×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Quunnamtii saalaa fi jaalala

Boojuu fiilmii quunnamtii saalaa

Seenaa Shaakala jireenya barattuu Kolleejjii tokko irraa fudhatame

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Umuriin koo waggaa kudha saddeeti dha. Darbee-darbee miira leeyyoo narratti mul’atuun alatti nama ofitti amanannaa mataa koo qabu dha. Guddinni koo hundi waldaa kristaanaa keessatti dha. Waldaa kristaanaa keenya keessatti koreen waaqeffannaa gaggeesu tokko yommuu hundeeffamu anis dibbee akkan rukutuuf yommuun gaafatamu tole jedheen itti makame. Jireenyi baay’ee bareedaa ture. Keessi koo garuu duwwaa dha.

Yeroon gara mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti darbu duwummaan keessa koo suni caalmaatti bal’achaa deeme. Kanaaf anis bakka duwwaa kana guutuuf wanta na gargaaru hunda barbaachan eegale. Wanti tokkollee dheebuu keessa koo kana na quubsuu hin danda’u ture. Anis dheebuu koo kana waan na quubsu barbaacha waan xi-xiqqoo tokko tokko gochuun yaale. Eessuma koo isa tamboo xuuxu jalaa tamboo hateen xuuxuu eegale. Haata’u malee garuu tarkaanfiin koo kunis kan jireenya koo jijjiiru fi duwwummaa keessa jireenya koo sana kan guutu hin taane. Ta’us ammayyuu abdii hin kutanne. Ani Jeenifer dha! jabaattuu akka sibiilaa attamittan abdii kutannaaf harka kennaa? Waanan barbaadu hamman argadhutti boqonnaa hin qabu. Isa namni hedduun salphaatti faayidaasaa hin beekne dandeettii Kompuutaratti fayyadamuu nan qaba. Gaafan dandeettii koo sanaan fayyadamuu eegalu, isan yeroo dheeraa barbaada ture sana nan argadhe. Innis fiilmii quunnamtii saalaa /Pornography/ ture.

Dhuma irrattis wanti kuni araada natti ta’e. Dhuguma immoo dhukkubni kuni jireenya koo keessatti quunnamtii saalaa kan bakka bu’u hin turre. Kan isin dhibu dhiira kan hin beekne durba duudaan ture. Ammas durba duudaa dha. Fiilmii quunnamtii saalaa kana kanan fayyadame duwwummaa keessa koo sana yoo naa guuteef jedheen ture. Kanas kanan godhu yommuu gaddi fi miirri gaarii hin taane natti dhaga’amu ture. Gaafa gadabbaa’ummaan natti dhaga’amu salphaatti gara mana ciisicha koo seenuudhaan balabala chufadhee fiilmii quunnamtii saalaa sana ilaaluudhaanan of bashannansiisuu yaala ture. Yeroof miirri koo inni gaariin deebi’ee naaf dhufa. Anis kuni blisa, miidhaas hin qabu jedheen yaada ture. Akkan dhokadhee kana godhu eenyullee hin beeku ture. Wantin ilaalu fi godhu kunis kan na hin quubsinee fi dheebuu na hin baafne waan ta’eef yeroo hunda intarneeta banadhee wanta akkasii kana ilaaluun hojii koo idilee ta’e. Akkuma baala sammuu hadoochuu isa salphaatti jalqabamee gara sadarkaa guddaatti ce’uu natti ta’e. Hanga gaafa Waaqayyo naaf dirmatutti araada fiilmii kana irraan kan ka’e amaleeffannaan koo marsariitii fiilmii quunnamtii saalaa gosa adda addaa akkan ilaalu na gargaaran hunda sakata’uu ta’e.

Yoom, attamiin, maaliif akka ta’e hamma har’aattillee naaf hin galle (barbaachisummaan dirmannaan Waaqayyoo dinqii waan ta’eef). Gaaf tokko akkuma tasaa waanan godhaa jiru kana of gaafachuun jalqabe. Jireenyaa koo balleessaa akkan jiruu fi boollan danda’ee keessaa ba’uu hin dandeenye keessa seenaa akkan jiru naaf ifaa dhufe. Kunis yaaddoo koo tokko ta’e. Abbaan koo tamboo xuuxa ture. Gaafa dhiisu garuu suuta otuu hin taane battalatti ture kan tamboo irraa of kute. Kana waanan beekuuf anis akkuma kana tasa ofirraa kutuun akka natti jiru nan hubadhe. Duwwummaa keessa koo isa bara dheeraa na joorse sana immoo guutuu kan danda’u Waaqayyo duwwaa akka ta’e nan hubadhe. Bakkan jiruu ka’een isan kompuutera koo keessa kuusee kaa’ee ture fiilmii quunnamtii saalaa hunda otuu tokkollee hin hambisiin nan balleesse. Teessoo Marsariitiiwwan quunnamtii saalaa fi bantuu isaanii hunda nan balleesse. Lammata duubatti deebi’uu hin barbaadne. Yeroon jalqabe wanti waan miidhaa hin qabne natti fakkaate kuni dhuma irratti harkaa fi miilaa koo takaalee araada jalatti na kuffisee akka ture waanan hubadheef.

