×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Gaaffiiwwan jireenyaa

Kaayyoon jireenya koo maalidhaa?

Takkaa kaayyoo uumama kee edda bartee booda, jireenya kee keessatti kan ati caalmaatti hubachuu qabdu hiikkaan jireenyaa ni jiraatu.

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Mee gaddumii /burruusa/ tokko haa fudhannu, gaddumiin kunis mismaara akka rukutuuf yaadamee kan tolfamedha. Kaayyoon tolfamuu gaddumii kanumadha. Fakkeenyaaf gaddumicha yeroodhaaf utuu ittiin hin hojjetiin, sanduuqa meeshaan keessa taa’u keessa keenya. Yeroo kana gaddumichi maalifan hidhamee sanduuqa keessa taa’aa? Hin jedhu. Kunis gaddumichatti waan tokkollee hin fakkaatu.

Gaddumiin kuni utuu sammuu qaba ta’ee waan tokko yaada ture. Guyyaa hunda hojii tokko malee sanduuqa keessa hidhamee kaa’amuunsaa isa yaachisa. Keessa isaattis yoo hangam kan isa yaachisu ta’ullee, maaliif akka hidhamee sanduuqa keessa kaa’ame sababiisaa bira ga’uu hin danda’u. Rakkinni tokko jiraachuu danda’a. Rakkoon suni garuu maal akka ta’e beekuu hin danda’u.

Guyyaa tokko namni tokko burruusicha sanduuqa keessaa fuudhee, muka qoraanii kan ibiddaaf ta’u tokko irraa dame isaa ittiin kutuu eegale. Gaddumichis gochaa kana baay’ee jaallate. Garuu gammachuunsaa suni hanga dhumaatti deemuu hin dandeenye. Gaddumichis hedduu gadde. Dameewwan mukaa sana ciruun yeroosaa ittiin dabarsuudhaaf malee kaayyoo tolfame waliin kan deemu waan hin turreef ammas wati hir’ate tokko akka jiru isatti dhaga’ama ture.

Guyyaa itti aanus akka gaafa duraa itti fufe. Kursii miillisaa cabe tokkoof miilla aaka ta’uuf dhagaa qirixee soquudhaan kursichaaf miilla tolche. Ammas hojiisaa kanatti hin gammadne. Hojii kanarra fooyya’u hawwe. Hojiichis wantoota naannoosaatti argaman hunda tumamuu kan qaban tumuu, caccabsuu, burkuteessuu fi qirixuu barbaade. Kanaaf waan tokko hubateera. Gochaawwan hanga ammaatti raawwate yoomiyyuu akka isa hin gammachiifne hubachhdhaaf yeroo itti hin fudhanne. Ta’es ta’uu baates hojicharratti kan bobba’e yoo ta’ellee, tajaajjilli isaa kuni ammas boqonnaa akka isa dhowwatetti jira.

Ammas guyyaa tokko namni tokko dhufee gaddumii kana fuudhee deemuudhaan mismaara ittiin rukuchuu eegale. Battaluma sana jireenya gaddumii sana keessa wanti akka ifa ibiddaa tokko mul’ate. Yeroo sana yeroo isa dhumaaf kaayyoon uumamuusaa isaaf gale. Mismaara rukutuuf ture kan uumame. Yeroo kanas tasgabbaa’uudhaan wantoota kanaan dura rukutaa ture isa ammaa waliin wal-bira qabee xiinxaluu eegale. Gaddumiin kunis waan bara jireenyasaa guutuu barbaadaa turee fi kaayyoo uumama isaa isa ta’e argachuudhaan aara galfate.

