×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Waaqayyoon baruu

Yesus Eenyu Turee?

Macaaf Qulqulluu irraa waa’e jireenya Yesus Kiristoosiin xiqqoo haa ilaalluu.

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Waa’ee jireenya Yesus Kiristoosiin waan muraasa Armaan gadiitti ni argattaa. Dubbisi kun Macaafa Qulqulluu keessa kallattii dhaan Wangeela Yohaanis irraa kan fudhatame dha. Yaadni tokkollee itti hin dabalamnee. Waa’e jireenya Yesus, Du’uu isaa, du’aa ka’uu isaa fi maalif akka inni jireenya keef barbaachisa akka inni ta’e sirriitti sif kennaa.

Yohannis 3

Fariisota keessaa namni Niqoodemos jedhamu tokko ture; inni dura buutuu Yihudotaa ture. Inni kun halkaniin gara Yesus dhufee, “Rabbii akka ati barsiisaa taatee waaqayyo biraa dhufte nuyi beeknaa; homtinuu yoo Waaqayyo isaa wajjin jiraate malee milikita ati agarsiiftu kana danda’ee hin argisiisu” ittiin jedhe.

Yesus “Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii yoo dhalachuu dhaabate, mootummaan Waaqayyoo arguu hin danda’u.”

Niqoodemos immoo, “Namni erga qancaree attamitti dhalachuu danda’a? Gadameessa haadha isaatti lammaffaa galee, dhalachuu danda’a moo?” jedhee yesusiin gaafate.

Kanaaf Yesus, “Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee bishaan fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaabate, mootumaan waaqayyoottii galuu hin danda’u. Nama fooniittikan dhalate foom, hafuurattii kan dhalate hafuura. Olii dhalachuun isiniif in ta’a siin jechuu kootiif hin dinqifatin. Qilleensi gara fedhetti in qilleensa’a, qilleensa’uu isaa in dhageessa, eessa akka inni dhufu, eessas akka inni dhaqu garuu ni beektu; egaa hafuurattii kan dhalate hundinuus akkuma kana” jedhee deebiseef.

Niqoodemos deebisee, “Kun attamitti ta’uu danda’a?” jedhee Yesusin gaafate.

Yesus deebiseefii, “Ati barsiisaa Israa’el kan taate, kana hin beektuu? Ilma namaa isa waaqa irraa irra gad bu’e sana malee, homtinuu gara waaqaattii ol hin bane. Kunis ilmaa namaatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa ha qabaatuuf ta’a.

“Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti! Waaqayyoo biyyaa lafaatti farachiisuuf miti, biyyi lafaa isaan haa fayyuuf ilma isaa biyya lafaatti erge malee. Ilma isaa kanatti kan amanu itti hin faradamu, isatti kan hin amanne garuu, maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti waan hin amaniniif, ammuma iyyuu itti faradameera.

Yohannis 1

Sagalichi [Yesus] jalqaba waan hundumaa dura ture.
      Sagalichi Waaqayyo bira turee,
      Sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture.
Inni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture.
Wanti hundinuus isumaan ta’e,
      Waan ta’e keessaas isa malee kan ta’e tokko illee hin jiru.
Jireenyi isa keessa ture; jireenyichis ifa namoota ture.
Sagalichi dukkana keessatti in ibsa, dukkanichi immoo isa bira ga’uu hin danda’u.

Inni biyya lafaa keessa ture; biyyi lafaas isumaan ta’e; biyyi lafaagaruu isa hin beekne. Gara biyya dhuunfaa isaa dhufe; namoonni isaa garuu isa hin simanne. Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif aboo isaaniif kenne. Isaan kun warra lammaffaa dhalatani dha. Isaan kun karoora yookan miira namaarra warra qaaman dhalatan miti, garuu warra waaqayyoorraa dhalatani dha.

Sagalichis nama fooni ta’e, nu gidduus buufate. Inni jaalala hin bannee fi dhugaa dhaan kan guute ture. Ulfina isaa isa ayyaana fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture.

Yohannis 5

Namoonni dhukkubsatan baay’een, warri jaaman, warri naafatan, warri dhagni isaani gar tokko du’es godoota sana keessa ciisanii, [raafamuu bishaanichaa in eeggatu turan. Namni waggaa soddomii saddeet dhukkubsate tokko achi ture. Yesus yemmii dhukkubsatee ciisu sana arge, yeroo dheeraa hammana ga’u dhukkubsachuu isa in beekee.

