×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Gaaffiiwwan jireenyaa

Vaayirasii Koronaa(COVID-19) - Akkamitti sodaa(dhiphina) mo’anna?

Karaa amansiisaa ittiin dhiphina, sodaa koronaa-vaayirasii yookiin sodaa kam iyyuu ittiin mo’ataniifi nagaa guddaa keessa jiraatan…

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Marilyn Adamson’niin kan qophaa’e

Namoota baayyeedhaaf Vaayirasiin Koronaa(COVID-19) yaaddoo isa ol-aanaa ta’ee jira. Babal’inni isaas biyyoota haaraa biroo dabalachaa jira, du’a hedduus of jalatti qabatee jira.

Haata’u malee, dhiphina biroo jiran irra inni kun kan sodaachisaa siif ta’uu danda’a. Guyyaa hundumaa sababoota akka nuti dhiphannu godhaniin marfamnee jiraanna.

Kanneen kana fakkaatanis baayyeen isaanii ni mul’atu, isaanis - Shororkeessummaa, Jijiirama qilleensaa, Sanyummaa, Lola, Bulchiinsa badaa, Hiyyuma, Luulessa saalaa, Wal gabroomfachuu namaa, Balaa uumamaa, Galii dhuunfaa, Dhukkuba, Hoji-dhabummaa, Hariiroo yaaddoon guute, Araada gara-garaa fi kkf.

Warroota kana tarreessuun isaa baayyee ulfaata.

Kana booda, wantoota dhuunfaa keenyatti nu miidhaa jiran adda baafachuun waan danda’amu hin fakkaatu. Interneetiin lammii addunyaawaa nu godhee jira. Rakkinoota cimoo (guyyaa hundumaa fi daqiiqaa hundumaa) gola addunyaa keessa jiran adda baafannee beekna, Miidiyaan(oduun jiru) hundi sodaa keenya sooraa oolu, kunis gurra keenya sodaa keenya waliin gara wanta ta’aa jiruutti akka deebifnu godha.

Haata’u iyyuu malee, wanti nu dhiphisu yeroo baayyee waan dhuunfaa keenyaati. Wanta jireenya keenya keessatti ta’aa jirudha.

Miira liqimfamuu, kan taatee naannaa keenya jiru akka nuti geeddaruu hin dandeenye nutti himu sanatu nutti dhaga’ama. Rakkoo keessa akka galletu nutti dhaga’ama, humna dhabuunis itti dabalamee. Kunis sodaa wanta nurratti godhamee fi nutis harkaa ba’uu akka hin dandeenye yookiin geeddaruufis homaa gochuu akka hin dandeenyeeti.

Kana hundumaa keessatti nagaa shaakaluun(qabaachuun) ni danda’amaa? Eeyyee.

Lafa koronaa vaayirasiin jiru gidduutti nagaa qabaachuu

Barruun kun deebii sirrii fi amanamaa karaa itti baballina koronaa vaayirasii fi balaa dhiphina fidan hundumaa keessaa si baasu of keessatti qabatee jira.

Jalqaba irratti waa’ee qorichaa haasa’uun barbaachisaadha. Durumayyuu rakkina yaaddoo(yaadda’uu) yoo qabaattan, yaaddoon sunis gara dhiphachuutti yookiin gara of miidhuutti yoo si geesse hatattamaan wal’aansa fayyaa argachuuf ogeessa fayyaa argachuun si irra jira. Rakkinni keemikaalaa wal’aansa fayyaa barbaadu jiraachuu danda’a. Yeroo tokko tokko kan nuti hin yaadne ta’uu danda’a, hariiroon yookiin karaan sammuu keenya keessa jiran karaa haaraa ittiin yaadan uummachuu danda’u.

Akkuma dhukkubni sukkaaraa Insuliinii barbaadu, akkasuma qorichoonni akka nuti waan tokko sirriitti adda baafannee ilaallu, akka tasgabboofnus godhan ni jiru. Qorichi kunis namoota dhukkuba yaaddoo qaban baayyee gargaaruu danda’eera.

