×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Quunnamtii saalaa fi jaalala

Mirga Dubartootaa

Aadaa baha giddu galeessaatiin wal bira qabameei, yesus akkamitti akka inni mirga dubartootaa kabachiise ilaalaa

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Maarliin Adamseniin

Yeroo baay’ee ilaalcha amantiiwwan gara garaa dubartoota irratti qaban irraan kan ka’e warra mirga dubartootaaf falmaniin ceepha’amu. Ta’uus qaba. Guutuu addunyaa kana keessatti gochaawwan ulfina dubartootaa tuqan waan hedduu argachuu ni dandeessu. Dhaabbileen mirga dubartootaaf falman kuni waan hin beekne tokko yoo qabaatan gooftaa Yesus Kristos mirga dubartootaa kan kabajuu fi waayila isaanii ta’uu isaati.

Waggoota kuma lama dura bara Yesus Kristos lafarra ture sana, gaggeessitoonni amantaa “Yaa Waaqayyo dubartii gootee waan na hin uuneef sin galateeffadha” jedhanii sagadu turan. Yesus garuu ilaalchi inni dubartootaaf qabau ilaacha bara sana biyyoota giddu-galeessa bahaa keessa ture irraa gonkumaa adda ture. Bara sana dubartoonni akka namaatti utuu hin taane meshaa irraa adda ba’anii hin ilaalaman ture. Kanaafis dhimma hawaasummaa keessatti ga’een isaanii daangeffamaa fi barbaachisummaan isaanii mana keessatti qofaa ture. Barsiisaan amantii warra Yihudootaa tokko saalfii tokko malee, “Eebbifamaa kan taate yaa Waaqayyo dubartii gootee waan na hin uumneef sin galateeffadha” jedhee kadhata. Dubartoonni sirna amantii gamtaadhaan gaggeeffamu keessatti hirmachuu hin danda’an. Akka amantii warra Yihudootaatti seerri Musee macaafa Toorah jedhamuun beekamu yoo qabaatanillee kan baratan garuu baay’ee muraasa dha.

Namni Yihudaa tokko sababa tokko malee niitii isaa akka hiiku seerri amantichaa isaaf hayyama ture. Fakkenyaaf galgala irbaata yeroodhaan dhiyeessuu yoo dagatte, kuni hiikamuudhaaf sababa gahaa ture. Niitiin tarkaafii abbaa manaa ishee kana mormuudhaaf mirga tokkollee hin qabdu. Salphaadumatti barreeffama hiikamuushee ibsu qopheessee ari’uu duwwaatu isarraa eegama. Serri kuni hangam akka dubartoota wabii dhabsiisee fi gara jebeessa itti ta’e hubadhaa. Karaa biraa immoo dubartoonni fedhii isaaniitiin abbaa manaa isaanii hiikuun gonkumaa fudhatama hin qabu.

Ilaalchi akkasii kuni bara kanallee biyyoota Arabaa hedduu keessatti aadaan amantii akkasii kan dubartoota irratti daangaa kaa’u ni jira. Biyyoonni Arabaa dubartoonni guutummaan guutuutti yookaaan gartokkoon uffata qaama isaanii haguugu akka uffatan kan dirqisiisan hedduu dha. Dubartiin qofaa ishees ta’e hiriyyaa ishee waliin manaa akka gadi baatu hin hayyamamu. Dhiira wajjin yoo ta’e malee qofaa ishee sirna ayyaana dirree irratti kabajamu irratti akka argamtu gonkumaa hin hayyamamu. Biyyoota Arabaa tokko-tokko keessatti dubartiin konkolaataa akka ooftu hin hayyamamu. Akkasumas yoo abbaan manaa isaanii dubarii gara biraa isaan irratti fuudhu mormuun gonkumaa isaaniif hin hayyamamu.

Bartoota Yesus dirree irratti barsiisu keessaa hedduun isaanii dubartoota turan. Yeroo uummanni waltti yaa’u dhiirotaa fi dubartoota bakka tokkotti walitti qabuudhaan barsiisa ture. Dubartoota dhiirota irraa utuu adda hin baasiin dinqii fi milikita adda addaa jireenya isaanii keessatti raawwateera.

Barreessaan Filip Yaansii jedhamu, “Yesus Kristos dubartootaa fi namoota warra cunqurfamaniif jecha seeraa fi ogummaa bara sanaa akka hin jiraanne godhee diigeera. Aadaa sabichaa keessatti amaleeffannaa beekamoo isaan itti jiraachaa turan hunda ceepha’aa fi keessumaa immoo mirga dubartootaa eeguudhaan kabaja inni agarsiise wangeelota afran keessaa dubbisanii hubachuun ni danda’ama” jedheera.

Namootni hedduun Yesusiin duukaa bu’an keessaa gar-tokko dinqii fi milikkita barbaacha, garri biroon immoo barsiisa isaaf jedhanii isa duukaa bu’u turan. Jalqaba irratti gootummaa fi beekkamtiin inni argate deebisee rakkina isa irratti uume ture. Halli kuni gaggeessitoota amantii bara sanaatti hin tolle ture. Kanaafis jechoota dubbii inni dubbateen isa himatanii qabuuf jecha karoora baafatan.

Seerota amantii isaanii keessaa inni cimaa fi hamaan tokko dubartoonni yoo ejjanii argaman dhagaadhaan tumamanii akka ajjeefaman isa labsamee jiru dha. Kanaafis namoota qindeessuudhaan dubarii tokko akka isheen ejjatti qabamtetti godhanii mijeessuudhaan akkasumas Yesusiin hadheessuu fi sababa irratti barbaachuuf jecha fuula isaatti ishee dhiyeessan. Tarii dubartiin kuni kan qabamte michoota isaanii keessaa isa tokko waliin ta’a. Kna himatame garuu ishee duwwaa dha. Sana boodas Yesusiin akkas jedhan, “Yaa barsiisa, dubartiin kuni utuu ejjituu qabamte. Museen warra akkas godhan dhagaadhaan akka tumaman abboome, ati waa’ee ishee maal jettaa”? isaan jehan (Yoh 8:3-4).