Yeroo muraasa booda gara wal-ga’ii kadhata kristaanotaa tokkon deeme. Jireenya koo keessatti jijjiiramni mul’achaa jiru baay’ee na dinqisiise. Jijjiirama akkasii kana Waaqayyo ariitiidhaan gara jireenya kootti fida jedhee hin yaadne. Yeroo turtii kadhataa sana keessatti jireenya koo lammata deebiseen Yesus Kristositan kenne. Waaqayyoonis deebiseen akkas jedheen, “Guutummaan guutuutti mudaa malee siif jiraachuun barbada, 2Qor 5:17 keessatti, ‘Kanaafis namni kan Kristos yoo ta’e, uumama haraa dha; inni moofaan darbe, kunoo, inni haaraan dhufeera’ “ jedhamee akkuma barreeffame, nama haaraa ta’uun barbaada, jaalala natti argisiifte kanaan jireenyi koo akka jijjiiramun fedhan, ittiin jedhe. Isaayaas 64:6 keessatti, “…nuyi hundumti keenya garuu wanta akka xuraa’aa taanee, qajeelummaan keenya hundinuus akka moofaa xuraa’ummaa in ta’e; nuyi hundi keenya akka baalaa in coollagne, yakki keenyas akka qilleensaa nu fudhatee in adeeme” jedhamee barreeffame wanta Waaqayyoon gaddisiisu waan hedduu raawwadheera. Ga’umsa otuu hin qabaatiin waan qajeelaa fakkaatu ija jabinaan godheera. Haata’u malee araarri Waaqayyoo guddaa akka ta’e hubadheera. Hojii keenyaan otuu hin taane baay’ina araara isaan akka fayyinu hubadheera. Tiitoo 3:4-5, keessatti “Garuu gaarummaanii fi jaalalli Waaqayyoo fayyisaan keenya ittiin nama jaallate yeroo isaatti in mul’ate. Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta’in, akka araara isaatiitti dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, haaressuu hafuura qulqulluutiinis nu fayyise” jedhamee inni barreeffames kanaafdha. Guyyaa sanarraa kaasee garaa kutannaan Waaqayyoof qabu nan ibse. Isa foon koo fi biyyi lafaa kuni yaadu utuu hin taane, kan Waaqayyo yaadu qofaan jireenya koo keessatti ulfina isaaf akka ta’utti raawwachuuf nan murteeffadhe.

Wal-ga’ii kadhataa sana irratti akkaataa itti jireenyi koo jijjiirame yemmuun yaadadhu na gammachiisa. Waaqayyo akka na jaallatu nan beeka, garuu akkas guddaa dha jedhee hin yaadne ture. Naannoo kootti bitaa fi mirgaan na marsanii kan na tajaajilan namoonni baay’een turan. Yommuu anaaf kadhatan, ana gorsanii fi jaalala isaanii naaf hiran baay’een dinqisiifadhe. Garuu gonkumaa namoonni na hin beekne maaliif na jaallatanii? Macaafa Qulqulluu irraa ergaa Yohaannis isa duraa 4:19 keessatti Waaqayyo dursee waan nu jaallateef akka ta’e nutti hima. Kanaaf warri na jaallatan suni jaalala isa Waaqayyo ittiin isaan jaallate suni waan isaanitti dhaga’amuuf na jaallachuuf danda’an. Anaanis amma jaalalli suni keessa kootii natti dhaga’amaa jira. Jaalala kanas nama hundumaaf nan hira. Jaalan argadhe kanatti dabalee faarfannaa waaqeffannaa koo keessatti bifa kanaan dura shaakalee hin beekneen Waaqayyoon waaqessuu danda’eera. Kristaanota duriitti dhiyaachuudhaan michuuwwan koo isaan godhadheera. Ijoollee Waaqayyoo warra haaraa ta’anis argadheera. Guyyaa wal-ga’ii kadhannaa sana booda Yesuus Kristos fuulaa fi hojii koo hunda keessatti calaqqisa ture. Guyyaa-guyyaadhaanis sababan ittiin Waaqayyoon galateeffadhu hin dhabu. Keessa koo duwwummaan tokkollee hin jiru. Ko’oomuunis hin jiru. Miirri Gaddaas badeera. Sodaan keessa kootii dhabameera. Faarfatichi Daawwit 119:62 keessatti, “Waa’ee firdii kee isa qajeelaa sanaaf, ani halkan walakkaa nan ka’a” akkuma jedhe Waaqayyo halkanii fi guyyaa anaanis galataa fi faarffannaadhaan na guute.

Amma wanti natti dhaga’amu isa kana. Jireenya koo fi jireenya hiriyyoota koo waan jijjiireef akkuma nama galataaf, faarfannaa fi waaqeffannaaf halkan walakkaa ka’u tokkoo natti dhaga’ama. Waaqayyo gaafa nama jijjiiru, manguddoos taatan dargaggoo isaaf kan dadhabamu hin jiru. Hundinuu isaaf tokkuma. Kanaafidha ergamichi Phaawulos Ximootewosiin, “Dubbii afaan kee keessaa ba’uun, akka jireenyaatiin, jaalalaan, amantiidhaan, of qabuudhaanis amantootaaf fakkeenya ta’i! Namni tokko illee ijoollummaa keetiif si hin tuffatiin” (1 Xim 4:12) jechuudhaan kan gorse.

Fira koo! Har’a guutummaa jireenya kee Kristoosiif akka laattun si gorsa. Yoo kana goote jireenya bara baraa buufatta malee waan dhabdu tokkollee hin qabdu. Phaawulos Roomee 6:23 irratti, “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a; kennaan Waaqayyoo inni Kristos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti” akkuma jedhe, kennaa Waaqayyoo isa jireenya bara baraa ta’e kana fudhadhuutii du’aa bara baraa kana jalaa of oolchi. Gara Waaqayyo uumaa keetti koottu. Ati bara baraaf kan Waaqayyooti. Biyyi lafaa kuni yoo sitti dhibaa’e fi fuulasaa sirraa garagalfatellee, yeroo hunda kan sirraa adda hin baane Waaqayyo duwwaa dha. Sababiin isaas inni durii qabee kan ture gara fuula duraattis kan jiraatu waan ta’eef dha.

 Waaqayyo waliin hariirroo eegaluu
 Gaaffiin qaba

FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More