Haata’u malee tasgabbaa’uu fi wantoota sababeessanii ilaaluun qaama deebii(fayyina) keenyaa qofa dha. Faayidaa qaba garuu nagaa sirrii fiduu hin danda’u. Kunis akka nama miillisaa cabee ittiin adeemuu dadhabuuti. Ni fayyada(miillichi jira), Garuu ammallee miilluma cabaa qabaatu.

Koronaa Vaayirasiin biyya kee keessatti hir’achaa adeemuu isaa dhaga’uun waan nama gammachiisu dha, garuu yaaddoo fi gidiraa kan namatti fiduu danda’an wantootni hedduun jiru. Jireenyi gaaffiin guutuudha.

Kan si barbaachisu nagaa keessaa isa hin dhumne dha. Lafa rakkinni jiru hundatti kan laphee fi yaada kee boqochiisu.

Haalota dhiphisoo karaa ittiin itti dhi’aatan(kan amansiisaa ta’e)

Waggoota baayyeedhaaf akka nama jiraachuu Waaqaatti hin amanneetti gaafan jiraachaa ture, falaasama yeroo hunda amansiisaa ta’e nan barbaadan ture. Kan yeroo hunda haala kam keessatti iyyuu jireenya koo fi hojii koo naaf geggeessu. Namoota akka Saartiraa, Pilaatoo, Sooqiraaxis, Dostooyveskii, Niichee, Huum fi kkf qoradheera.

Kanin hubadhes falaasamni gahaa akka hin taane ture. Rakkoon koo hundi gateettiidhuma koo irratti walga’anii hafani.

Saayikoloojiinis (Barumsi Xiinsammuu) haala walfakkaatu qaba. Nama gargaaruu danda’a, garuu saayikoloojistootni hedduun haala naannaa keenya jiru ilaalcha addaan akka ilaallu gochuuf yaalu. Vaayirasii Koronaa ilaalcha biraan ilaaluun baayyee cima, keessumaayyuu yeroo namootni hedduun ittiin qabamanii fi baayyeen gara du’aatti adeeman.

Nagaa sirrii yeroon barbaaddachaa ture keessatti bakka hundumaas yeroon sakatta’etti, amantaa keessaa iyyuu argachuu hin dandeenyen ture. Ani seera waaqeffannaa, callisanii kadhachuu yookiin safartuu barumsa amantaa (doktirinii) barbaaddachaa hin turre. Isaan hundi yaada dabalataa ta’uu danda’u. Tapha sammuu kan yeroodhaaf rakkina nama irraanfachiisan fakkaatu. Callisaniidhuma wantoota gaggaarii yaaduu qofaa fi wanta qabatamaa kan of keessaa hin qabne dha.

Yeroo haalli cimaan nu quunnamutti rakkoon nuti dandamannu anaaf gala. Jireenyi takaallaa yookiin rakkoo gargaagaraa yeroo natti darbatu akkamitti akkan mo’achuu danda’u kan dhaabbataa ta’e baruun barbaada.

Namootni baayyeen akka saayinsiin Koronaa-Vaayirasiidhaaf qoricha yookiin karaa ittisaa qopheessu abdachaa jiru. Haata’u malee akkuma vaayirasichi adeemeen akkanni gara fuulduraatti nu wajjin jiraatu beekamaadha, bifa isaa geeddaratee waggoota baayyeedhaaf turuu danda’a. Saayinsiin wanta hunda hin beeku yookiin humna hundumaa hin qabu.

Utuudhuman nagaa dhaabbataa barbaaddachaa jiruun, naman jireenya ishee ajaa’ibsiifadhu tokko waliinan hiriyaa ta’e. Yeroo mara waa’ee Waaqayyoo dubbatti. Kunis akkan waa’ee jiraachuu Waaqayyoo itti yaadus nagodha ture.

