×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Jiraachuu Waaqayyoo

Waaqayyo dhuguma ni jira?

Jiraachuu Waaqayyootti amanuudhaaf Saayinsiin raga gahaa ni kenna. Faayidaan DNA maali?

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Hayyuun falaasamaa biyya Biriitish, Dr. Antonii Filew namani jedhamu dura taa’aa fi afa-yaa’ii warra “Waaqayyoo hin jiru” jedhanii yommuu ta’u akka Waaqayyo hin jirre ibsuudhaaf falmii adda-addaa keessatti hirmaateera. Haata’u malee waggoota darban 30 keessatti argamni haaraan karaa saayinsii akka mirkaneessetti karaa inni haaluu hin dandeenyeen jiraachuu Waaqayyoo mirkaneeffameera. Mudde bara 2004tti gaaffii fi deebii Teviiziyoonaaf kenne keessatti, Madda lubbu qabeeyyii fi wal-xaxiinsa uumamaaf wanti ibsa gaarii ta’uu danda’u tokko bilchina sammuu olaanaa (Super-intelligence) duwwaa akka ta’e ibsera. Namni beekamaan kunis xumura ibsa isaa keessatti waa’ee argamuu DNA waliin wal-qabsiisee ibseera. Sababiin isaa immoo akka armaan gadiiti.

Uumamni DNA dhiiga keenya keessatti argamu wal-xaxiinsisaa uumama kompiiteraa waliin hedduu wal-fakkaata.

Akkuma armaan gaditti argamutti, sagantaan tolfama kompiiteraa tartiiba zeeroo (0) fi lakkofsa tokko (1) irraa kan tolfame yommuu ta’u, kunis mallattoo cimdii (binary code) jedhama. Tartiibnii fi tarreen lakkoofsota 0 fi 1 kuni sagantaan tolfama kompiiteraa sirriitti akka hojiisaa hojjetu isa taasisa.

Saganteessuu
kompiiteraa:
Mallattoo
(koodii) DNA:

Haaluma wal-fakkaatuun DNAn dhiiga namaa keessatti argamu keemikaalota gosa afur irraa kan tolfamedha. Keemikaalonni kunis qubeewwan A, T, G, fi C dhaan bakka buufamu. Baayinaan wal-fakkaachuudhaan akkuma 0 fi 1 keemikaalonni kunis seelii uumama dhiiga namaa keessatti haaluma kanaan tooraa fi tartiibaan naqamanii argamu. Isaanis: CGTGTGACTCGCTCCTGAT fi kkf dha. Tartiibni isaan itti kaa’aman kunis akkaataa ga’ee hojii seelotaa irratti kan hundaa’edha. Wanti hedduu nama ajaa’ibu tokko immoo dhagna keenya keessaa bakka xi-xiqqoo tokko-tokkoo seelii keessatti koodiin kuni qubeewwan keemikaalota sana bakka bu’an biiliyoona sadii kan dheeratan ta’uu isaaniiti!!

Baayina DNA seelii tokko keessatti argamu yommuu tilmaamnu, “Sekondii tokko keessatti Koodii qubeewwan sadii qabu otuu dubbifamee, dubbisuun suni immoo otuu halkanii fi guyyaa gaggeeffamee, hunda dubbisanii fixuudhaaf waggoota soddomii tokko nama gaafata. Kana duwwaas miti wanti nama dinqu gara biraanis ni jira.

DNA n 99.9% ta’u gosa sanyii namaa (genetic makeup) hunda waliin kan wal-fakkaatu akka ta’e bira gahameera.

Haala adda ta’een wanti baayee nama ajaa’ibu tokko seelota keenya keessatti akkaataa naqama tartiiba koodii qubeewwan biliyoona sadii ta’anii suni garaagarummaa baayee xiqqoo ta’een tartiibaan kaa’amuu isaaniiti.

Mootummaan Ameerikaa namoota biyya sana keessa jiran hunda karaa toora lakkofsa nageenya hawwaasummaa dijitii sagal qabuun namoota hunda adda baasee beekuu danda’eera. Egaa seelota keenya hunda keessatti DNA koodii qubeewwan biliyoona sadii ta’an kan argaman yommuu ta’u, caasaa tarreeffama isaanii kana kan nama biraa waliin yoo wal-bira qabnee ilaalle kan keenya waliin kan wal-fakkaatu tokkolee hin jiru. Koodiin kunis nuti nama biraa irraa kan itti adda baanuu yommuu ta’u, itti fufinsaan immoo amaloota seelota keenyaa kan ajaju ta’a.

DNA n maaliif akka fayyadu ilaaluu dandeessa

Daarekteera projektii odeffannoo ilmaan namaa kan ta’an Dr. Firaansis Koolinis (nama fakkii caasaa DNA ilmaan namaa argate) akka jedhanitti “DNA n akka qajeelfama barreeffama tokkoo, akka sagantaa sooftiweerii isa wiirtuu seelii keessatti argamuutti” yaaduun ni danda’a jedhaniiru.

