×
BARBAADI
Waa'ee jreenyaa fi
 jiraachuu Waaqayyoo beekuuf
Jiraachuu Waaqayyoo

Waaqayyo jiraa?

Waaqayyo jiraa? Waaqayyo dhuguma jiraachuusaa kan mirkaneessan sababiiwwan kallattii ja’atu jira.

WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More PDF

Maarliin Adaamsaniin

Jiraachuu Waaqayyoo nama ragaadhaan sitti himu ni jaallataa? Amanuu qabda jechuudhaan utuu mataa sin xaxiin karaa kallattiidhaan siif mirkaneessuun yoo sitti argisiise hin gammadduu? Armaan gaditti sababiiwwan jiraachuu Waaqayyoo bifa ifa ta’een mirkaneessan dhihaataniiru.

Duraan dursa garuu waan tokko hubadhu. Namni tokko nama jiraachuu Waaqayyoo mormudha yoo ta’e, ragaan kamiyyuu isa amansiisuu hin danda’u. Dhalli namaa samiitti ol ba’ee Baatiirra /Ji’a/ akka qubate namni haalu tokko ragaan kamyyuu ejjennoo isaa kana isa jijjiirsisuu hin danda’u. Fakkiin nama Baatiirratti ka’ee, warra gara Baatiitti ol ba’an waliin gaaffii fi deebii gochuun fi dhagaan Baatii irraa dhufellee nama haalu sanaaf gatii hin qabu. Kunis namichi ‘Namni gara Baatiitti ol ba’uu hin danda’u’ ejjennoo jedhu waan qabuufidha.

Namoonni tokko-tokko waa’ee jiraachuu Waaqayyootiif raga gahaa utuu qabaatanii, dhugaa kana akka hin fudhanne sagalee Waaqayyo ni dubbata[1]. “garaa keessan guutuudhaan yoo ana barbaaddattan, ana in argattu”[2]. Waa’ee jiraachuu Waaqayyootiif ragaa utuu hin barbaadiin dura, Waaqayyo yoo jiraate ani isa beekuudhaaf nan fedhaa? Jedhiitii mee of gaafadhu. Itti fufiis sababiiwwan armaan gadii hubadhu.

1. Waaqayyo jiraa? Wal-xaxiinsa haala uumam dhachee keessatti mul’atu kaayyoodhaan wixineessee kan uumee fi bulchaas kan jiru uumaan tokko jiraachuu isaa mirkaneessa.

Tarreeffamanii kan hin dhumne wixineewwan Waaqayyoo hedduu yoo ta’anillee muraasni kunoo!

Dadhee hangi dacheen geessu sirriitti beekama. Harkisni Dachee hanga ol fageenya maayilii 50tti irra caalaatti qilleensa Naayitiroojiinii fi Ooksijiiniidhaan haguugame akka qabaannuu godheera. Hammi lafaa utuu akka Meerkurii xiqqaa ta’eera ta’eetii Dacheen qilleensa akkasii qabaachuu hin dandeessu ture. Dacheen akka pilaaneetii Guuppiter guddoo utuu taateetti ta’ee qilleensa ishee marsee argamu Naayitiroojinii qofaa ta’a ture. [3]

-Pilaaneetota hanga ammaatti beekaman keessaa biqiltootaa, bineensotaa fi ilmaan namaaf kan ta’u qilleensa mijataadhaan kan marfamtee jirtu Dachee qofaa dha.

Dacheen Aduu irraa fageenya sirrii irratti argamti. Utuu Aduurraa xiqqoo fagaatteetti ta’ee hundi keenya qilleensa diilallaan lafa kanarraa dhumna ture. Utuu immoo kana caalaa gara Aduutti siiqxeetti ta’ees hundi keenya gubannee dhumna ture. Dacheen bakka amma jirtu irraa jijjiirama garmalee xiqqaa ta’e utuu gootee wanti lubbuu qabu tokko lafarra jiraata jedhamee hin yaadamu. Dacheen toora ishee eeggattee Aduu marsuudhaan sa’a tokko keessatti maayilii 67,000 yommuu naannoftu, utuu dandii ishee hin gadhiisiin fuula lafaatiif qilleensa ho’aa fi diilalla’aa wal madaalu kennaa jirti.