Yesus immoo, “ka’i, siree kee fudhadhuutii adeemi!” ittiin jedhe. Namichis achumaan fayyee, siree isaa fudhatee achii adeeme; guyyaan namichi kun fayye guyyaa sanbataa ture. Yommus warri Yihudootaa namicha fayye sanaan, “har’i sanbata, siree baachuu seerrii si dhowwa” jedhan.

Inni garuu deebisee, “Namicha isa ana fayyisetu, ‘siree kee fudhadhuutii adeemi!’ anaan jedhe” isaanin jedhe.

Isaan immoo, “Eenyu namichi, ‘Siree kee fudhadhuutii adeemi’ jedhee sitti hime?” jedhanii isa gaafatan. Yemmus namichi… kan isa fayyise Yesus akka ta’e warra Yihudootaa hime.

Yihudoonni kana irratti, Yesus hojii akkasii guyyaa Sanbataatti waan hojjeteef, isa ari’achuutti ka’an. Yesus garuu, “Abbaan koo amma iyyuu hojjechuutti jira, anis immoo nan hojjedha” jedhee isaanitti dubbate.

Kana dhageenyaan Yihudoonni, Yesus seera Sanbataa kan cabse duwwaa utuu hin ta’in, Waaqayyo abbaadhuma koo ti jechuu isatiin immoo ofii isaa waaqayyotti qixxeesseera jedhanii isa ajjeesuudhaaf caalchisanii yaadan.

Yohannis 6

Yesus achi taa’ee asii fi achi ilaalee, namoonni danuun gara isa akka dhufan arge; kana irratti, “Buddeena jarri kun nyaatan eessaa binna?” jedhee Filiphosin gaafate. Kana immoo waan Filiphos jedhu ilaaluuf itti dubbate, yesus ofii isaatii waan gochuu jedhe beeka ture’o.

Kana irratti Filiphos deebisee “Buddeennimeetii dhibba lamaa iyyuu tokkon tokkon isaani xinnoo xinnoo illee wal hin ga’uu jedheen.

Indiriiyaas obboleessi Simoon Phexros, bartoota isaa keessaa tokko kan ture, Yesusitti dubbatee. Gurbaan buddeena garbuu Shanii fi qurxummii lama qabu tokko as jira; garuu namoota baay’ee kanaaf kun maal godha?” jedhe.

Yesus immoo, “Namoota teessisaa!” jedhee abboome. Achi margi baay’een jira ture; namoonni akka kuma shanii ta’anis marga sana irra taa’an. Kana booddee Yesus buddeena sana fuudhee, waaqayyoof galata galchee, warra taa’aniifis hire; qurxummicha irraas akkasuma hamma isaan barbaadan hireef. Namoonni erga nyaatanii quufanii, Yesus, “Waan tokko illee akka hin badnetti, hurraa isa hafe walitti qabaa!” jedhee bartoota isaatti hime. Hurraa buddeenan garbuu shanan jarri nyaatan irraa hafes gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.

Yesusu immoo deebisee, “Dhuguman, dhuguman isinitti hima, isin milikkita waan argitaniif utuu hin ta’in, buddeena nyaattanii waan quuftaniif na barbaaddu. Nyaata baduuf hin dhama’inaa! Nyaata jireenya bara baraatiif argamuuf dhama’aa malee! Ilmi namaa inni Waaqayyo abbaan mallattoo itti godhe, nyaata kana isiniif kennuuf jira” isaaniin jedhe.

Isaan immoo, “Egaa hojii Waaqayyoof akka dhamaanuuf maal gochuutu nuuf ta’a?” jedhanii isa gaafatan.

Yesus deebisee, “Isa inni ergetti amanuu keessaniin hojii Waaqayyoo in hojjettu” jedheen.

Yommus Yesus, “Ana buddeenni jireenyaa, gara koo Kan dhufu hin beela’uu, kan anatti amanus matumaa hin dheebotu. Abbaan koo, namni ana ilma isaa argu, kan anatti manus hundinuu, jireenya bara baraa akka qabaatu in fedha; anis immoo guyyaa booddeetti du’aa isa nan kaasa.”