Yeroo kana godhanis amma kunoo reefu isa arganne jedhanii utuu hin yaadiin hin hafne. Kaan gochuudhaanis waan yaaddoo keessa isa buusan isaanitti fakkaatee ture. Yoo araara godheef akka waan ejja deeggaree fi seera Musees salphisuu isaaf raga gahaa argachuu isaaniiti. Karaa biraa immoo dubartii kana akka seera Museetti yoo itti farade, inni ofumaa waa’ee araaraa, jaalalaa fi dhiifama gochuu dubbata malee hojiirra hin oolchuu jechuuf, kana malees akka seera warra Roomaatti kun yakka waan ta’eef lubbuu balleessuudhaan akka yakkamuuf itti qophaa’anii turan.

Kanaaf dhumni dubbii kanaa maal ta’e sinitti fakkaatee?

Waan ittiin isa himatan barbaacha kana hunda godhan. Yesus garuu quba harka isaan gadi jedhee lafa irratti barreesse. Deddeebisanii yommuu isa gaafatan innis ol jedhee, “isin keessaa kan cubbuu hin qabne duraan dursee dhagaa isa jalqabaa haa darbatu” ittiin jedhe. Ammas dabalee quba harka isaan lafa irratti barreesse (Yoh 8:6-7).

Kana booda eenyullee bakka sana dhaabachuuf kan ija jabaate hin turre. Namoota gurguddoo irraa eegalee hundinuu tartiibaan bakka sanarraa deemaniiru. Dhuma irrattis Yesus fi dubartittii qofaatu hafe.

Isaansis yemmuu kana dhaga’an sammuun isaanii waan isaan ceepha’eef tokko-tokkoon ba’anii deeman. Yesus ol jedhee ilaallaan dubartii sanaan ala namni biraan achi hin turre. Yesusis, “Yaa dubartii nana warri si himatan eessa jiruu? kan sitti faraduu danda’e hin jiruu”? ittiin jedhe. Isheenis “yaa gooftaa tokkollee” ittiin jette. Yesusis deebisee, “Anis sitti hin faradu deemi; ammaa jalqabee lammaffaa cubbuu hin hojjetiin” ittiin jedhe (Yoh 8:9-11).

Kuni maal nama dinqaa? Gaafa gooftaan fannoo irratti dabarfamee fannifame sana warri dhiiraa yommuu “kottee na baasi” jedhanii fiiganii badan, dubartoonni garuu hanga fannootti duwwaa utuu hin taane hanga lubbuunsaa keessaa ba’uttii fi hanga owwaalcha isaatti Yesus wajjin deemuudhaan jaalala isaaf qaban yommuu ibsan kuni maal nama dinqaa?

Yesus yemmuu du’a mo’ee ka’e, du’aa ka’uusaatiif misiraachoo akka himan dubartoota kana filachuudhaan ulfina isaaniif qabu ararsiise. Dubartoonni dhimma waa’ee baasuuf bara hin barbaadamnee sana keessa gooftaa misiraachoo du’aa ka’uu isaa akka himan isaan filate. Bara hawaasini seeraa fi amantiidhaan gargaaramee dubartoota cunqursu kana keessatti amantii kabajamaa Waaqa biraa ergame tokkoof du’aa ka’uu ilma isaa isa dinqii kana akka himaniif oddeeffannoo ittiin ga’uudhaan bakka bu’ummaadhaaf yemmuu adda isaan baasu, kuni dubartootaaf ulfina guddaa dha.

Garuu maaliif? Inni kan dhufe cubbuu dhiiraafis kan dubartootaafis du’uuf akka ta’e qabatamaadhaan cimsee ibsuudhaaf ta’uu danda’a. Tarii dubartootaafis ta’e dhiirota hundaaf dhiifama gochuusaa agarsiisuudhaaf akkasumas jireenya bara baraa lachanuu wal-qixa akka dhaalan bifa kanaan mirkaneessuuf barbaadee ta’a kan kana godhe.

Itti dabalees Yesus dhugaa kana qabatamaadhaan gaafa dubartii Samaariyaa sna waliin dubbate akka ta’utti mul’iseera. Dubartii ko’eettii ceephoo fi hamiidhaan hawaasicharraa dhiibamtee adda baate tokko bakka isheen bishaan waraabdutti eegee dubbise. Si’a shan heerumtee hiikteetti. Dhiironni shan dabareedhaan isheetti fayyadamanii akka qodaa cabe tokkoottis gatanii dheemaniiru. Gochaan akkasii kuni miira attamii keessa akka nama buusu yaaduun namatti cima.

Yesus garuu ishee dubbisuuf jecha gara boolla bishaanichaa isa isheen keessaa waraabaa jirtuu deemee akkas jedheen.

“Yesusis deebisee, Namni bishaan kana irraa dhugu, lammaffaa in dheebota. Garuu bishaan isa ani kennu irraa namni dhugu bara baraaf hin dheebotu. Bishaan ani kennu keessa nama sanaatti akka burqaa bishaanii isa bara baraa ta’a malee isheedhaan jedhe (Yoh 4:13-14).

Fedhiin gooftaa Yesus yeroo hundumaa akkasidha. Jireenya isaa bara baraaf akka shaakallu fedha.

 Waaqayyo waliin hariirroo eegaluu
 Gaaffiin qaba

FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More