Baatiin /Addeessi/ qabiyyee sirrii ta’e kan qabduu fi fageenya harkisa isheef mijatu irratti argamti. Addeessi bishaan galaanaa akka bakka tokko hin ciifneef dhahaa bishaanii uumuudhaan ardiiwwan akka dhaha bishaan kanaan rukutaman taasifti[4].

Bishaan uumama bifa, foolii fi mi’aa hin qabne yoo ta’u, bishaan malee garuu lubbuun hin jiru. Biqiloonni, bineensonni fi ilaan namaa bishaan irraa uumaman. Qaama namaa keessaa 2/3 bishaanidha. Amalli bishaanii lubbuudhaaf mijataadha. Qabxiin bishaan itti danfuu fi deebi’ee qabbanaa’u bifa adda ta’een olaanaa dha. Ho’inni bishaanii ho’iinsa qaamaa Faranayit digirii 98.6 tursuudhaan qulleensa jijjiiramau keessa akka jiraannu nu dandeessisa.

Bishaan hanqina hunda guutuu danda’a. Akkaataa kanaan hanqina keemikaalota kumaatamatti lakkaa’aman guutuudhaan gara hidda dhiigaa warra xi-xiqqaatti akka makaman godha [5].

-Bishaan amala keemikaalummaa irraa bilisadha. Uumama keemikaalotaa utuu hin jijjiiramiin nyaanni, daawaan gara-garaa fi albuudonni bulbuluudhaan dhagni keenya akka itti fayyadamu godha.

Bishaan uumamaan amala adda ta’e qaba. Harkisa dachee cabsee keessa darbuudhaan lafa jala irraa maduudhaan biqiltoota keessa ol yaa’uu danda’a. Mukoolee gur-guddoo ta’aniif illee nyaata isaan gabbisuu fi lubbuu kennan ni dhiyeessa.

Bishaan itituu kana danda’u irraa gara jalaatti waan ta’eef, bishaan inni itite suni irra keessa waan ciisuuf yeroo woqtiin gannaa dhufu qurxummileen achi keessa akka jiraatan haala mijataa uuma.

Qaama dachee keessaa harki 97% bishaan keessatti haguugamee argama. Soogiddummaa bishaan galaana keessaa dhabamsiisuudhaan bishaan qulqulluun bokkaa ta’ee dacheef akka roobu kan godhu seeri uumamaa jira. Hurriin bishaan galaanaa keessaa soogidda dhabamsiisuudhaan duumessa uuma. Duumessis qilleenssaan samiirra oofamee lubbu qabeeyyii lafarra jiran hundaaf bifa bokkaatii rooba. Seerri kuni waan faayidaarra oole tokko seera itti fufiinsaan deebisee fayyadamuudha[6]. Sababii itti fufiinsa seera kanarraan kan ka’e lubbu qabeeyyiin lafarra jiraatu.

Sammuun namaa al-takkaatti odeeffannoo hedduu keessummeessuudhaan dandeettii dinqii ta’e qaba. Sammuun kee halluuwwan sitti mul’atan, haala qilleensa naannoo keetti argamuu, yeroo lafarra ejjettu wanta miila kee keessaan sitti dhaga’amu, sagaleewwan naannoo keetti argaman, gogiinsa afaan kee hunda ni keessummeessa. Sammuun kee miira kee, yaada kee, yaadannoo kee hunda, ni keessummeessa. Kana hunda gochaa hojii qaama kee hunda jechuunis, hargansuu, liphisuu ijaa, miira dheebuu fi beela’uu akkasumas sochii harkaa fi humna dhagina kee hunda hordofuuf dandeettii qaba.