Yohannis 7

Guyyaan dhuma ayyaanichaa guyyoota sana hundumaa irra caalaa guddaa ture; guyyaa sanatti Yesus ka’ee dhaabatee, sagalee isaa ol fudhatee, “Namni dheebote yoo jiraate gara koo haa dhufu, haa dhugus. Namni anatti amanu akkaasuma ha godhu! Macaafni akkuma dubbate, ‘Yaa’aan bishaan jiraata garaa isaa keessa in burqa’” jedhe. (Inni dubbii kana waa’ee hafuura qulqulluu, isa warri isatti amanan fudhachuuf jiraniif dubbate; inni iddoo ulfina isaatti waan ol hin fudhataminiif, hafuurri qulqulluun amma iyyuu hin kennamne ture.)

Warra dubbii kana dhaga’an keessaa jarreen tokko, “Namichi kun dhuguma raajicha” jedhan. Warri kaan immoo, “Inni Kristos” jedhan.

Yohannis 10

Yesus itti fufee, “Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni gola hoolotaatti balabalaan ol galuu dhiisee, karaa biraatiin lixu, inni hattuu dha, saamtuu dhas. Namni balbalaan gola hoolotaatti ol galu garuu, inni tiksee hoolota sanaa ti.

Yesus dubbii haala kana isaanitti hime, isaan garuu wanti inni isaanitti hime kun, maal akka ta’e hin hubanne.

Yesus, “Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna. Tiksee dhugaa utuu hin ta’in bitamee kan eegu, hoolonnis kan isaa kan hin ta’in, yeeyyiin hoolotatti dhufuu yommuu argu, hoolota dhiisee in baqata; yeeyyiinis hoolota butatee, warra hafan in bittimsa. Namichi sun bitamee waan eeguuf, hoolotaaf hin dhimmu.

Tiksee gaariin ana, anni hoolota koo beeka, hoolonni koos ana beeku. Abbaan akkuma ana beeku, anis akkuman abbaa beeku, anii fi hoolonni koo wal beeknaa; lubbuu koos hoolotaaf nan kennaa.

Lubbuu koo deebisee fudhachuu dhaaf dabarsee waanan kennuuf, abbaan koo na jaallata. Homtinuu lubbuu koo na duraa hin fudhatu anumatu ofii kootiin kenna malee. Ani lubbuu koo dabarsee kennuudhaaf, ammo deebisee fudhachuudhaaf aboo qaba; abboommii kana immoo abbaa koo biraan fudhadhe” jedhe.

Egaa ani hojii abbaa koo hin hojjedhu yoon ta’e, anatti hin amaninaa. Ani hojii abbaa koo nan hojjedha yoon ta’e garuu, anatti yoo amanuu dhaabaattan iyyuu; hojii kanatti amanaa! Kanaanis abbaan ana keessa, anis abbaa keessa akkan jiru, ba’eessa gootanii in hubattu” isaanin jedhe.

Yohannis 11

Bitaaniyaa ganda Maariyaamii fi obboleettii ishee Maartaatti namicha Alaazar jedhamu tokko dhukkubsachaa ture. Kanaaf obboleettonni isaa gara Yesusitti nama erganii, “Gooftaa! Kunoo, inni ati jaallattu in dhukkubsata” jedhan.

Yesus kana yommuu dhaga’e… Yesus immoo Maartaa fi obboleettii ishee, Alaazaarinis in jaallata ture. Garuu dhukkubsachuu Alaazaar erga dhaga’ee iyyuu, iddoodhuma ture sana guyyaa lama oole.

Kana booddee garuu Yesus, “Mee kottaa ammas biyya Yihudaa in dhaqnaa!” jedhee bartoota isaatti in dubbate. Bartoonni isaa immoo, “Barsiisa! Dhi’oo kana Yihudoonni dhagaadhaan si dha’uu barbaadan; ati immoo ammas achi dhaquu yaaddaa?” jedhaniin.

Yesus kana erga dubbatee booddee, “Alaazaar firri keenya rafeera, ani immoo dhaqeen isa dammaqsa” isaanin jedhe.

Kana irratti bartoonni isaa, “Yaa gooftaa yoo rafeera ta’eo in fayya” jedhaniin. Yesus akka Alaazaar du’e isaaniitti dubbate, isaan garuu waa’ee rafiitii hirribaa waan dubbate isaanitti fakkaate. Kanaaf Yesus mul’inumatti, “Alaazaar du’eera….amma garuu kottaa gara isaa in dhaqnaa.” Jedhe.

