×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Gaaffiiwwan jireenyaa

Jireenyi maaliif akkas ulfaatee?

“Maaliif?” Yommuu jireenyi ulfaatu, karaatti nagaa argachuun danda’amu jira ta’aa?

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Namoonni maaliif dhukuba kaanseriitiin dhiphatu? Kirkirri lafaa magaalota akka hin jirre godhee diigu maaliif uumamaa? Namoonni halkanii fi guyyaa dhama’anii maatii isaanii sooruu hanga dadhabaniitti maaliif raata’uu?

Yeroo baay’ee otuu hin hubatiin, gaaffiiwwan kana irra deddeebinee of gaafachuun keenya hin hafu. Garuu afaan keenyaa baafnee gaaffiiwwan kana hin gaafannu ta’a. Wal’aansoo jireenyaa moo’achuuf yommuu dhamaanu fi al tokko- tokko yommuu hafuurri nu citu, dhaabannee maaliif kuni ta’a? jennee gaafanna.

Jaallannes jibbines wanti nu dammaqisu tokko giduutti ni uumama. Gaa’elli maatiin yookaan michoota keenyaa akka tasaa diigama. Mucaan durbaa isa humna qabuun gudeedamti. Firoota keenya keessaa tokko dhukkuba kaanseriin qabama. Kunis edda nu wareersee booda xiqqoo turree immoo hundumasaa ni daganna. Kunis waan nama dhiphisu gara biraan tokko hamma dhageenyutti dha. Yeroo sana dhaabbannee, as keessatti wanti sirrii hin taane tokko jira jennee yaaduu jalqabina. Jireenyi akkas ta’uu hin qabu ture jenna. Kanaaf wantoonni hammeenyaa maaliif uumamuu? Biyyi lafaa kuni bakka filatamaa maaliif hin taatuu? Gaaffii “Maaliif ?” jedhuuf Macaafni qulqulluun deebii qaba. Namoonni hedduun garuu deebii kana dhaga’uu hin fedhan. Addunyaan kuni amma waan taate kana kan taate, duraan dursitee akka nutti hawwinnu kana waan turteefi dha.

Hibboo attamii?

Biyyi lafaa kuni waan amma taaterraa adda akka taatu maal gochuutu danda’amaa? Eenyuttus kana godhaa? Jireenyi baroota hunda nama hundumaaf bakka siqiqii hin qabne akka taatu kan gochuu danda’u maalidhaa? Eenyudhas?

Waaqayyo kana gochuu ni danda’a. Garuu kanaan dura hin goone. Hanga ammaattis gochaa hin jiru. Kunis waan ta’eef isa irratti ni dheekkamna. Kanaafis, “Waaqayyo waaqa hunda danda’uu fi kan hunda jaallatu miti. Otuu kuni ta’eera ta’ee addunyaan kuni akka amma argaa jirru hin taatu turte” jenna.

Kanas kan jennu Waaqayyo dheekkamsa keenya dhaga’ee yaada isaa jijjiiruu danda’a jennee abdii godhanneetu. Abdiin keenyas akkuma nuti yakkaa fi dogoggora Waaqayyoo baay’ifneen innis haala itti wantoota tokko-tokko raawwatu ni jijjiira isa jedhu dha.

Inni garuu sanuma! Garuu maaliifi?

Waaqayyo garuu hin jijjiiramu…amma kana haalotas hin jijjiiru…sababiin isaas inni waan isa gaafannu hunda waan nuuf kennee fi inni akka waan hin jirree fi hin barbaachifne tokkootti goonee isa ilaaluu akka dandeenyu kan godhu biya lafaa kana nuuf kenneera.

Seenaa Addaamii fi Heewwan ni yaadattuu? “Ija mukaa isa akka irraa hin nyaanne dhorkaman sana nyaatan. Iji mukaa sunis abboommi isa Waaqayyo isaanitti dubbate sana akka laayyootti ilaaluudhaan, jireenya isaanii Waaqayyoon alatti gaggeeffachuuf isa irratti goolii uumuu isaanii kan ibsu dha. Addaamii fi Hewwaan yommuu kana godhan, Waaqayyo irraa adda ba’anii akka Waaqayyoo ta’uudhaaf abdii fiixaan ba’uu hin dandeenye keessa isaaniitti qabataniitu. Jireenyi hiika qabuu fi kan Waaqayyorra caalu ni jira, Waaqayyo waliinis michummaa dhiyeenyaa kana caalaatti wanti gatii qabu tokko jira yaada jedhuun waan liqimfamaniif ture. Sirni addunyaa har’a argaa jirru kuni, jireenyi mataa fi miilla hin qabne kuni hundi bu’aa filannoo Addaamii fi Hewaani dha.

