×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Jiraachuu Waaqayyoo

Jalqabarratti wanti hundi duwwaa turee?

Imala yaadaa haala jalqabbii yeroo fi achii dhufa hawwaa (Addunyaa) nirratti

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Waa’ee jalqabbii yaaddee beektaa? Maalidha inni jetta? Maaliyyuu haa ta’uu jalqaba wanti mul’ate maali dha jettaa? Bara durii sanatti, battala sana maaliyyuu haa ta’u, yeroo keessa maaltu ture jettee yaadda? Waa’e kanaa itti yaadu dhaaf sammuu kee carraaqsitee ni beektaa?

Mee jalqabatti waanumti tokkollee jiraachuu dhiisuu ni danda’a jettaa? Waggoota dheera darban dura waan tokkollee jiraachu dhiisu ni danda’aa? Dhugumatti sun akka yaada qorannotti ilaalamuu ni danda’aa ta’aa,mee akkasittis haa ilaallu, garuu bifa walfaantiitiin (wal bira qabuu dhaan).

Mee kutaa bal’aa tokkoo qabdaa haa jennuu. Kutaan kun baldhinni isaa hamma dirree Kubbaa Miillaa kan ga’uu fi guutummaa guutuuttii haguugamaa dha. Kutaan kun dhaabbataa dhaan cufameeraa, Foddaa fi balbala hin qabuu, akkasumas Dhaabiin isaa qaawwaa tokkollee hin qabuu. Kutaa kana keessa wanti tokkollee hin jiruu. Dhugumattii wanti tokkollee keessa hin jiruu. Gosa Suudoowwaanii tokkollee of keessaa hin qabuu. Qilleensii fi Awaarris keessa hin jiruu. Guutuummaa guutuuttii Ifa of keessaa hin qabuu. kutaa dukkannii Limixiin uffiise fi samsamamaa dha. Egaa maaltu ta’aa?

Mee kaayyoon kee waan kamiyyuu ha ta’u kutaa kana keessaa waan tokko argachuufidhaa haa jennuu. Kana raawwachuu dhaaf seerrii jiruu, kutaa kanaan alatti waan tokkollee ala fiddee fayyadamuu hin dandeessu. Kanaaf mee maal goota?

Tariitii yeroo muraasaafillee kutaan sun ifa akka qabaatuuf, yoon maal godheen kutaa kana keessatti qaanqee ifaa uumu dandaa’a jettee yaadda ta’a. Eeyyee,yaanni kun silaa waan tokkollee sif fura turee, garuu ati bakkee jirta. Kanaaf sun siif hin eeyyamamuu.

Tarii immoo akkas jetta ta’aa, yoon waan tokkoo kutaa kana keessatti teleportii (waan tokko yookan Humna ta’e utuu qaama kan bira tokkoo wajjin wal hin qaxxaamursiin akkasumaan gara iddoo kan biraatti dabarsuu) dhaan galche’oo, kanneen akka Star Trek faa? Jettee yaadda ta’aa, Ammas garuu sif hin eeyyamamu, wantoota bakkee fayyadamuuf deemta waan ta’eef.

Ammallee yaadota bitaa namatti galan lamatuu jiru, isaanis waan kutaa sana keessa jiruttii fayyadamtee waan tokko argachuu qabdaa, haa ta’uuyyuu malee kuticha keessaammoo waan tokkoyyuu hin jiruu.

Tarii akkas jettaa ta’aa, utuu yeroo ga’aa ta’ee naaf kennaanii suudoon xiqqoonillee manicha keessaa ni argamti ta’aa.

Yaada qorannoo kana faana rakkoolee Sadiituu jiruu. Inni jalqabaa, yeroon ofii isaan waan godhu hin qabu.wantoonni garuu yeroo keessatti ta’uu. Kana jechuun garuu yerootu akka isaan ta’aan godha mitii. Fakkeenyaaf, Qiixxaa tolchuuf daqiiqa 15 yoo eegdee, daqiiqa 15 ati eegdetuu tolcha mitii (bilcheessa), hoo’a Eelee Daabbootuu bilcheessee malee. Qiixaa kee Utuu daqiiqaa 15’f Lakkooftuu irraa keessee sif hin bilcheessuu.

Walfaantii keenya keessattii kutaa waan tokko illee keessa hin jirree guuttummaa guutuutti cufamee qabnaa. Daqiiqaa 15’f eeguun haala keessaaf naannoo isaa jiru jijjiiru hin dandaa’uu. tarii “Barootaaf yoo eegnee’oo?”jette yaaddaa ta’aa. Baroota jechuun walittii dhufiinsa tuuta daqiiqaa 15’ti. Qiixxaa kee Lakkooftuu irra keessee barootaaf yoo eegdee, baroonnii ni bilcheessuu?

Rakkoo inni Lammaffaan: maalif waan tokko illee kutaa duwwaa kana keessaa hin mul’annee? Maalif akka akkas ta’ee sababaa qabaachuu qaba turee. Garuu walumaagalattii kuticha keessaa wanti tokkoo illee hin jiruu. Kanaaf akkamittiin haalota yookaan dhimmootaa hafan irraa hambisuu dandeenyaa? Waan tokkollee achii keessaa mul’isuuf homtuu achi keessa hin jiru (akkasumas sababnii tokko kuticha keessaa argamuu qabaa).