Yesus yemmuu achi ga’e, Alaazaar du’ee erga awwaalamee guyyaa afur ta’uu isaa bare. Maartaaan yommuus Yesusiin, “Gooftaa utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin du’u ture. Ammuma iyyuu immoo waanuma ati isa kadhatte, Waaqayyo akka siif kennu ani nan beeka” jette.

Yesus yommus, “Obboleessi kee in ka’a” ittiin jedhe.

Maartaan immoo deebiftee, “Guyyaa isa dhumaatti, yeroo warri du’an du’aa ka’anitti akka inni ka’u ani beeka” jette.

Yesus garuu, “Du’aa ka’uun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo du’e iyyuu in jiraata. Utuu jiruu kan anatti amanu hundinuu immoo bara baraan hin du’u; kana amantaaree?” jedheen.

Isheen kana irratti, “Eeyyee gooftaa, ati kristoos, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru, ilma Waaqayyoo akka taate amaneera” jetteen.

Maariyaam iddoo Yesus ture geessee, erga isa argitee miilla isaatti kuftee, “Gooftaa! Utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin du’u ture” jetteen.

Yesus boo’icha ishee fi boo’icha Yihudoota warra ishee wajjin dhufanii yommuu arge, hafuuratti dhiphatee garaan isaa raafame. “Eessatti awwaaltan?” jedhee gaafannaan, “Kottuuti ilaali gooftaa!” jedhanii deebisaniif.

Yesus imimmaan isaa dhangalaasee. Yommus warri Yihudootaa, “Ilaa attam isa jaallate!” jedhan. Isaan keessa garri kaan garuu, “Inni ija nama jaama bane kun, Alaazaar akka hin duune gochuu hin danda’u turee?” jedhan.

Yesus ammas of keessatti dhiphatee, gara awwaalichaa dhaqe. Awwaalichi holqa dhagaa ti; holqichis dhagaadhaan cufamee ture. Yemmus Yesus, “Dhagicha ittii fuudhaa!” jedhe; Maartaan obboleettiin isa du’ee immoo, “Gooftaa, yoona foolii godhateera, erga awwaalamee har’a guyyaa afuraffaa isaa ti” ittiin jette.

Kana irratti Yesus, “Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu, ani sitti hin himnee ree?” isheedhaan jedhe.

Kana booddee isaan dhagicha awwaalichattii fuudhan; Yesus garuu ol ilaalee, “Yaa abbaa! Anaaf dhaga’uu keetiif sin galateeffadha. Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu namoonni as dhaabatan kun, akka ati ana ergite haa amananiifan kana dubbadhe” jedhe.

Kana jedhee sagalee guddaa dhaan, “Alaazaar as ba’i!” jedhee waame. Kanaaf namichi du’ee ture sun awwaalicha keessaa gad ba’e; miilla isaa lamaanii fi harka isaa lammanitti wayyaan hidhamee, fuula isaattis uffanni maramee ture. Yesus, “irraa hiikaatii gad dhiisaa! Haa dhaqu!” jedhee isaan abboome. Yihudoota gara Maariyaam dhufan keessaa baay’een, waan Yesus hojjete arganii itti amanan.

Isaan keessaa kaan immoo gara warra Fariisotaa dhaqanii, waan Yesus hojjete isaanitti himan. Kana irratti luboonni warri angafoonnii fi Fariisonni yaa’ii warra Yihudootaa walitti waammatanii, “Waa’ee namicha milikkita baay’e argisiisaa jiru kanaa maal gochuu nuuf wayya? Akkasumatti yoo gad isa dhiifne, namoonni hundinuu isatti amanu.” Kanaaf jarri guyyaa sanaa jalqabanii, Yesusin ajjeesuudhaaf murtoo godhan.

Yohannis 12

Haa ta’u iyyuu malee Yihudoota warra aboo qaban keessa iyyuu baay’een itti amananiiru; garuu mana sagadaa isaanii keessa nu baasu jedhanii warra Fariisotaa waan sodaataniif, isatti amanuu isaani hin mul’ifne. Isaan Waaqayyo irraa ulfina argachuu caalaa nama irraa ulfina argcahuu jaallatan.

