo mataa keenyaa laphee keenyatti marsinee ijaaruudhaan akka namni suni nu hin miinee fi nu hin cabsineef of eeggannoo guddaa gochuu barbaana. Miidhaa karaa alaan dhufu ittisuuf jecha gamoon ijaarre suni deebisee ofii keenya akka yakkamaa mana adabaa seeneetti xaxee lafa nu kaa’a. Egaa dhumni keenya maal ta’a laataa? Dhukkuba ko’ummaatiin faalamnee hiriyyaa jaalalaa akka dheebonnetti hafuu ta’uu danda’a.

Jaalalli akkasii otuu isin mudatee maal gootuu?

Jaalalli miiraan oli dha, akkasumas miira gaariidhaan olidhas. Haata’u malee hawwaasni keenya jaalala, quunnamtii saalaa fi jaalala hiriyyummaa ilaalchisee murtoo Waaqayyo qabu jijjiiruu fi jal’isuudhaan gara fedhii miiraa duwwaatti ramade kaa’e. Sagalee Waaqayyoo keessatti Waaqayyo jaalala ilaalchisee ibsa bal’aa barbaachisaa ta’e 1Qor 13 keessatti kenneera. Waaqayyo waa’ee jaalalaaf hiikkaan inni kenne sirriitti akka nuuf galutti, boqonnicha keessaa lakkoofsa 4 hanga 7 keessa ergaa jiru bal’inaan akka ilaallu nan fedha. 1Qor 13:4-7 keessatti akka sagaleen Waaqayyoo lafa kaa’etti namni tokko yoo isin jaallate yookaan immoo yoo isin nama sana jaallatanii fi jaalalli jaalallee keessanii sunis:-

  • Danda’aa fi kan gaarummaa agarsiisuu fi kan hin inaafne yoo ta’e yookaan yoo taate?
  • Kan of hin jajne yookaan of hin tulle yoo ta’e yookaan yoo taate?
  • Lafa salphaa kan hin ijaajjine yookaan waan isatti tolu duwwaa kan hin barbaanne yoo ta’e yookaan yoo taate?
  • Kan hin dallannee fi waan hamaas kan namarratti hin lakkoofne yoo ta’e yookaan yoo taatee?
  • Kan qajeelina dhugaatti gammadu malee kan jal’inatti hin gammanne yoo ta’e yookaan yoo taate?
  • Waa’ee kee yeroo hundaa waan gaarii kan yaadu yookaan yaaddu, lachuu kan amantaa walirra qaban yoo ta’an fi walitti bu’uu kan hin feene yoo ta’e?

Jaalala hiriyyummaa keessatti jaalali Waaqayyo nuu kennee fi inni nuti shaakaluu qabnu jaalala isa akkasiiti. Jaalalli akkasii kuni jaalala nama biraaf xiyyeeffannaa kennu akka ta’e hubachuu dandeessu. Jaalalli kuni kennuu malaee fudhachuu kaayyoosaa kan hin godhannedha. Egaa kanaan alatti jiraachuu barbaadnee yoo rakkina keessa seenne maal nama dinqaa? Egaa haala kanaan jaallatamuu yoo barbaadne duraan dursinee jaalachuun unurraa eegama.

Jaalala hiriyyummaa keessatti jaalala akkasii shaakaluuf duraan dursinee jaalala Waaqayyoo shaakaluu qabna. Namni kamiyyuu jaalala Waaqayyo isaaf qabu otuu hin shaakaliin dura, jaalala akkasii kana nama biraaf otuu gar-gar hin kutiin mul’isuu fi shaakaluuf hin danda’u. Waaqayyo inni sii fi waa’ee kee hunda beekuu jaalala mudaa hin qabneen si jaallata.

Waaqayyo karaa raajicha Eermiyaasiin akkas jedhee dubbateera, “Ammas Waaqayyo fagootti anatti mul’atee, saba kanaan, ‘Ani jaalala bara-baraatiin si jaaladheera; kanaafan gaarummaa kootiin ofitti si dhi’eesse’.“ Ergaa kana keessaa jaalalli Waaqayyoo kan hin jijjiiramnee fi kan bara-baraa ta’uusaa hubanna.

Waaqayyo waaqni kan nu jaallate akka nuti laaqii cubbuurraa qulqulloofnuuf jecha wa’ee cubbuu keenyaaf jedhee tokkicha ilmasaa fannoo irratti dabarsee hanga kennuutti ture. Fannoo irratti ajjeefamuun gosa adabbii du’aa bara durii ture. Sagalee Waaqayyoo keessattis Yohannis 3:16 irraa, “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti.” jedhamee barreeffameera. Gara Waaqayyootti yommuu deebinuu fi araara isaa yommuu fudhannu jaalala isaa shaakaluu eegalla.

