×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Eenyutu Waaqayyoon Uume? - Photo of an architech looking at blueprints and framing of a building during construction to raise the question of who created God.
Jiraachuu Waaqayyoo

Eenyutu Waaqayyoon Uume?

Akkamittiin waaqayyoo akka jiraate ibsii…

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Wanti tokko gara jiraachuutti yoo dhufe, waan kan biraa tokkoon gara jiraachuutti dhufe jechuu dha. Kitaabnii barreessaa qabaa. Muusiqaan ogeessa Aartii qabaa. Afeerraan tokko waliti qabaa (abbaa afeerraa) qaba! Wanti jalqabee hundinuu jalqabbii qaba, jalqabuu isaafis sababa (ka’umsa) qaba.

Hawwaa (Adunyaa) kana gaafa ilaalluu ogeessonnii Saayinsii yeroo tokko yaada qorannoo “steady-state” jedhu,yaada hawwaan kun jalqabbii fi dhuma hin qabdu yeroo hundaa dhaabbataa taatee itti fufti jedhu tokko fudhatanii turan.

Ragaan qorannoo fi uumama hawwaa (cosmological) akka ka’umsa hawwaatti yaada qorannoo “Bing Bang” nuf eera. Iddoon-yeroon-wanti ijaan mul’atu-humni warri kun hudinuu jalqabbii adda ba’aa fi kan mataa isaani ta’ee qabuu.

Yeroo hundumaa erga hin turree, garuummoo gara jiraachuutti dhufeera ta’ee (jalqabbii mataa isaa qaba erga ta’ee), egaa haqi jiruu wanti kan biraan tokkoo jiraachuu isaaf sababaa taa’era, yookaan Uumeera jechuu dha.

Uumama keessattii wanti nuti arginuu hundinuu jalqabbii qabaa. Haa ta’uyyuu malee Waaqayyoo ramaddii kan biraa keessa jiraa, ta’u qabas. Waaqayyoo uumama hundumaa irraa, dhala namaa fi wanta jiru hundumaa irraa adda dha, yeroo hundumaas jiraata, waan uumee hundumaa irraas of danda’aa dha. Waaqayyoo of ga’aa fi ofiin jiraataa dha malee, hirkatee kan jiraatu miti. Innii kun akka itti macaafnii qulqulluun waaqayyoon ibsuu fi akka itti waaqayyoo ofii isaa mul’ise dha. Maalif karaa kanaan of ibse waaqayyoo?

Hawwaa kana karaa kan biraa dhaan ibsuun hin danda’aamu. Ofii isaan of hin Uumnee. Yeroo hundumaas hin turree. Lafti kun Waan kan biraa ofii isaayyuu uumama ta’eenis hin uumamne. Maalif?

Yaanni kun yaada mormii hawwaan kun waaqayyoon uumame jedhuuf mitii, garuu garagalchoo waaqayyoo humna lammaffaa waaqayyoon uumame, inni lammaffaan kun immoo humna waaqayyoo isa sadaffaa dhaan uumamee fi kkf dha. Akkuma Aristootili haala qubsaa dhaan morme, dhugaan kaa’imsaaf sababa ta’e, garuu ofii isaa sababa hin qabne tokko jiraachu qaba (wanti ofii hin sochoone garuu sochoosu tokko jiraachu qaba). Maalif? Sababni isaa baroonnii lakka’aamanii hin dhumne gara duubaatti sababoota qabu yoo ta’e, akkas jechuun adeemsi turee hundumtuu hin jalqabamnee jechuu dha.

Jiraachuu waaqayyoof ragaa kana caalaa barbaaddaa? Waaqayyo jiraa? isa jedhu ilaali!

 Waaqayyo waliin hariirroo eegaluu
 Gaaffiin qaba

FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More