Yohannis 13

Ayyaana Faasikaa dura, Yesus biyya lafaa kana keessa gara abbaa dhaquudhaaf yeroon akka ga’e in beeke. Yeroo irbaataatti, Seexxanni akka Yihudaan ilmi Simoon, namni biyya Keriyot, Yesusin dabarsee kennuuf yaada isaa irra kaa’ate.

Yesus hafuura isaatti dhiphatee, “Dhuguma, dhuguman isinitti hima, tokko isin keessaa dabarsee na kennuuf jedha” jedhe. Yihudaan achumaan gad ba’e; yeroon isaa immoo halkan ture.

Yohannis 14

Yesus itti fufee bartoota isaatiin, “Garaan keessan hin raafamiin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa! Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay’eetu jira; utuu inni hin jiru ta’ee, isinitti nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema. Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif deebi’ee dhufeetan gara ofii koottiitti isin fudhadha.

Yeroo gabaabduu booddee biyyi lafaa deebi’ee ana hin argu, isin garuu ani waanan jiraadhuuf, isinis immoo jiraachuuf waan jiraataniif na argitu. Gaafas ani abbaa koo keessa, isin immoo ana keessa, anis isin keessa akkan jiru beekuuf jirtu. Namni abboomii koo qabu, inni isa raawwatus, isa kan na jaallattu; nama na jaallatu immoo abbaan koo isa jaallachuuf jira, anis isa nan jaalladha, ofii koos isatti mul’suufan jira” jedhe.

Yohannis 15

“Abbaan akka na jaallate, anis akkasumas isin jaalladheera; jaalala kootti qabamaa jiraadha! Akkuma ani abboommii abbaa kootii hundumaa eegee, jaalala isaattis qabamee jiraadhu, isinis abboommii koo hundumaa yoo eegdan, jaalala kootti qabamtanii in jiraattu. Gammachuun koo isin keessatti akka argamuuf, gammachuun keessanis guutuu akka ta’uufan kana hundumaa isinitti dubbadhe.”

“Abboommiin koo isa kana; ani akkan isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa! Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu jaalala guddaa qabaachuu hin danda’u.”

Yesus itti dabalees, “Biyyi lafaa yoo isin jibbe, isin dura akka ana jibbe beekaa! Utuu hojii namni biraa tokko illee hin hojjetin kana hundumaa ani isaan gidduutti hin hojjenne ta’ee, cubbuu isaanitti hin ta’u ture; amma garuu hojii kana hundumaa utuma arganii, ana abbaa koos in jibban, kana gochuun isaanis, dubbiin seera isaanii keessatti, ‘Sababiidhuma malee na jibban’ jedhamee inni caafame akka raawwatamuuf.

Yohannis 16

Dhuguma, dhuguman isniin jedha; isin in boossu in wawwattus; biyyi lafaa garuu in gammada; isin in gadditu, gaddi keessan garuu gammachuutti in geddarama. Akkasumas isinis amma gadda qabdu; garuu ani deebi’ee isin nan arga, garaan keessanis in gammada, gammachuu keessanis eenyu illee isin dura hin fudhatuu…. Isin waan na jaallattaniif, abbaa biraa dhufuu koos waan amantaniif, abbaan ofii isaa isin in jaallata. Abbaa biraa ba’een gara biyya lafaa dhufe, deebi’e immoo biyya lafaa nan dhiisa gara abbaas nan dhaqa” jedhe.

Yohannis 17

Dubbii kana erga dubbatee booddee:

Yeusu gara waaqatti ol ilaale, “Yaa abbaa, yerichi ga’eera, ilma kee ulfina akka siif kennuuf, ilma kee gara ulfinaatti ol fudhadhu. Akkuma ati foon –qabeessa hundumaa irrati aboo isaaf kennite, inni immoo warra ati isaaf kennite hundumaaf jireenya bara baraa haa kennuuf. Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristoosin isa ati ergites beekuun isaani jireenya bar baraati.

Ani lafa irratti ulfina siif kenneera, hojii akka ani hojjedhuuf ati anaaf laattes raawwadheera. Ammas yaa abbaa, ulfina isa utuu biyyi lafaa hin uumamiin ani si biratti qaba tureen, ofii kee biratti ulfina anaaf kenni!

Isaan gammachuu koo guuutummaatti akka qabaataniif yeroo ani isaani wajjin ture waaan baay’e isaanitti dubbadheera. Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan biyya lafaa hin ta’in, isaanis kan biyya lafaa waan hin ta’iniif biyyi lafaa isaan jibbe.”