-Sammuun namaa sekondii tokko keessatti ergaawwan miliyoona tokkoo ol ta’an keessummeessuu danda’a[7]. Kuni hojii adda baasuu fi qulqulleessuuti. Wantoota naannoo kee jiraniif xiyyeeffannaa kennuudhaaf dandeettiin sammuu keetiif kennamu buusaa dhagna kee warra biro waliin ta’ee bifa adda ta’een kan hojjetudha. Sammuun kee dandeettii sababa dhiyeessuu, madaaluu, miiraa, yaaduu, karoorsuu, nama waliin hariirroo uumuu fi murtoo laachuudhaaf dandeettii qaba.

Qaroon ijaa halluuwwan miiliyoona torba ta’an adda baasuudhaaf dandeettii qaba. Haala nama dinquun al-takkaatti ergaa miiliyoona 1.5 ta’u keessummeessuu danda’a[8]. Saayinsiin waa’ee uumama lubbu qabeeyyii qoratu (Evolution) jijjiirama qaama irraaan mul’aturratti xiyyeeffannaa godha. Garuu saayinsiin kuni waa’ee hundee uumama ijaa, sammuu yookaanis lubbu dhabeeyyiin yoom jiraachuu akka eegale ibsa kennuu hin danda’u.

2. Waaqayyo jiraa? Uumama hundaaf hundee kan ture ka’umsi maalidhaa?

-Uumamni amma mul’atu kuni dho’iinsa tokko duwwaadhaan akka argame beektonni saayinsii ni amanu. Jalqabni addaa kunis uumamuu uumama hundaaf sababa ta’eera jedhu. Umamuu samii, lakkoofsa baraa fi yeroof illee dho’iinsi kuni /Big Bang/ sababa akka ture ni dubbatu.

Oggeessa barnoota Fiiziksii kan ta’e Roobert Jastrow qaama jajjaboo malee waa’ee Waaqayyoo beekuun hin danda’amu jedhee kan amanu akkas jedheera “Sanyiin uumamaa raawwii isa jalqabaa irratti kan hundaa’e dha. Tokko-tokkoon hurjii, Pilaaneetiin fi wanti lubbuu qabu hundi kan argame sababa dho’iinsa kanaanidha. Balaqqeesa tokkichaan uumamni hundi uumameera. Garuu suni hundi akka ta’u eenyu akka godhe beekuu hin dandeenyu jedhu” [9].

Kalaqa barnoota Fiiziksiidhaan badhaafama Noobeel kan qabu Steven Weyinberg akkas jedheera, “Battala dho’iinsa sanaatti ho’iinsi uumamaa digirii miliyoona kuma dhibba tokko ture. Uumamni ifaan guutamee ture” [10].

Uumamni dur-ganamaa eegalee jalqaba qaba ture. Kanaaf jalqaba kana akka eegalu kan godhe eenyudhaa? Beektonni saayinsii garuu ifaa fi dho’iinsa akka tasaa kanaaf ibsa gahaa kennuuf dandeetti hin qaban.

3. Waaqayyo jiraa? Uumamni seera uumamaa wal-fakkaatuun bulfama. Maaliif?

Harkisini dachee hin jijjiiramu, bunni ho’aan minjaalarra kaayyannu garuu qabbanaa’aa deema. Akkasumas dacheen sa’atii 24 keessatti ofirra naannofti, saffisni ifaa lafarrattis ta’e samiirratti hin jijjiiramu.

-Seera uumamaa isa hin jijjiiramne kana maaliif akkasitti adda baasnee beeknaa? Uumamnis maaliif akkas seera qabeessa ta’e ta’aa?

“Kuni hundis beektota saayinsii gur-guddootti dinqii ta’ee ture. Sirna uumama isa shalaga herregaan bulchu dhiifnee sirna uumama isa seeraan gaggeeffamu hubachuun nama rakkisa. Yaada keessa keenyaan haala hin eegamneen yeroodhaa gara yerootti sirna uumama jijjiiramu arguu dandeenya, yookaans jireenyaa irraa gara jireenyaan alaatti sirna uumamaa akkuma mijatetti mul’atee dhaamu”[11].

