×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Waltajjii maree

Sadan Tokkummaa ibsuu dandeessaa?

Armaan gaditti Sadan-Tokkummaan haalan ibsama… Waaqayyo tokko moo sadi?

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Anis atis addunyaa gar-sadeen ilaalamtu keessa jirra. Wantoonni qaama qaban hundinuu hojjaa, baldhinaa fi gadi fageenya qabu. Namni tokko namuma kaan fakkaata, yookan akkuma nama kaani amala mataa isaa qaba, yookan akkuma nama kan biraa dhageetti qaba. Ha ta’u iyyuu malee garuu namni nama isa kan biraa ta’u hin danda’uu. Hundinuu addatti eenyummaa garaagaraa qabu.

Garuu haa ta’u malee, Waaqayyo daangefama gar-sadee ala jiraata. Inni Hafuura dha. Inni nu caala waan xaxaa dhuma hin qabne dha.

Kanaafi dha Yesus ilma inni ta’e abbaa irraa adda dha, ta’e utuu jiruu, akkasumas abbaaf ilmi tokko dha.

Macaafni Qulqulluun haalan waa’ee Waaqayyo Ilmaa, Waaqayyoo Abbaa fi Waaqayyoo hafuura Qulqulluu ni dubbata; garuu Waaqa tokko qofaatu jira isa jedhu irratti xiyyeeffata.

Herrega utuu fayyadamnee 1+1+1 = 3 isa ta’u miti, 1×1×1 = 1 isa ta’u kana dha. Waaqayyo waaqa Sadan-Tokkummaa (Triune) dha.

Kunis “Tri” jechuun Sadii jechuu dha. “Unity” jechuun tokko jechuu dha, Tri+Unity = Trinity. Kunis afaan Oromoo dhaan Sadan-Tokkummaa (Sillaase) isa jennu dha. kun karaa ittiin waan macaafni Qulqulluun Waa’ee Waaqayyoo nutti agarsiise ibsinuu fi itti waliif gallu dha, innis Waaqayyo “Eenyummaa” sadii fi qabiyyee Waaqummaa wal qixxee qaba.

Namoonni tokko tokko Sadan-Tokkummaa fakkeenyota garaagaraan agarsiisuu yaalaniiru. Fakkeenyaaf H2O (bishaan), dhangala’aa, cabbii fi hurka ta’u danda’aa (hundi isaani bifa garaa garaa qabu, ha ta’uyyuu malee hundi isaani H2O (bishani) dha). Fakkeenya kan biraan immoo Aduu dha. Aduu irraa ifa, ho’aa fi callaqee ifaa (humna bifa callaqqee dhaan darbu) argina, aduuma tokkotu addatti haalota sadii dhaan mul’ataa.

Fakkeenyi kam iyyuu garuu Sadan-Tokkummaa sirriitti ibsuu hin danda’u.

Jalqaba irraa kaafnee yemmuu ilaallu, Waaqayyoon bifa Sadan-Tokkummaan (Trinity) argina. caaffata jalqabaa macaafa Qulqulluu kan ta’ee Seera uumamaa keessatti, kana booddee Waaqayyo, “Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in uumna... dhiiraa fi dubartii isaan uume.” Agartee iddoo kanatti maqadhaala qeenxee fi dachaatu wal makee argina.

Museen yennaa Waaqayyoon eenyu siin jedhu jedhee gaafate, Waaqayyo akkas jedhee deebiseefi “Ani”- isa bara baraan jiraatu dha.

Yesus gaaleema kana si’a hedduu fayyadameera.
“Ani ifa biyya lafaati…”
“Ani buddeen jireenyaati…”
“Karichi, dhugaan, jireenyis ana; anaan yoo ta’e malee eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.”

Abrahaam nama waggaa kumaatama dhaloota Yesus Kristoos dura, seera uumama keessatti waa’een isaa dubbatame dha. Haata’u iyyuu malee Yesus waa’ee ofii isaati gaafa dubbatu, “ani dhaloota Abrahaam dura iyyuu tureera'' jedhe. Yihudonni yeroo sana turan guutummaa guutuutti waan Yesus jedhu waan hubataniif, “namni kun Maqaa Waaqayyoo ballessaa jira, ani Waaqayyoodhas ofiin jedha” jedhanii dhagaa dhaan rukutanii isa ajjeesuuf yaalan. Yesus yeroo hundumaa jiraataa dha.