Isaan kana duwwaachaaf miti, warra dubbii isaani dhaga’anii anatti amananiifis immoo nan kadhadha malee.

Yaa Abbaa ko, qajeelaa! Biyyi lafaa kun si hin beeku, ani garuu si beeka, isaan kunis immoo ati akka na ergite beekaniiru. Maqaan kee isaan biratti akka beekamu godheera, jaalalli ati ittiin na jaallatte isaan keessa akka jiraatuuf, anis isaan keessa akkan jiraadhuuf, ammas akka beekamu nan godha” jedhe.

Yohannis 18

Yesus dubbii kana erga dubbatee bartoota isaa wajjin ka’ee iddoo dhaaba dacha Qedroon gama jiru tokko dhaqe; inni, bartoonni isaas dhaabaa sana keessa lixan. Yesus yeroo baay’ee bartoota isaa wajjin achitti wal arga waan tureef, Yihudaan inni dabarsee isa kennuuf ture iddoo sana in beeka. Yommus Yihudaan loltuu kutata tokko, warra eegduu mana qulqullummaa, luboota angafootaa fi Fariisota biraa ergamanis, of duukaa buusee dhufe; jarri guca, ibsaa, mi’a lolaas in baatu turan.

Yesus waan isatti dhufuuf jiru hundumaa beekee, ka’ee itti adeeme, “Eenyuun barbaaddu?” isaaniin jedhe.

Isaanimoo deebisanii, “Yesusin namicha biyya Naazireet” jedhan.

Kana irratti Yesus, “Innoo, ana jedhe. (Yihudaa inni dabarsee isa kennus isaanumaa wajjin in dhaabbata ture.) kutati warra loltuu, angafni kumaas, karaa warra Yihudootaa immoo eegdonni mana qulqullummaa Yesusin qabanii hidhan.

Philaaxos gaggeessan akkas jedhee gaafate, “Wanti isin namicha kana ittiin hadheessitan maali?”

“Utuu inni kun nama hamaa hojjetee ta’uu dhaabaate, nuyi sitti dabarsinee isa hin laannu ture” jedhan.

Philaaxos immoo “Isinumti isa fudhadhaa, dhaqaati akka seera keessaniitti isatti faradaa!” isaanin jedhe. Warri Yihudootaa garuu, “Nuyi nama tokko illee ajjeesuuf seerri nuuf hin kennu” jedhan.

“Warra Rooma qofaa dha namni tokko akka du’uuf kan eeyyaman”. (kanas du’a attamiitiin du’uuf akka jiru tuquudhaaf kan inni jedhe, akka raawwatamuuf dubbatan.)

Yohannis 19

Yommus Philaaxos Yesusin achii fuudhee reebsise. Warri loltuu gonfoo qoraattii hojjetanii, mataa isaa irra ka’aan; uffata dhiilgees itti uffisan. Gara isaatti deddeebi’aniis, “Attam ree, Yaa mootii Yihudoota!” jedhanii isa in kabalu turan.

Philaaxoos ammas gad ba’ee, “Daba tokko illee akkan isa irratti hin argine akka beektaniif, kunoo, gara keessanittan gad isa baasa” isaanin jedhe.

Yesus immoo gonfoo qoraatti kaa’aatee, uffata dhiilgees uffatee gad ba’e; yommus Philaaxos, “Namichi kunooti ilaalaa!” isaaniin jedhe. Luboonni warri angafoonni fi eegdonni yeroo isa argan, “Fannisi! Fannisi!” jedhanii iyyan.

Philaaxos immoo, “Isin ofii keessanii fuudhaatii isa fannisaa, ani daba tokko illee isa irratti hin argine” isaanin jedhe.

Warri Yihudootaa deebisanii. “Nuyi seera tokko qabna; inni immoo ilma Waaqayyoo of godheera, kanaaf akka seera keenyaa sanatti du’uutu isa irra jira” jedhan.

Philaaxos dubbii kana yommuu dhaga’e caalchisee in sodaate. Deebi’ees manichatti ol lixee, Yesusiin, “Ati eessaa dhufte?” jedhe.

Yesus garuu deebii hin deebifneef.

