Mee namoonni qamni isaanii battee te’e lama waraqaa diriiraa tokkorra akka jiranitti yaadi. Namoonni kunis gara kallattii lamaatti duwwaa ilaaluu danda’u, dheerina fi bal’ina qabu garuu gadi fageenya hin qaban, waraqaan suni immoo bal’ina addunyaa isaaniiti. Namoonni kuni nama waraqicha irra hin jirre arguu danda’uu? Hin danda’an. Kan isaan arguu danda’an isa waraqicharra jiru duwwaadha (addunyaa isaanii). Ilaalcha gadi-fageenya qabullee hin qaban. Mee karaa duuba isaanii goruudhaan quba harka kee tokkoon akka nama waraqicha tuquuf jedhuutti fakkeessi itti diriirsi. Namoonni kuni amma si arguu danda’u? Namoonni kuni qaama kee hunda arguu hin danda’an garuu handaara quba kee isa addunyaa isaanii seene sana arguu danda’u malee.
Kunis haala nuti Waaqayyo waliin qabnu wajjin wal-fakkaata. Waaqayyo kan jiraatu dandeettii ijaan arguu keenyan alattidha. Inni kan jiraatu bakkaa fi yeroodhaan alattidha. Kanaaf ijaan isa arguun rakkisaa ta’a. Nutis akka namoota waraqaa diriiraa sanarra jiraniiti. Yoo inni quba isaa diriirsu gochaa inni addunyaa keenya keessatti raawwatu keessaa baayyee xiqqoo duwwaa arguu dandeenya. Nuti egaa akka namoota gar-lama duwwaa arguu danda’anii fi warra waraqicha irratti argamaniiti. Isa kallatti sadaffaa irra jiru arguu hin dandaeenyu. Garuu haala kanaan nuti kallattii 4ffaa keessatti (dheerina, bal’ina, gad-fageenyaa fi yeroo) yommuu argamnu, Waaqayyo immoo sana hundaan alatti argama. Kanaaf Waaqayyo isa kallattiiwwan armaan oliin alatti argamu kana attamii beekuu dandeenyaa? Akkuma namoota battee (kallattii lama duwwaa arguu danda’anii) waraqicha irratti argaman sanaa, yoo isin waraqaa sana qubaan tuqtan malee isin arguu hin dandeenyee, nutis yoo inni fedhee eenyummaa isaa nutti mul’ise malee Waaqayyoon arguu hin dandeenyu. Inni dirqama waraqicha addunyaa keenyaa tuquu qaba. Waaqayyo kallattiiwwan kamiyyuu keessaa tarkaanfatee dhufuu qaba.
Akkuma seenaa ilmaan namaa qu’anneen, keessumaa immoo seenaa amantii hafuuraa yommuu ilaallu yerootti Waaqayyo “waraqaa addunyaa” keenyaa tuqe ni jiraa?
Hubadhu! Seenaa keessatti yeroon itti Waaqayyo kara Yesuus Kristoos quba isaatiin addunyaa keenya tuqe ni jira. Yesuus Waaqa ta’uu isaa labsuudhaan, isa arguun Waaqayyoon arguu akka ta’e dubbateera. Inni kallattiidhaan Waaqa biraa gara addunyaa keenyaatti ergamuudhaan cubbuu namootaaf dhiifama kan argamsiisedha. Kanas gochuu kan danda’u Waaqayyo duwwaadha.
Kitaabonni kakuu haaraa hedduun Waaqummaa Yesuus Kristoos mirkaneessaniiru. Inni Waaqa isa “Foon uffataa keessa maadhefachuudhaaf dhufee nu gidduu buufatedha”. Inni fakkeenya Waaqa isa ijaan hin mul’anneeti.
Nuti namoota kallatti lama duwwaadhaan ilaallu yoo taane, Waaqayyo inni kallattiin isa hin daangessine immoo nama ta’uudhaan addunyaa namaa isa kallattii afur qabu keessa dhufee nama ta’uunsaa gochaa hiika qabeessadha. Innis kanaan eenyummaa Isaa nutti mul’ise. Garuu Waaqayyo maaliif kana godhe?
Seenaan jaarsa qotee bulaan tokko ture. Innis qofaasaa kutaa tokko keessa jiraata ture. Kutaa isaatti aansee immo kutaan midhaan keessa kuufamu jira ture. Halkan tokko waqitii qorraa keessa simbirroonni bakkeedhaa qorra isaan ajjeesuuf jedhu jalaa baqatanii karaa foddaa mana qotee bulichaa, gara kutaa isaa isa ho’uutti ol-seenuu jalqaban. Qotee bulichis gadi ba’uudhaan foddaa kuusaa midhaanii sana bane. Kuusaan midhaanii suni keessisaa baayyee ho’a ture. Innis harka isaa facaasuudhaan sibbirroonni suni gara kuusichaatti nagaadhaan akka seenan gochuudhaaf yaale. Garuu simbiroonni suni isa hubachuu hin dandeenye ture. Yeroo kana ture qotee bulichi simbirroota sana keessaa tokko ta’uuf kan hawwe. Otuu simbirroota keessaa isa tokko ta’uu danda’a ta’ee, salphaatti gara kuusichaatti isaan gaggeessuudhaan du’a jalaa isaan baraaruu danda’a ture. Yeroo sana ture qotee bulichi Yesuus maaliif gara biyya lafaa akka dhufe kan hubate. Qotee bulichi nama waan ta’eef simbira ta’uu hin danda’u, Waaqayyo garuu Waaqa hunda danda’u waan ta’eef nama ta’ee dhufe. Innis hunda ni raawwate. “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara-baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti”! (Yoh 3:16) jedha sagaleensaa.
Waaqayyo gara biyya lafaa dhufuu isaa caalmaatti hubachuudhaaf, ibsa guutuu yoo barbaadde barreeffama gabaabaa, “Amantii jaamaadhaan gamatti” jedhu kana dubbisi.
► | Waaqayyo waliin hariirroo eegaluu |
► | Gaaffiin qaba |