Kun yeroo garagaraatti kan dhufu dha. Yesus hariiroo addaa Waaqayyo abbaa waliin qabaachuu isaa sirriitti beeka, ni agarsiisas ture. Kanaafidha, “gaggeessitonni Yihudotaa isa ajjeesuuf cimsanii karaa kan isaan barbaada turan. Sanbata guddaa eegu waan cabseef qofa osoo hin taane, Waaqayyoon inni abbaa kooti jedhe, ofii isaa Waaqayyoo wajjin wal qixxeesse”

Bara baraan Waaqayyo abbaan, Waaqayyo ilmi fi Waaqayyo hafuura Qulqulluun hariiroo qabu turan, akkasumas walii walii isaani wajjin quunnamtii qabu turan, ha ta’u iyyuu malee walitti dhufeenyi isaani kun akka Sadiitti osoo hin taane… akka Waaqayyo tokkootti dha.

“Eenyummaan sadan Sadan-Tokkummaa (sillaasee) keessa jiran maqaa hariiroo ni qabaatu, inni jalqabaa Sadan-Tokkummaa keessaa Abbaa jedhama, Mucaa hin qabdu taanan Abbaa jedhamtee hin waamamtu. Maqaa inni lammaffaan ilma jedhama, Abbaa hin qabdu taanan Ilma jedhamtee hin waamamtu. Inni sadaaffaan Sadan-Tokkummaa keessaa hafuura Waaqayyo Abbaa (Mat 10:20) fi hafuura Waaqayyo Ilmaa (Gal 4:4-6) jedhamee beekama.

Kun gaaffii ka’uuf deebii ta’a:

Yesus Waaqayyoo dha taanan, Eenyuun kadhachaa tureree?

Biyya lafaa irra yeroo ture Yesus Waaqayyo abbaa wajjin dubbachaa ture, Abbaa fi Hafuurri Qulqulluun isaa wajjin dudubbachaa turan.

Arman gaditti guutummaa guutuutti osoo hin taane, hamma tokko Waaqayyo Sadan-Tokkummaa keessatti tokko ta’u isaa kan nutti agarsiisaan luqqisii muraasa haa ilaallu.

  • Yaa Israa’el dhaga’i! Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo tokkicha!
  • Waaqayyo ana duwwaa dha, ana malees Waaqayyo kan biraan hin jiru.
  • Waaqayyo tokkicha malee kan biraa akka hin jirre nuyi in beekna.
  • Yesus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo, bantiiwwaan waaqaa hundinuu banaman; achumaanis hafuurri Waaqayyo akka gugeetti gad dhufee isa irra bu’uu isaa in arge. Kunoo sagaleen immoo, “inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jedhee waaqa irraa in dubbate.
  • Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan Hafuura Qulqulluuttis isaan cuuphuu dhaan bartoota koo godhaa!
  • Abbaanii fi ani tokko isaaniin jedhe.
  • Namni ana arge Abbaa arge.
  • Namni ana argus, isa ana erge sana arga.
  • Namni hafuura Kristos of keessaa hin qabne, kan Kristos miti.
  • Yaa Yoseef ilma Daawit, Maariyaam kaadhimni kee hafuura qulqulluudhaan waan ulfoofteef, ishee of biratti fudhachuu hin sodaatin!
  • Ergamichi immoo, “Hafuurri qulqulluun si irra in bu’a, humni aabbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama.
  • [Yesus bartoota isaatti akka jedhee dubbate] “Ani abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isiniif dubbatu, isiniif in kenna. Inni isiniif dubbatu kun, hafuura dhugaa ti; biyyi lafaa waan isa hin argineef isa hin beekneefis, isa fudhachuu hin danda’u. isin garuu, inni isinii wajjin waan turuuf, isin keessas waan jiraatuuf isa beekuuf jirtu… “Eenyu illee yoo na jaallate dubbii koo in raawwata, abbaan koo immoo isa in jaallata; nuyis isa bira in godhanna.”
 Waaqayyo waliin hariirroo eegaluu
 Gaaffiin qaba

FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More