Philaaxos kana irratti, “Anatti hin himtuu? Gad si dhiisuudhaaf akka ani humna qabu, akkasumas si fannisuudhaaf akka ani humna qabu hin beektu moo?” jedheen.

Yesus garuu deebisee, “Utuu olii siif kennamuu dhaabatee, ati humna tokko illee ana irratti hin qabdu turte; kanaafis inni dabarsee sitti na kenne, cubbuu caalaa qaba” ittiin jedhe.

Kana irraa kan ka’es Philaaxos isa gad dhiisuuf in dhama’ee…Yommus angafoonni luboota iyyanii “Balleessi, balleessi, isa fannisi!” jedhan. Yommus akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti is kenne. Isaan akkasitti Yesusin fuudhani adeeman. Yesus fannoo isaa ofii baatee, gara iddoo “Lafee mataa” yookiis afaan Ibraayisxiitti “Golgootaa” jedhamutti ba’e. achitti isa fannisan.

Yesus amma wanti hunduu fiixaan ba’uu isaa beekee, dubbii macaafaa fiixaan baasuu dhaaf, “Nan dheebodhe” jedhe. Qodaan daadhiin waynii dhangaggaa’aan keessa guutee tokko achi in dhaabata ture; daadhi dhangaggaa’aa sanas, waan akka cumaa buqqee hadhaa’aa isa bishaan dhagnatti xuuxu tokkotti guutanii, hanxaxii hisophiitti kaa’anii afaan Yesusitti qaban. Yesus daadhii dhangaggaa’aa sana erga afaanin qabee booddee, “Fiixaan ba’eera” jedhe; mataa isaa jal’isee hafuura isaa kenne.

Guyyaan sun guyyaa itti qophaa’an; guyyaa sanbata isatti aanus guyyaa guddaa ture. Kanaaf dhagna warra fannifamanii, guyyaa Sanbataatti fannoo irra akka hin oolle gochuufdhaaf, lafeen miillan isaanii cabsamanii fannoo irraa akka gad buufamaniif, warri Yihudootaa Philaaxosin gaafatan.

Akkasitti warri loltuu dhufanii, miilla namicha isa duraa kan isa isaa wajjin fannifamees in cabsan. Gara Yesus dhufanii, kanaan dura du’uu isaa yommuu argan garuu miilla isaa hin cabsine. Haa ta’u iyyuu malee, warra loltuu keessaa inni tokko eeboodhaan cinaacha isaa warannaan, yommusuma dhiigni fi bishaan keessa lolaa’ee.

Philaaxos tole jennaan Yoseef dhaqee reeffa Yesus fudhate. Niqoodemos immoo inni gaafa jalqabaa halkaniin Yesus bira dhufe waliin makaa qumbii fi sibirii naxirii dhibba tokko kan ta’u fuudhee iddoo sana dhaqe. Yommus reeffa Yesus fuudhanii akka amala awwaala Yihudootaatti, urgooftuu sana wajjin wayyaa quncee talbaa irraa hojjetameen kafanan. Lafa inni itti fannifamee sana immoo iddoon dhaaba tokko ture; iddoo dhaaba sanaa keessa awwaalli haaraan, kanaan dura namni keessatti hin awwaalamne tokko ture. Guyyaa warri Yihudootaa itti qophaa’an ta’e, awwaalichi dhi’ootti waan argameef, Yesusin achi keessa kaa’an.

Yohannis 20

Guyyaa jalqabaa torbaniitti (gaafa Sanbata guddaa) utuu dukkanaa’uutti jiru obboroodhaan, Maariyaam isheen Maqdala gara awwaalichaa dhuftee, dhagichi awwaalicha ittiin cufanii turan, awwaalicha irraa akka fuudhame argite. Isheen fiigaa gara Simoon Phexrosii fi gara bartuu isa kaan, isa Yesus jaallatee dhuftee, “Goofticha awwaala keessa fudhataniiru, eessa akka isa kaa’anis hin beeku!” jettee isaanitti himte.

Yemmus Phexrosii fi bartuun inni kaan ba’aanii, gara awwaalichaa dhaqan. Isaan lamaan walii wajjin fiigan; bartuun inni kaan garuu Phexros dura darbee fiigee, dafee awwaalicha bira ga’e. iinnis gad jedhee kafanniachi akka jiru arge malee, keessa hin lixne.