-Nuti bifaa fi fakkeenya Waaqayyoon kan uumamne, isa wajjin horiirroo akka qabaanuuf dha. Biyya lafaa kana irratti wanti lubbuu keenya boqochiisu furmaanni fulla’iinsa qabu, inni tokkichii fi inni dhumaa Waaqayyo wajjin walitti dhufeenya akka qabaannu gochuu dha. Wanti nama dinqu garuu hanga gaafa Waaqayyoon dhuunfaatti beeknutti kaayyoo uumama jireenya keenyaa barbaaduu keessatti mudannoo adda addaa keessa darbuun keenya dirqama ta’a. Kaayyoon uumama gaddumichaa mismaara rukutuu ta’ee utuu jiruu, kaayyoo uumama isaa wanata hin taane keessa akkuma joore, nutis kaayyoo uumama keenyaa utuu hin argatiin jiraachuun akkasuma jooraa jiraachuu dha. Dhimmootaa fi kaayyoowwan baay’ee ulfina qabeessadha jennee yaannu hunda keessatti of arguu dandeenya. Haata’uullee malee kaayyoowwan tokko-tokko ulfina qabeessa yoo nutti fakkaatanillee, kaayyoo uumama keenyaa wajjin kan hin deemnee fi gonkumaa aara galfii kan nuuf hin kennine ta’uu danda’u. Qulqullichi Awugisxoos haala kana bifa nama dinqisiisuun dhiyeesseera. Innis “Yaa Waaqayyo ati ulfina keetiif jettee nu uumte, kanaaf lubbuun keenya si argattee hanaga aara galfattutti yoomiyyuu boqochuu hin danadeessu” jedhe.

Tokkummaa Waaqayyo waliin uummachuudhaan alatti wanti lubbuu keenya boqochiisu tokkollee hin jiru. Dhugaa kana ilaalchisee Yesus Kristos akkas jedhe, “…Ana buddeenni jireenyaa, gara koo kan dhufu hin beela’u, kan anatti amanus matumaa hin dheebotu” (Yoh 6:35). Hanga Waaqayyoon beeknee garasaa dhufnutti lubbuun keenya dheebuu fi beela guddaadhaan gidiraa argiti. Luubbuun keenya akka boqottuuf jennee waan nyaatamuu fi dhugamu hunda yaalii goona. Yeroo kana akkuma gaddumiin sun hanga kaayyoo uumama isaa argatutti yaalii adda addaa keessa dabree homaa boqochuu dadhabe hunda, nutis hanga kaayyoo uumama keenyaa argannuutti boqochuu hin dandeenyu. Wanta bakka duwwaa keessa keenya jiru sana guutuu fi maddi aara galfii lubbuu keenyaa maal akka ta’e hanga sirriitti hubannutti akka jeeqamnetti jiraanna. Dubartiin Korii Tembuu jedhamtu kristaana qomoo warra Yihudoota irraa dhalatte turte. Dubartiin kuni warri Naazii Jarmanii qabanii gara mana hidhaa warra ajjeefamuuf jiranii keessa yoo ishee geessanillee Waaqayyo garuu madda aara galfii ishee ta’uusaa mirkaneessiteetti. Sana boodas, “Hundee fi maddi gammachuu keenyaa, eenyummaa keenya isa Waaqayyoo karaa Kristos keessaan nuuf tolfame beekuu keenyadha. Jaalala Waaqayyoo irratti amantii qabna turre. Kattaan keenya dukkana gurraacha caalaa jabaadha…” jetteetti.

Yeroo hedduu Waaqayyoon keessa jireenya keenyaa keessaa yoo baafne boqonnaa arganna jennee wanti nuti hin yaalle hin jiru. Garuu wanta dhuguma aara galfii nuuf kennu matumaa hin argannu. Hanga nu ga’utti ni nyaanna, ni dhugnas; ammas deebisnee ni nyaanna ni dhugna. Wantoota kanaan dura yaada dogoggoratiin yaallee turre hunda ammas daballee hedduminaan gochuudhaan kunis boqonnaa nuuf kenna jennee tilmaamna. Garuu rakkina keenyaaf matumaa furmaata hin argannu. Kanarraa kan ka’e beelaa fi dheebuu keenya utuu hin ba’iin akka joorree fi jeeqamnetti hafna.

Fedhii fi dheebuun keenya inni guddaan Waaqayyoon beekuu ta’uu qaba. Itti fufees isa waliin hariirroo garii qabaachuudha. Maaliif? Sababiin inni guddaan immoo kun kaayyoo uumama keenyaa waan ta’eefdha. Hanga ammaatti mismaaricha argattanii hin rukkunnee?

 Gaaffiin qaba
 Waaqayyo waliin hariirroo eegaluu

FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More