Ogeessa olaanaa odeeffannoo kan ta’e Perii Marshaal, yaada kana irratti xiinxala dhuunfaa isaa yommuu kennu, “Sagantaan kompiiteraa wixinee, hin qabne tokko jiraachuu hin danda’u. Koodiin ykn ergaa karaa luga afaaniitiin irratti fe’ame of keessaa qabaachuun dirqama. Kana hunda duuba immoo qaamni sammuu bilchaate qabu tokko akka jiru shakkii hin qabu’’. Antoonii Filew akkas jedha, “Koodii qubeewwan biiliyoona sadii qabu kana ajajamuudhaan seelonni hojii isaanii otuu gar-gar hin kutiin akka hojjetan qaamni ergaa kana itti fe’ee ajaja kenne kuni eenyudha? Jedhanii gaafachuun gaaffii seera qabeessadha” jedhu. Koodii hojii akkasii gaggeessu kana seelota keessa kan kaa’e eenyudhaa?

Namni galaana qarqara deemu tokko yommuu qilleensi dhahaan bishaanii uumee bishaan wal-irragalagalchuudhaan cirracha gara handaara lafaatti yaasu akkuma ijaan arguu danda’u, kunis akkuma kana. Gochaa kana eenyu raawwachaa akka jiru namni kuni sirriitti akkuma hubachuu danda’u, gochaa seelota kanaa duuba qaamni humna qabeessi tokko akka jiru shakkii hin qabu.

Kuni ergaa ifa ta’ee fi dubbii bakkeetti mul’atudha. Akkuma kana caasaan DNA wal-xaxaa fi sagantaa qubeewwan biliyoona sadii kan of keessaa qabu yommuu ta’u, gochaa seelotaaf ergaa dabarsuudhaan kallattii agarsiisa.

Namni tokko ergaa wal-xaxaa, qindoomina koodii fi sochii seelotaa keenya keessatti godhamu kanaaf attamiin ibsa gahaa kennuu danda’aa?

Waxabajjii 26 bara 2000 pirezedaantiin Ameerikaa duraanii Kiliinton, beektota hojii DNA seelii namaa isa wal-xaxaa kana argataniin yommuu galateeffatan akkas jedhaniin, “Har’a luga afaanii isa itti Waaqayyo lubbuu uume barachaa jirra. Wal-xaxaa baayyee nama dinqisiisu, miidhaginaa fi kennaa Waaqayyoo isa sodaadhaaf galataan guutame isa kan waaqummaasaa fi icitiisaa argachaa jirra,” jedhan.

Daarekteerri projecktichaa Dr. Firaanis Koolliins dubbii pirezedaant Kilinton dubbataniit aansanii akkas jedhan, “Kitaaba isa jiraachuu keenyaaf qajeelfama kennuu fi isa Waaqayyo duraan dursee beeku kana yeroo jalqabaatiif yommuu argannu, kuni anaaf kabajaa fi dinqii guddaadha”.

Caasaa DNA kana qaama namaa keessatti yommuu arginu, abbaan wixinee sammuu bilchaataa /intelligent design/ qabu kuni hin jiru jennee haallee miliquu akka hin dandeenye nu taasisa.

Akka Macaafni Qulqulluun dubbatutti Waaqayyo uumaa keenya duwwaa otuu hin taane, walitti dhufeenya nu waliin gochuudhaan jiraachuu keenyaaf kan hiikkaa kennedha. Wantoota jireenya keessatti nu dhiphisanii fi qabatamoo hin taane hundaaf haala hundumaa keessatti jabina, gammachuu, ogummaa gahaa nuuf kenna. Akka isaan jaallatamnes beekuus kan namaaf kennuu danda’u, akkasumas akka isa amanachuu fi isa dhagahuu dandeenyu ayyaana kan namaaf kennu Waaqayyo duwwaadha.

Jireenya keenya keessatti inni gaggeessaa amanamaa isa hunda caaludha. Inni DNA n akka seelotaaf qajeelfama kennu akkuma qindeessee uumetti, jireenyi keenya haala gaariiitti hiika qabeessa akka ta’u qajeelfama nuuf arjoome. Kanas ulfina isaaf jecha nuuf godhe, sababiinsaa immoo inni waan nu jaallatuufidha. DNA n maaliif fayyadaa? Jiraachuu Waaqayyoo wantoota mirkaneessan keessaa DNA n isa tokko waan ta’eefdha. Waaqayyo qaama keenya wixineessee uumeera. Akkasumas jireenya kee wixineessuudhaaf inni amanamaadha. Waaqayyo waliin walitti dhufeenya uummachuu jalqabuu barbaadda? Waaqayyoon attamitti dhuunfaatti beekuu akka dandeessu inni jedhu kuni siif ibsa.

Gaaffii isa “Waaqayyo dhugumaa ni jiraa?” jedhuuf ragaa fi deebii dabalataa yoo barbaadde, Waaqayyo jiraa? isa jedhu akka ilaaltu sin jajjabeessa.

 Waaqayyo waliin hariirroo eegaluu
 Gaaffiin qaba

FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More