Akkan waa’ee jiraachuu Waaqayyootti amanu kan na jalqabsiisan keessaa- irra deddeebi’anii gaafachuu fi qorachuu turan. Garuu akka hin amanneef sababoota ciccimmoo kaa’adheen isaan irratti hirkadheen ture. Filannoon inni dhumaas calluma jedhee akkuma gowwaa waan hin argamnetti amanachuu ture.

Saayinsiin kallattii furmaataa agarsiisa

Barbaacha jabaa waan akka waggaa tokkoo fi walakkaa booda, ragaawwan waa’ee Waaqayyoo odeessan baayyachaa akkan hin didneefis jabaachaa dhufani. Akkan jiraachuu Waaqayyoo hubadhu kan na godhe saayinsii ture...lafti kun akkamitti akka isheen aduu irraa fagaattee bakka sirriitti argamtu, qabiyyee walxaxaa bishaanii, ijaarsa qaama namaa fi kkf.

Baayyinni dhugaa-saayinsaawaa jireenya lafa kana irratti jalqabsiisuu danda’a kan jedhu miira namaaf hin kennu. Waaqayyo akka inni gara jireenya koo dhufuu fi hariiroo anaa wajjin jaqabuuf nan gaafadhe.

Wanti an hubachaa dhufes dhuguma “Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya, inni rakkina keessatti gargaaraa ta’uun isaa beekameera.1 kan jedhu sirrii ta’uu isaati.

Sodaa Keessatti Nagaa Qabaachuu

Jiraachuu Waaqayyoo baruu fi akkanni waa’ee keenya yaadu beekuun qofti jireenya keenya irratti dhiibbaa guddaa akka nuti nagaatti haala kam keessa iyyuu jiraannu nu godha. Kana ibsuufis.

Mee yaadaa, mucaan waggaa(umurii)-8 ta’e gaafa inni barataa gadheedhaan (rakkisaadhaan) qaaneffamu(sodaachifamu). Laaqanni isaa guyyaa hunda jalaa fuudhama. Mucaan inni rakkisaanis of irraa fageessisee akka itti qoosamu godhas ture. Mucichis barataa isa gadhee sanatti dubbachuuf ni yaala garuu akkasumaan humna isaa fixa. Of irraa fageessuuf yaaluu yoo jalqabes utuu hin ta’iniif hafe. Barsiisaa isaattis ni hime, innis xiqqoo tokko qofa gargaareen.

Garuu guyyaa tokko barataan hangafa isaanii ta’u (mucaa rakkisaa sana kan caalu) gadduudhaan wanta ta’aa jiru kana gidduu seenuudhaan guyyaan mucaan inni gadheen sun mucaa kana itti sodaachisaa ture akkanni dhume hubachiise. Mucaan inni doorsifame (sodaachifame) sunis nagaa argate. Mucaan inni gadheen sun achuma jira, garuu mucaan waggaa-8 sun amma of gadhiisuu(bashannanuu) ni danda’a sababni isaas qaamni isa caalu isa waan eeguuf ture.

Nus gargaarsa wal-fakkaataatu nutti hiixatamee jira. Waaqayyo rakkoo nu quunnamu hunda irra guddaa dha, Vaayirasii ajjeesu dabalatee. Isatu nu uume, nu kunuunsuunis fedha isaati, ni barbaadasi.

Yeroo Itti Vaayirasiin Baballate Keessatti Nagaa Argachuu

Dhiibbaa jireenyaa keessatti Yesus akkas jedha, “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna”2

Kan akkas nuun jechaa jiru, Waaqa isa hawaa kana uume, kan Gaalaaksii Urjootaa fi Pilaaneetotaa uume, sanyii munyuuqaa fi iqiltootaa Biiliyoonaa olii akkasumas walitti hirkatanii jiraachuu uumama hundumaa fi jireenya namaas kan uumedha. “Wanti siif hin danda’amne tokko illee hin jiru”3. Gargaarsaaf gara isaa akka dhufnuuf inni nu afeera.