Wqqayyo waaqni ergaa Yohaannis isa duraa 1:9 irratti akkas jedha, “Cubbuu keenya yoo isatti himanne inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal’ina keenya hundumaattis nu qulleessa” jechuudhaan araara nuuf qabu nu hubachiisa. Waaqayyo cubbuu keenya nuuf dhiisuu qofaa otuu hin taane, hamma dhumaatti nu qulqulleessa, cubbuu keenya isa darbe sana gonkumaa lammata hin yaadatu.

Jaalala akkasiin jaallatamuun maal fakkaataa?

Haala kamiyyuu keessa yoo taanelle, Waaqayyo jaalala nuuf qabu gargar hin kutu. Yeroo hedduu hiriyyummaa yookaan hariirroo jaalalaa gidduutti jijjiiramni yoo uumame gara fuula duraatti fufuu hin danda’u. Fakkeenyaaf balaan yoo nama qaqqabu, hanqinni maallaqaa yoo nama mudatu fi gaafa humni dhibu jaalalli jalqabaa suni ciminaan itti fufuu dadhaba. Jaalalli Waaqayyoo garuu ejjenno yookaan eenyummaa keenya irratti kan hundaa’e miti.

Akkuma ilaaltan jaalalli Waaqayyoo jaalala isa hawwaasni keenya calaqqisiisu irraa adda dha. Haata’u malee jaalalli akkasii jira jettanii yaadduu? Waaqayyo jaalalaa fi araara isaa isa akkasii yoo isa gaafanne salphaatti akka nuuf kennu dubbata. Kuni kennaa Waaqayyo irraa nuuf kenname dha. Haata’u malee kennaa Waaqayyoo kana fudhachuu diduun, Waaqa wajjin hariirroo dhiheenyaa jibbuu keenya dha. Kunimmoo karaa biraan jireenni keenya kayyoo dhuga-qabeessa akka hin qabaanne ofirratti maluu keenya ta’a.

Jaalalli Waaqayyoo deebii nuuf kenna. Nuti gochuu kan qabnu isa irratti amananaa fi isaaf abbomamuudhaan gara kuteenya qabnu akka deebii isaaf ta’utti dhiyeessuu duwwaa dha. Sagaleen Waaqayyoo Yohannis 1:12 irratti waa’ee Yesuus, “Hamma isa simataniif immoo ijjoollee Waaqayyoo akka ta’aniif aboo isaaniif kenne;…” jechuudhaan nuuf ibsa.

Waaqayyo tokkicha ilma isaa bakka keenya akka du’uuf gara addunyaa kanatti erge. Haata’u malee seenaan suni kanaan hin dhumne. Guyyaa sadii booda du’aa ka’e. Inni Waaqa waan ta’eef har’as jiraataa ta’ee laphee kee keessatti jaalala isaa bulfachuu barbaada. Altokko edda isa simattee isattis amanattee booda jireenya kee keessatti jijjiirraan ati argituu fi hariirroon ati namoota biraa wajjin qabaattu deebisee si dinqisiisa.

Sagaleen Waaqayyoo akkas jedha, “Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee” (Yoh 3:36). Wanti Waaqayyo dursee nuuf hawwu jireenya isa har’aa duwwaa otuu hin taane jireenya bara baraa akka argannu dha. Kana simachuu yoo didne filannoon keenya beenyaa cubbuu isa ta’e du’aa fi Waaqa irraa bara baraaf adda ba’uu ta’a.

Jaalala Waaqayyoo beekuun maal nama fayyadaa?

Gooftaa akka fayyisaa dhuunfaa keenyaatti fudhannee yommuu jiraachuu eegallu jireenyi keenya madaallisaa kan eeggate ta’a. Waaqayyotti amanachuun isa biraa dhiifama daangaa hin qabne nuuf argamsiisa. Kanaaf isa dhokannee gara karaa mataa keenyaatti deebi’uu hin qabnu. Inni yeroo hunda nu wajjin waan jiraatuuf isattis nagaa qabna. Amanannaa keenya takkaa edda isarra godhannee fi isatti amanannee booda, innis keessa keenya bakka jireenyaa godhatee taa’uudhaan caalmaatti nutti dhihaata. Cubbuu keenya irraa nu qulleessuuf, ofittummaa hidhee nu takaale jiru irraa nu hiikuuf, qorumsa nu mudatuu fi wal’aansoo jireenyaa keessatti bilisa nu baasuudhaaf araarri isaa yeroo hunda nu wajjin ta’a.