Elktiroo dayinaamiksii kuwantemiidhaan badhaasa kan qabu Riichaard Feyinman akkas jedheera, “Uumamni shala herregaa ta’uunshee icitii hiika hin argannedha, seeronni sirna uumamaa jiraachuun isaanii waan dinqiidha”[12].

4. Waaqayyo jiraa? DNA n seelii jiraataa tokkoof ragaa kenna, amalasaas ni gaggeessa.

-Leenjii fi barnootni kamiyyuu kaayyoodhaan qopheeffama. Namni kitaaba barnootaaf oolu qopheessu tokko kaayyoodhaan qopheessa. Dhagina keenya keessa seelii hunda keessa qajeelfamni sgantaa kompiuteraa fakkaatu akka jiru ni beektaa? Akkuma beekamu sagantaan kompiuteraa lakkoofsa 0 fi 1n (01) hojjeta. Akkaataan tarreeffama lakkoofsota akkasii 11001010101000 kompiuterichi maal hojjechuu akka qabu itti hima. Toftaan odeeffannoon seelii DNA ilmaan namaa keessa jiru kana waliin wal-fakkeenya qaba. Beektonni saayinsii keemikaalota gabaajeedhaan waamaman afraniin kan tolfamanidha. Isaanis (A)(T)(G) fi (C) jedhamu. Seelii namaa keesstti akkaataan taa’umsa isaanii akka armaan gadiitti CGTGTGACTCGCTCCTGAT…fakkaata. Selii nama hundaa keessatti sagantaa qubee kana fakkaatu biiliyoona sadii ta’utu jira. Seelicha maal gochuu akka qabu kan nutti himan jechuudha. Silkii moobayilii kee sgalee biip jedhu akka dhageesisu gochuun ni danda’ama. Akkasumas DNA abbaa qubee miliyoona sadii seelichaaf qajeelfama kenna. Qajeelfamichis guutuudha[13].

-Kuni maaliif nama dinqaa? Sagantaan odeeffannoo kuni attamiin seelii namaa keessatti diriirfamee? Isaan kuni keemikaalota salphaa duwwaa utuu hin taane qaamni namaa attamiin akka ijaaramuu qabu qajeelfama kan kennanidha.

Odeeffannoo qindaa’e kana saayinsiin baayolojii nuuf ibsuu hin danda’u. Kana namni tokko kaayyoodhaan yoo qindeesse malee qajeelfama akkasii argachuun hin danda’amu.

5. Waaqayyo jiraa? Eeyen Waaqayyo jira. Sababiinsaas nu hordofaa jira. Gara isaattis akka dhihaannu ni barbaanna, karaas ni qopheessa.

Yeroo tokko jiraachuu Waaqayyootti hin amanu ture. Akkuma nama gantuu tokkootti yeroo namoonni jiraachuu Waaqayyootti amanan ana dhiphisa ture. Namoonni Waaqayyotti hin amanne akka Waaqayyo hin jirre namoota amansiisuuf jedhanii maaliif humnaa fi yeroo isaanii balleessuu? Kana akka raawwatan kan isaan taasisu maalidhaa? Ani dhuunfaa kootti kana kanan godhu gaddaan ture. Namoonni garraammiin tokko-tokko wanta abdii namaaf ta’uu hin dandeenyetti amanachuudhaan akka hin gowwomfamneef jedheen ture kanan humnaa fi yeroo koo balleessu. Dhuguma yoon dubbadhe saba gara biraas nan qaba ture. Innis yommuun warra amanan wajjin wal-falmu yookaan yommuun isaan qoru ana amansiisuu danda’u yoo ta’e kan jedhu abdiin keessa koo ture. Yaaliin koo hundi waa’ee Waaqayyo ofirraa buufachuu fi dogoggora amantootaa yoon isaaniif mirkaneesse dhimmichi waan dhume anatti fakkaata ture. Gaafa sanas anis bilisummaadhaan waanan jireenya koo itti fufu anatti fakkaata ture. Garuu wanti ani hin hubanne tokko jira ture. Dhimmi Waaqayyoo kuni akkas cimee akka ana qabuuf sababii kan ta’e immoo Waaqayyo mataansaa ana irraa dhimma cimaa qabaachuu isaa ture. Waaqayyo namoota biratti beekamuu fedha. Kan unuun uumes akka isa beeknuufdha. Jiraachuu isaa wantoota nuuf mirkaneessan hedduu naannoo keenya tarreesseera. Haala nama hin shakkisiifneen waa’ee jiraachuu isaa fuula keenya duratti diriirseera. Haala ani jiraachuu isaa duraa miliquu hin dandeenyeen wanti hundi fuula koo dura taa’ee jira. Jiraachuu isaa gaafan amanee harka kenne “Ga’e haa ta’u ana mooteetta”n ittiin jedhe. Namoonni jiraachuu Waaqayyootti hin amanne yommuu amantoota argan ni dhiphatu. Kanaafis sababiin inni guddaan Waaqayyo waan isaan ari’achaa jiruufidha.