Yesus irra deddeebi’uudhaan Waaqayyoon akka “Abbaa” keenya isa Waaqa irraa isa nu jaallatuutti ibsaa tureera.

Abbaa gaariin ijoollee isaa ni eega, ni jiraachisa, ni barsiisa, ni kunuunsa akkasumas gatii ni baasaafi. Akka isaan jaallatus yeroo hunda mirkaneessaaf.

Maatii yookiin Abbaa sin jaallanne biratti yoo guddatte jechi “Abbaa” jedhu hamma kanatti hiika siif kennuu dhiisuu danda’a. Dhuguma dubbachuuf namootni baayyeen dhiphachuu(dhiphina) keessa kan isaan seenaniif sababa maatii isaanii yookiin haala guddina isaanii kan sodaa fi ofittti amanamummaa nama dhabsiisu keessatti waan guddataniifi dha. Atis gowwomsamuu, of irraa fageeffamuu fi barbaacha dhabuu shaakalteetta ta’a.

Shaakalli akkasii kun ilaalcha nuti addunyaa kanaaf qabnu nu jalaa geeddara, kan nuti ofiifis namoota biroodhaaf qabnus ni geeddara.Haata’u malee hariiroon nuti Waaqayyoo wajjin qabnu jireenya haaraa akka jalqabnu nu taasisa. Yesus jireenya kanaan lammaffaa dhalachuu jechuudhaan ibsa. Gaafa hariiroo isaa wajjin uumtu jireenyikee adda ta’a, ni haara’asi.

Sodaan tokko kan nuti vaayirasii koronaatiif(COVID-19) qabnu kophaa keenya akkamitti akka keessa darbinu dha. Yookiin immoo jabina miiraa fi qaamaa kan ittiin keessa dabarru dhabuu keenyadha. Ofii keenyaafis namoota jaallannuufis gochuu dadhabuu keenyadha. Kunis wantoota nu sodaachisan hundumaaf dhugaadha, “nan danda’aa laata?” gaaffiin jedhu har’as cimaadha.

Rakkinoota jiran gidduutti humna argachuu

Waaqayyo inni si uume waa’ee kee hundumasaa beeka: Dudduuba(seenaa) kee, wanta si mudate, wanta gaarii ati hojjette, abjuu ati ofiif qabdu (yookiin kan ati dhabde), yeroo miidhamakee, galma kee, hariiroo kee, wanta hundumaakee. Yesus “rifeensi mataa keessanii hundinuu iyyuu lakkaa’amaadha”4 jedhee akka dubbate, waa’ee wanta xiqqoo jireenya keenya keessatti ta’an hundumaafuu ni dhimmama.

“Yaa Waaqayyo, ati qortee na ilaalteetta, na beektas! Taa'uu koo fi ijaajjuu koo in beekta, fagoodhaas yaada koo in hubatta...karaa jireenya koo hundumaas keessa in beekta. Utuma dubbiin afaan kootii hin ba'in, isa ani jechuuf ture hundumaa ati dur illee beekte, yaa Waaqayyo!”5

Waa’ee kee hundumaa ni beeka. Hariiroo cimaa nuti biyya lafaa kana irratti qabaachuu dandeenyu kan nuti Waaqayyoo wajjin qabaannu dha, isa nu jaallatuu wajjin.

Dukkana keessatti geggeeffama argachuu

Waaqayyo akka nuti ofii keenya qofaan jiraannuuf yaadee nuun hin uumne. Waaqayyo akka nuti geggeeffama isaatiin jireenya gara-garaa keessa dabarru barbaada. Dukkana keessa joonja’uuf shakkiin jiraachuun nurra hin jiraatu.