Seenaan isaanii seenaa hunda keenyaa mitii ree? Sagalee dhageesifnee dubbachuu baatellee, hundinuu garaa isaatti Waaqayyoon dhiisuudhaan, “ishee kanallee aniyyuu nan danda’a” jenna. Yeroo hedduu hundi keenya jireenya keenya Waaqayyo malee gaggeeffachuu ni yaalla. Kana maaliif goonaa? Tarii hundi keenya jireenya Waaqayyorra caaluu fi filatamaa ta’e, wanti gaariin biraan tokko jira jennee waan yaannuuf ta’aa? Namoota adda addaaf waan adda addaa ta’uu danda’a. Garuu yaadnisaa sanumadha. “Jireenya keessatti wanti hangafni Waaqayyo miti. Otuu inni gonkumaa nu hin barbaachisiin waanan ta’uu fedhu ammuma gochuu nan danda’a” yaada jedhu of keessaa qaba.

Yaada akkasiif deebiin Waaqayyoo maalidhaa?

Innis “Mee isiniif haata’u mee” jedha. Namootni hedduun filannoo mataa isaaniitiin yookaan immoo yaada namoota birootiin gaggeeffamuudhaan yommuu yaada Waaqayyoon ala deeman dhiphinaa fi gidiraa adda addaa keessa seenu. Ajeechaa, gudeedamuu, saamamuu, soba, waliin dhahuu, maqaa baduu, ejja, hannaa fi hammeenya adda addaaf saaxila bahuun ni danda’ama. Yeroo hedduu wantoonni akkasii kuni jireenya namoota Waaqayyoof bakka hin qabaannee fi akka innis isaan hin gaggeessine fedhan keessatti raawwata. Isaan jireenya akka isaanitti fakkaatetti gaggeeffatu. Bu’aa kanaanis miidhamu.

Waaqayyo kana hunda attamiin ilaalaa? Gonkumaa kanatti hin gammadu. Waaqayyoon hubachuu kan qabnu, har’allee fedhiin isaa gara laafina guddaatiin gara isaatti akka deebinuu fi jireenya fooyyee qabu akka jiraannuf kan nuuf hawwu akka ta’etti ta’uu qaba. Yesus akkas jedhe, “Isin warri ba’aan isinitti ulfaate gara koo koottaa, anis boqonnaa isiniifan kenna”. Garuu namoonni gara isaa deemuu fedhan hunda hin turre. Gaafa kana ilaalus Yesus, “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem; ati kan raajota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis dhagaadhaan kan tumtu, akkuma lukkuunn cuucoliio ishii koochoo ishii jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo hagam hawwe! Isin garuu ni diddan” ittiin jechuudhaan gadda isaa mul’ise. Itti fufees Yesus walitti dhufeenya nuti isa waliin qabnu wajjin yommuu wal-qabsiisu, “…ani ifa biyya lafaa ti; namni na hordofu cufti ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin jiraatu" jechuudhaan ibse.

Garuu gaafa jireenyi wal-jeequ hoo? Wanti hin barbaachifne yommuu ta’u hoo? Gochaa namoota birootiin jireena keenyarra wanti nama gaddisiisu yoo ga’e hoo? Akka garmalee miidhamneetti yeroo of ilaallu, akkuma sana Waaqayyos namoota birootiin miidhaa guddaan akka isarra ga’e hubadhaa. Waaqayyo karaa nuti irra dabarru hunda caalaa ni hubata.

Gooftaa Yesus unuuf jecha wanti isarra ga’e baay’ee hedduu dha. Michoonni isaa gonkumaa isa dhiisaniiru. Warri isatti hin amanne isatti ga’isaniiru. Otuu hin fannifamiin dura reebameera, mulqameera. Fannoorrattis mismaaraan fannifamee, bifa nama leeyyaasisuun dirree irratti dhiphinaan akka du’u godhameera. Kan nama uume isa ta’ee otuu jiruu, uumamni harka isaa deebisee yommuu dhiphina kana fakkaatu isarraan ga’u callise. Kanas kan godhe, dubbiin Waaqayyoo inni caaffata qulqullaa’aa irratti baroota durii abdachiifame suni akka raawwii argatuu fi nuunis gabrummaa cubbuu jalaa bilisa nu baasuufi dha. Yesusiin wanti isarra ga’e kuni isa hin dinqisiifne. Wanta isarra ga’uuf jiru hunda, dhiphina, gidiraa, salphina fi du’a dursee fagootti beeka ture. “Yesusis yeroo sanaa jalqabee akka Yerusaalem dhaqee harka maanguddootaatti, harka luboota hangafootaati fi harka barsiistota seeraatti akka-malee akka dhiphachuu qabu, akka ajjeefamuu fi akka guyyaa sadaffaattimmoo du'aa kaafamuu qabu barattoota isaatiif ibsuu jalqabe” jedha.