Simoon Phexrosis immoo isa booddeedhaan dhufee, achumaan awwaalichatti ol lixee, kafanichi achi kaa’amee arge. Erbeen mataa Yesus irra ture garuu, kafanichaa wajjin hin kaa’amne, dachaafamee kophaatti iddoo tokko ture malee. Kana booddee bartuun inni kaan, inni Phexros dura awwaala bira ga’ee ture, keessa lixee, kana argee amanes. Macaafni, “Inni, warra du’an keessaa ka’uun in ta’aaf” in jedha, isaan garuu kana hamma ammaatti hin beekne. Kana booddee bartoonni deebi’anii manatti galan.

Maariyaam alaan awwaala bukkee dhaabbattee in boossi turte; isheen boo’aa gad jette awwaalicha keessa ilaalte. Ergamoonni Waaqayyo lama uffata adii uffatanii, iddoo Yesus kaa’amee ture, inni tokko mataa duraan, inni kaan immoo miilla jalaan utuu taa’anii argite.

Isaan yommus, “Dubartii nana, maalif boossa?” jedhanii ishee gaafatan.

Isheen immoo, “Gooftaa koo fudhataniiru; ani iddo isaan kaa’an hin beeku” jettee isaaniif deebifte.

Kana jechaa yommuu garagalte, Yesusin argite. Inni achi dhaabata ture; isheen garuu Yesus ta’uu isaa hin barree.

Yesus immoo, “Dubartii nana, maalif boossa? Eenyuun barbaadda?” jedhee ishee gaafate.

Isheen illee kun eegduu dha jettee, waan yaaddeef, “Gooftaa ko, ati asii fuutee iddoo tokkotti isa geessiteetta yoo ta’e, eessa akka isa keesse anatti himi, ani dhaqee isa nan fida” ittiin jette.

Yommus Yesus “Maariyaam” ishee dhaan jedhe.

Yemmus isheen gara isaatti garagaltee “Rabbuunii!” ittiin jette. (kana jechuunis “Barsiisa” jechuu dha.)

Yommus immoo, “Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baanee; gara obboloota koo dhaqii, ‘Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyoo kootii fi Waaqayyoo keessaniitti ol nan ba’a’ jedhii isaanitti anaaf himi!” jedhee ishee abboome.

Ergasii Maariyam isheen Magdalaa dhuftee, “Ani goofticha argeera. Inni dubbii kana anatti dubbateera” jettee bartootatti in himte.

Guyyaa jalqaba torbaniitti (gaafa Sanbata guddaa) sana galgala, bartoonni Yihudoota waan sodaataniif, mana cufatanii taa’an; yommus Yesus dhufee isaan gidduu dhaabbatee, “Nagaan isiniif haa ta’u isaanin jedhe.

Kana erga dubbatee booddee harka isaa lamaanii fi cinaacha isaa isaanitti argisiise; bartoonnis goofticha arganii gammadan. Yesus ammas itti deebi’ee, “Nagaan isiniif haa ta’u” isaanin jedhe. Itti fufees, “Abbaan akkuma ana erge, ani immoo isin nan erga” jedhee isaanitti dubbate. Kana jechuun hafuura isaanitti baafatee, “Hafuura qulqulluu fudhadhaa!..jedhe.

Bartooota isa kudha laman keessa Toomaas inni “Diidimos” jedhame tokko, Yommuu Yesus dhufe achi hin turre. Bartoonni warri kaanis, “Goofticha argineerra” jedhanii itti himan.

Inni garuu, “Iddoo sibilichi ure, harka isaa lamaanitti yoon arge malee, quba koos iddoo sibilichi ure irra yoon kaa’e malee hin amanu” jedheen.

Guyyaa saddeet booddees bartoonni isaa ammas walitti qabamanii mana keessa turan, Toomaasis isaanii wajjin ture. Isaanii mana cufatanii utuu ta’aanii, Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa ta’u!” isaanin jedhe.

Kana booddee Toomaasiin, “Quba kee fidii as irra kaa’i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa’i; kan hin amanne hin ta’in, kan amante ta’i malee!” jedhe.

Toomaasis, “Gooftaa koo, Waaqayyo koo!” jedhee deebiseef.

Yesus immoo, “Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu anan hin argin kan amanan, attam haa gammadan!” ittiin jedhe.

Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo isa haara irraa.

 Waaqayyo waliin hariirroo eegaluu
 Gaaffiin qaba

FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More