-Ani kana kanan shaakalee qofaa koo miti. Barreessaa falaasama Koominizimii kan ta’e Maalkoolim Muugerij namni jedhamu yommuu dubbatu “Barbaachaaf koo kan ana ari’achaa jiru akka jiru hubadheera” jedheera. Namni Sii. Es. Luwis (C.S.Lewis) jedhamu immoo yommuu dubbatu, “Halkan guutuu yommuun yeroo muraasaaf boqonnaa argadhu, namni ani ijaan isa arguu hin barbaanne tokko yommuu anatti dhihaatu nan arga. Anis harkan kenne. Waaqayyo ta’uu isaas nan amane. Jilbeenfadheen kadhadhe. Halkan sana biyya Ingilizii keessatti namni nagaa hin qabne fi xiiqiidhaan guutame tokko gara Waaqayyootti akka deebi’e nan hubadhe”.

Namni kuni Waaqayyoon beekuu isaa irraan kan ka’e “Dinqii fi gammachuu guddaanan guutame” kan jedhu kitaaba tokko berreesse. Anis waa’ee jiraachuu Waaqayyoo raga ba’uu irraa kan hafe waan biraa waanan dubbadhu hin qabu ture. Eddan Waaqayyoon booji’amee booda ji’oota itti fufan keessatti jaalala dinqii Waaqayyo anaaf qabuun nan tuqame.

6. Waaqayyo jiraa? Hunduma caalaatti Waaqayyo nuuf mul’achuu isaa kan arginu karaa Yesus Kristosidha.

Maaliif karaa Yesus ta’e? Mee amantaa addunyaa kanaa ilaalaa. Budihaa, Mehammed, Konfiishiyes fi Museen eenyummaa isaanii kan beeksisan barsiisummaadhaan yookaan raajummaadhaan ture. Isaan kana keessaa kan Waaqayyo waliin qixa godhee of kaa’e hin ture. Wanti nama dinqu garuu Yesus Waaqa ta’uu isaa ifatti ibsuu isaa ture. Yesusiinis warra kaan irraa wanti adda isa godhu kana ture. “Waaqayyos akkas jedhe. Inni argaa jirtan isadha” jedhe. Yesus waa’ee abbaa isaa isa Waaqa irraa yemmuu dubbatullee akka waaqa fagoo tokkootti utuu hin taane, dhiyeenyi isaa ilmaan namaa irraa haala adda ta’een ture. “Namni Yesusiin arge Waaqayyo abbaa argeera. Kan isatti amanes abbaatti amaneera” jedhe.

Yesusis akkas jedhe, “Ani ifa biyyaa lafaa ti. Kan ana duukaa bu’uufis ifa jireenyaatu ta’aaf malee dukkana keessa hin jiraatu”. Bifa Waaqayyoon mul’achuudhaan eenyummaa isaa mul’ise. Namoota cubbuu irraa qulqulleesse, bilisa baase, jireenya bara baraas keenneera. Warri kaan namoonni barsiisa isaanii irratti akka xiyyeeffatan yemmuu godhan, Yesus garuu namoonni akka isatti amanan godha ture. Yesus “sagalee koo hordofaa dhugaas argattu”. Yesusis, “Ani karaa fi dhugaa jireenyadhas, karaa koo malee gara abbaa kan dhufuu danda’u hin jiru”.