Yesus akkas jedhe, “"Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duukaa bu'u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu”6

Hundi keenya waamamneerra, “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!”7

Rakkoo nu mudatu mara, vaayirasii nu hubu dabalatee, kophaa keenya baachuu hin qabnu. Wanta barbaannu hunda isa gaafachuu ni dandeenya, inni immoo jaalala isaatii fi hubannaa isaatiin isa nuti kadhanne irratti deebii gahaa akka Abbaa mucaa isaa jaallatuutti nuuf in deebisa. Kana jechuun nuti haalonni cimoon nuun hin qaqqaban jechuu miti. Abbaa gaariin qorama, kufaatii fi mufannaa nurraa hin ittisu. Haata’u malee, hundumaa caalaa kan nu eeguu danda’uu fi barbaadu Waaqayyoon ta’uu isaa hubachuu qabna.

Waaqayyo yeroo inni kadhannaadhaaf deebisu si’a baayyee argeera, kanin lakkaa’uu danda’u caalaa. Wantin Waaqayyoon kadhadhee ammayyuu naaf hin deebines immoo ni jira. Garuu an beeka, Waaqayyo yaada isaa isa guddaa akkanni ilaaluu fi yeroo sirriitti dubbii isaa akkanni raawwatu, “Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa…”8

Yeroon jireenya koo keessatti murtoo guddaa murteessuuf ka’utti, Waaqayyo akkanni itti karaakoo naaf sirreessu ifatti argeera.

Gaafan yeella’ee waanan godhu dhabe keessatti, gara laafinaan natti dubbate. Ilaalcha koo naaf sirreesse, yeroon dubbii isaa keessa isa barbaaddadhetti ilaalcha isaa naaf kenne. Geggeessuun isaas miilla koo lafa kattaa irra naaf ijaajjise, laphee kootiifis nagaa laate.

Jaalalli Waaqayyoo yeroo inni sodaa(qaanii) koottii bilisa na baasee gara laafina an duraan namootaaf hin qabne akkan qabaadhu na godhu an argeera.

Waaqayyoo wajjin hariiroo qabaachuun egaa kana fakkaata, kunis namoota hundumaaf bilisaan kan kennamedha. Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon akkasitti ibsa: Gorsaa dinqii, Abbaa barabaraa, Angafa nagaa, Danda’aa waan hundumaa. Kun hundumtuu eenyummaa isaati.

Badiisa Jalaa Birmaduu Ba’uu

Yeroo kanatti kan nuti jala murree baruu qabnu, Waaqayyoo wajjin hariiroo jalqabuun rakkoo jireenyaa hambisa jechuu miti.

Jireenya koo keessatti yeroo mudamni an homaa gochuu(geeddaruu) hin dandeenye na mudate tureera. Ulfa ji’a afurii ta’ee, ulficha irratti rakkinni akka jiru natti himan. Waaqayyoon haalaan(sirreessee) waanan beekuuf dhumni isaa waan fedhe yoo ta’eyyuu isatti amanuu danda’eera. Mucaan gaafa dhalatu jireenya hin qabu(du’aa) ture.

Waaqayyoon amanadhee waanin tureef gadda guddaa keessan seene. Jibbi, aarii fi dhiphuun anaan hin mudanne.

Haata’u malee, miirri nama dhibu tokko natti dhagahamee ture. Mucaan keenya erga du’ee booda, sodaa Abbaan Warraa(manaa) koos na jalaa du’a jedhuun rakkachuun jalqabe. Waaqayyos akka inni sodaa kanatti naaf dubbatuuf nan kadhadhe. Akkamitti akkan ilaaluu qabu akkanni natti himuufis nan barbaade.

Waaqayyos dafee naaf deebise kutaa Macaafaa kanatti na erguun:

“Ati, "Yaa Waaqayyo, ati isa ani kooluu itti galuu dha" jetteetta; isa hundumaa gararraa jirus iddoo kooluu itti galtu godhatteetta.Wanti hamaan sitti hin bu'u, dha'ichis mana keetti hin dhi'aatu.”9

Waaqayyo nama kamiyyuu akkanni hin duune akkanni hin abdachiifne an beeka. Waanuma Waaqayyo nama abdachiisu waan hin taaneef. Yoodhuma ta’eyyuu Waaqayyoon iddoon itti kooluu galu godhadhee, kanin amanadhu, yoo abbaan manaakoo du’ellee Waaqayyo akka jireenyi koo badu hin godhu. Akkanni na mo’atu, na balleessu, na miidhu Waaqayyo hin taasisu. An nagaa nan ta’a.