Tarii “suddoowwan xixiqqoon wantootaa hin jiranii?” jetta ta’aa. Wantoota gurguddoo kanneen akka Kubbaa Miillaarraa, meeshaale xixxiqqoo kuticha keessaa argachuun carraa guddaa hin qabaatu? Inni kun immoo rakkoo isa sadaffaa fida.

Rakkoon saddaffaan: Hanga dha. Kanneen akka Yeroo, hangi wal biraa qabiinsaan ilaalamuu. Mee Kubbaa Harkaa Sadii qabdaa ha jennuu, hunda isaani hanga isani dhaan kaa’ii, Kubbaa inni Tokko Taakkuu Kudhan, inni Lammaffaan Taakkuu Shan fi inni Saddaffaan baldhinni isaa hanguma kubbaa baramaa dha. Kubbaa isa kamtu caalaatti meeshaa kuticha keessaa fakkaachuu dandaa’a?

Kubbaa isaa hanga isaa baramaa dha? Lakki! Sadanu isaani fakkaachu ni danda’uu. Hangi rakkina hin qabu. dhimmi hangaa dhimma guddaa miti. Dhimmi isaa Kubbaan harkaa hanga isaa hagamuu ta’e, gaaruu kutaa samsamamaa fi duwwaa sana keessa argamuu ni dandaa’a dha.

Tarii Kutaa sanaa keessaa Kubbaan Harkaa isheen xiqqoon ni argamtii jettee hin yaadduu yoo ta’ee, yeroon hammamuu ha darbuu, suudoowwaan xiqqoo tokkofillee akkuma kanaa gochuuttii dhuftaa. Hangi wantootaa dhimma guddaa mitii. Suudoowwaan xixxiqqoo sababa tokko malee akkasumattiin meeshaa goochuun, Kottolleessituu(refrigerator) sababa tokko malee meesha gochuun wal hin caalu jechuu dha.

Mee kallattii dhaan walfaantii keenya baldhisnee ha ilaalluu. Kutaa dukkanaa limixii kanarraa mee dhaaba isaa kaasnee kallattii hundumaan hamma dhuma hin qabne ha dheeresinu. Kutichuma jalqabaatu jira waan ta’eef naannoo(ala) kutaa sanaan ala waan tokko illee hin jiru.

Kutaan dheerinni isaa dhuma hin qabne kun Ifa hin qabu, Awwaarri keessa hin jiru, Sudoowwan gosaa kamillee keessa hin jiranii, Qilleensa of keessa hin qabuu, Moolokiyuulii tokkollee of keessa hin qabuu. Walumagalattii guutuummaa guutuutti wayyuu of keessa hin qabu jechuu dha. Guutuummaattii homaa kan hin qabne jennee waamu dandeenyaa.

Gaafffi kanatu jiraa : jalqabattii Waggoota dheera dura waan tokko ille hin jiru yoo ta’e, silaa harr’as waan tokko illee hin jiraatu turee jechuu dha?

Eeyyee. Wanti tokkoo hammamillee ha xiqqaatuu, waan guutummaatti hin jirre irraa dhufuu hin danda’uu. Silaa harr’as waanuma tokko illee hin qabnu turee.

Kun maal nutti dubbataa? jalqaba guutumma guutuuttii duwwuummaan tasuma hin turree. Maalif? Sababni isaa jalqabatti homtuu hin turre taanan, harr’as guutummaa guutuutti homtu hin jiru jechuu dha.

Guutummaa guutuutti homtuu hin turree taanan, silaa wanti tokkollee bakkee dha jiraachuu waan tokkoof sababa hin ta’u ture.

Ammas irraa deebi’ee, Wanti tokkollee jalqaba hin turre taanan, hamma ammaati wanti tokko illee hin jiru ture jechuu dha.

Maaliyyuu ha ta’u, garuu waan tokko jiraa. Dhugumaan waan tokko jiraa. Fakkeenyaf ati, namni baay’ee barbaachisaan tokko jirtaa. Kanaaf jiraachuun kee jalqabatti duwwaa akka hin turree ni mirkaneessitaa.

Erga homtinuu raawwatee tasumaa hin jiruun hin jiru ta’ee, sana jechuun, yoo xiqqaate gaafa waan tokko ture yeroonis jira ture jechuu dha. Egaa Maaltu tureere?

Waan tokkicha moo waan baay’eetuu turee? Atoomiituu turee? Suudoowwanii? Moolokiyulii dha? Kubbaa Miillaa dha? Kubbaa Harkaa dha? Koottolleessituu dha? Moo Qiixxaatu turee?

Itti fufiinsa Barruu kanaaf, gara barruu biraa deemi!

Dhimma kana irratti barruu dabalataa, waaqayyotu hawwaa (Adunyaa) kana uumee isa jedhu ilaali!

 Waaqayyo waliin hariirroo eegaluu
 Gaaffiin qaba

FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More