Guutummaa macaafa qulqulluu yeroo ilaallu, ejjennoo Waaqayyo quunnamtii saalaa irratti qabu ifaa dha. Waaqayyo quunnamtii saalaa kan eeyyame gaa’ela keessatti qofaa dha. Waaqayyo seera kana kan tume gammachuu keenya daangessuu barbaadee otuu hin taane laphee keenya gaddaa fi cabiinsa irraa eeguuf malee. Kunimmoo inni jireenya hundee jabaa qabu nuuf hundeessuu waan barbaadeef dha. Kanaaf bifa kanaan gara jireenya gaa’elaatti yommuu seennu jaalallii fi hariirroon keenya hundee ogummaa fi jaalalaa isa Waaqayyo duraan dursee ijaare irratti kan hundeeffame ta’a.

Eenyummaa keenya Yesuus Kristoositti dabarsinee yommuu laannu, inni guyyaadhaa gara guyyaatti humnaa fi jaalala haaraan nu guuta. Kuni egaa dheebuu isa keessa keenyaa ture, isa hiriyyaa keenya irraa barbaadaa turre sana dha. Waaqayyo jaalala isaa isa salphaatti gar-gar hin cinne nuuf kenna. Jaalalli inni nuuf kennu kuni baroota gidduutti dhaabbataa kan ta’e, jalala yeroodhaa gara yerootti hin jijjiiramne dha. Jaalalli Waaqayyoo Waaqayyoon gidduu-galeessa godhachuudhaan kan namoota lama walitti fidu dha. Egaa yeroo kaadhimummaadhaan wajjin guddachaa deemtan, guddinni keessan guddina hafuuraa duwwaa otuu hin taane, hawwaasummaa, boqonnaa sammuu fi miiraa qajeelummaa kan of keessatti haammatu waan ta’eef, jaalallee keessaniif amanamaa ta’uu irra darbee, jaalallee keessaniif kan yaaddan, kan kunuunsitan ta’uudhaan isaan dinqisiiftu. Jaalalli keessanis gaa’elaan yommuu xumura argatu quunnamtii saalaa raawwattaniin hundee isa dura ijaaraa turtan irratti hundeeffachuudhaan caalmaatti guddifattu.

Jaalala Waaqayyoo beekuuf maaltu nurraa eegama?

Gooftaa Yesuusiin akka fayyisaa lubbuu keetti amma kadhannaatiin simachuu dandeessa. Kadhannaa jechuun Waaqayyo wajjin haasaa dubbii godhachuu jechuudha. Waaqayyo abbaan keenya waan keessa garaa keenyaa keessa jiru waan beekuuf dubbii afaan keenyaa qofaa hin ilaalu, kessa garaa keenyaa fi yaada keenya arga. Kadhannaan armaan gadi jiru attamiin akka kadhattu yaada siif kenna. “Yaa gooftaa Yesuus ati na barbaachifta, waa’ee cubbuu kootiif jettee fannoo irratti waan naaf duuteef sin galateeffadha. Balabala jireenya koo siif banuudhaan fayyisaa koo godhadhee sin simadha. Cubbuu koo naaf dhiiftee jireenya bara baraa waan naa kenniteef sin galateeffadha. Jireenya koo dhuunfadhu. Nama akka garaa kee na taasisi. Ameen!”

Haata’u malee kadhannaan kuni fedhii garaa kee mul’sa? Deebiin kee eeyyen, yoo ta’e kadhannaa kana ammuma akka kadhattu sin gorsa. Amanannaa kee Yesuus Kristos irra akka abdii sagaleesaatti yoo godhatte, inni gara jireenya kee ni dhufa. Adeemsi kuni hariirroo kee isa fuula duratti Waaqayyo wajjin guddachaa deemuuf, caalmaatti isa beekuuf jalqaba garii siif ta’a. Giddu-galeessa jireenya kee keessatti, fooniinis haata’u hafuuraan kallatti hundaan hariirroon kee hundi kan firii qabu ta’a.

 Yesuus gara jireenya koo akka seenu affeerera (Yaada dabalataa)
 Yesuusiin gara jireenya kootti simachuu nan fedha. Waa'ee kanaa caalmaatti na hubachiisaa.
 Gaaffiin qaba

FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More