“Wanti hamaan sitti hin bu'u…” Waaqayyo daangaa itti godha. Yoo nuti isatti amanne, haalota jiran keessa bifa addaatiin dabarra, nagaadhaan.

Rakkoon baayyee guddaan hin jiru, Vaayirasii Koronaa dabalatee

Yesus akka dubbate, “biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo'eera" jedhe.”10

Kanaaf akkas gochuu qabna, “Gooftaan dhi'oo dha, dhi'ootti in dhufas. Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.”11

Wanti kun nu jajjabeessuu Waaqayyoodhuma qofadhamoo? Lakkii. Dhugaa kanaa gadi jiran kan dandeettii fi humna Waaqayyoo ibsan ilaali.

Lafti nuti amma irra jiraannu kun sa’a tokko keessatti Maayila 1,000 naanna’a(Kilometira 1,600 sa’a tokkotti). Isuma keessaa nuti garuu qabbanoofnee jiraanna, ba’uuf dhi’uu aduu ilaallee bashannana.

Lafti kun aduuttis ni marsiti, saffisa Maayila 67,000 sa’a tokkootiin fiigaa. Saffisa guddaa kana keessatti iyyuu fageenya aduu irraa qabdu sirriitti eeggattee adeemti, ittis hin dhiyaattu, iraas hin fagaattu.

Waaqayyo akkuma waa’ee gaalaaksii biiliyoonaan lakkaa’amu kanaa beeku, waa’ee kees isa guddaaf isa xiqqoo hundumaa ni beeka. Si jaallatas.

Nama Siif Dhimmu

Inni si jaallata, kunis sababa jaallatamuun siif yookiin anaaf ta’uuf(galuuf) miti, garuu isaaf jaallachuun uumama isaa waan ta’eefidha. Inni warra isa amanatan hundumaafis ni dhimma.

Waaqayyo akkas jedha “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin na'in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.”12

“Ati hin beeknee ree? Hin dhageenyeesii ree? Waaqayyo, gooftaa bara baraan jiraatuu dha, inni isa guutummaa biyya lafaa uumee dha; inni hin mudhuku, hin dadhabu, hubannaa isaas namni qoree bira hin ga'u;

Inni warra dadhabaniif humna in kenna, warra aangoo hin qabneefis jabina in kenna;
ijoollonni in dadhabu, in mudhukus, dargaggoonnis gufatanii in kufu;

Warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in ka'u; in fiigu, garuu hin dadhaban, in adeemu, garuu hin mudhukan.13

Yesus akkas jedhe, “Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti, garaan keessan hin raafamin, hin sodaatinis!”14 Inni rakkoo nu mudatu gararraa jira.

Sodaa(dhiphina) Vaayirasii Koronaa(COVID-19) yookiin rakkoo jerjersiisaa biroof hiiki isaa Waaqayyo danda’aa akka ta’e hubachuu dha. Inni siif dhimma iddookee bu’ees irra sidabarsa. Waaqayyoon akkaataa kanaan beekuuf dursitee isaa wajjin hariiroo uumuu qabda.

Waaqayyoo wajjin yoo hariiroo uummachuu barbaadde, jaalala inni siif qabus yoo baruu barbaadde, barruun kun si gargaara. Waaqayyoon Dhuunfaatti Baruu

 Waaqayyo waliin hariirroo eegaluu
 Gaaffiin qaba

Miiljalee: (1) Far 46:1 (2) Mat 11:28 (3) Erm 32:17 (4) Luq 12:7 (5) Far 139:1-4 (6) Yoh 8:12 (7) 1Phex 5:7 (8) Rom 8:28 (9) Far 91:9,10 (10) Yoh 16:33 (11) Fil 4:4-7 (12) Isa 41:10 (13) Isa 40:28-31 (14) Yoh 14:27


FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More