Wanti nama sodaachisu tokko akka isinirra ga’u edda bartanii booda wanta gootan mee tilmamaa. Yesus dhiphina sammuu fi foonii sirriitti nu hubata. Yesus halkan gaafa qabamuuf jedhu sana, michoota isaa muraasa wajjin gara kadhannaa deeme. “Pheexroosii fi ilmaan Zabdeewoosi lamaanis of-faana fudhatee deeme; gadduu fi yaadda'uus jalqabe. Innis, ‘lubbuun kiyya akka malee gadditee du'uu geesseetti; Isin asuma turaa; na wajjiinis dammaqaa’ jedheen. Innis xiqqoo achi hiiqee adda isaatiin gombifamee, ‘yaa Abbaa koo, yoo danda'ame xuwwaan kun narraa haa dabruu; Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin ta'in" jedhee kadhate. Naannoo Yesus michoonni isaa sadii ta’an yoo jiraatanillee, dhiphina keessa isaa hin hubanne. Yommuu kadhannaa irraa deebi’u rafanii turan. Qofaa ta’anii gidiraa fi dhiphina keessa darbuun maal akka fakkaatu Yesus sirriitti beeka.

Yohannis wangeela isaa keessatti akkas jedheera, “Inni biyya lafaa keessa ture; biyyi lafaa isaan uumame; biyyi lafaa garuu isa hin beekine. Innis gara qomoo isaa dhufe; sabni isaa garuu isa hin simanne. Warra isa simatanii maqaa isaatti amananiif garuu ijoollee Waaqayyoo akka ta'an mirga kenneef, …namni isatti amanu marti jireenya barabaraa qabaatuuf malee akka hin banneef, Waaqayyo hanga ilma isaa tokkicha kennutti akka malee addunyaa jaalateeraatii,… Sababiini Waaqayyo ilma isaa gara biyya lafaatti ergeef, biyya lafaatti muruuf otoo hin ta'in, karaaa ilma isaatiin biyya lafaa fayyisuuf”.

Addunyaa kanarra gidiraa fi dhiphinni cimaan jiraachuun isaa gaaffii hin qabu. Inni tokko-tokko kan namarra ga’u sababa namoota ofittummaa fi jibbaan guutamaniini dha. Inni tokko-tokko immoo jireenya kana keessa darbuun na sodaachisa yaada jedhurraa kan maddu dha. Waaqayyo ofii isaa nuuf kenneera. Waaqayyo gidiraa kana fakkaatu keessa ofii isaa darbuu isaa akka beeknu godheera. Kanaafis fedhii fi dhiphina keenya beeka. Yesus bartoota isaan, “Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna; ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu; garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis”. Akka sodaannuu fi akka dhiphannu kan godhu sababa hedduutu jira. Waaqayyo nagaa rakkina fuula keenya jiru caalu nuuf kenna. Inni Waaqa isa uumaa ta’e dha. Inni bara baraaf ni jiraata. Addunyaa kana kan uume waan hunda dugda duuba goree to’achaa kan jiru dha.

Guddummaa isaa kana hunda qabatee, tokko-tokkoo keenya nu beeka. Waan xi-xiqqaa fi muraasa kan ta’a hunda bal’inaan beeka. Watoota jireenya keenya keessatti nu mudatan hunda keessatti yoo isatti amananne, ofii keenyas isarra yoo godhanne, qorumsaa fi rakkina wajjin yoo wal’aansoo wal-qabne, inni harka qabee nu dabarsa. Yesus, “Akka isin na keessa jiraachuudhaan nagaya qabaattaniif ani kana isinitti himeera; biyya lafaa kana irratti rakkinni isin argata; garuu jabaadhaa! ani biyya lafaa Moo'adheeraatii" jedhe. Inni hangafa gidiraa hundaa kan ta’e du’a keessa darbuudhaan moo’ateera. Isatti kan amanannu yoo ta’e mudannoo jireenya keenya keessaa hundatti harka keenya qabee nu gaggeessa, gara jireenya bara-baraattis nu geessa.

Jireenya biyya lafaa kana keessatti Waaqayyo wajjin yookaan isa malee deemuu dandeenya. “Yaa Abbaa, Yaa Qajeelaa, addunyaan si hin beeku; ani garuu si beeka; isaan kunis akka ati na ergite nibeeku. Jaalalli ati ittiin na jaalatte isaan keessa akka jiraatuuf, anis isaan keessa akka jiraadhuuf ani akka maqaan kee isaan biratti beekamu godheera; akka beekamus nan godha”.

 Gaaffiin qaba
 Waaqayyo waliin hariirroo eegaluu

FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More