Yesus Waaqa ta’uusaatiif ragaan inni kenne maalidhaa? Wanata namoonni gochuu hin dandeenye godha ture. Dinqii fi milkitoota godha ture. Warra jaaman, naafatanii fi gurri isaanii dude fayyise. Du’oota kaase. Waan hunda irratti aboo qaba ture. Nyaata xiqqaa baay’isuudhaan namoonni kumaatama ta’an akka nyaatan godhe. Galaana irra deeme, dhahaa galaanaa abboomee dhaabe. Namoonni bakka hundatti isa duukaa bu’u turan. Sababiinsaas inni dinqii adda addaa raawwachuudhaan hibboo namootaa hiika waan tureefidha. Yesusis “Wanta ani jedhu yoo amanuudhaabaattan hojichaaf jedhaa anatti amanaa” isaaniin jedhe.

-Waaqayyo garraammii fi jaalala ta’uu isaa, nuti immoo namoota hir’ina qabnuu fi ofittoo yoo taanellee, Waaqayyo gara isaatti nu dhiyeessuu fi isa waliin hariirroo akka qabaannuu fedhuu isaa Yesus unutti agarsiiseera. Cubbamootaa fi adabbiin kan nuuf maluu taanee otuu jirruu, Waaqayyo jaalala isaa irraa kan ka’e kayyoo adda ta’e akka unuuf qabu Yesus ibseera. Waaqayyo waa’ee cubbuu keenyaaf foon uffachuudhaan cubbuu keenya baate. Kuni tarii qoosaa fakkaachuu danda’a. Tarii namoonni ijoollee isaanii dhukkuba kaanseriidhaan qabaman hedduun bakka ijoollee isaanii bu’anii dhukkuba sana baachuudhaaf fedhii qabaachuu danda’u. Akkasuma Waaqayyo jaalala unuuf qabu irraa kan ka’e cubbuu keenya baate. Kanaaf nutis Waaqayyoon kan jaallannu inni duraan dursee waan nu jaallateef akka ta’e macaafni qulqulluun cimsee nu hubachiisa.

Akka araara arganuuf Yesus bakka keenya du’e. Amantaa addunyaa kanarra jiran hunda keessaa Waaqayyo karaa Kristos duwwaa harka isaa diriirsuudhaan ilmaan namaa wajjin tokkummaa uumuu isaa argina. Yesus keessaan dheebuu jaalala Waaqayyoon unu sooruudhaan gara isaatti yemmuu unu dhiyeessuu argina. Du’uu fi du’aa ka’uu Yesus irraa kan ka’e har’a jireenya haaraa qabna. Waaqayyo “Jaalala bara-baraan sin jaalladheera kanaafis arjummaadhaan ofitti si harkise” jedha. Kuni hojii Waaqayyoo isa hojjechaa jiruu ti.

Yoo baruu barbaadde Yesuusiin yaali. “Isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee akka hin badneef Waaqayyo tokkicha ilma isaa hamma kennutti biyya lafaa akkasumaan jaallateera”.

Waaqayyo dirqisiisuudhaan akka isatti amannu hin godhu. Yoo barbaanne garuu jiraachuu isaatiif raga gahaa nuuf kenneera. Fageenyi lafaa fi aduu gidduu jiru, amaloonni bishaanii fi keemikaalaa, sammuun namaa (DNA), baay’ina namoota Waaqayyotti amananii, akkasumas waa’ee jiraachuu Waaqayyoo akka murteessinu laphee fi sammuu keenyaaf boqonnaa kan hin kennine fi halli keessa keenya qorxomsee nyaatu jira. Wanti nama dinqu tokko Waaqayyo karaa Yesus Kristos akka isa barru fedhuu isaati.

Waaqayyo waliin wal-baruuf akkasumas isa wajjin walitti dhufeenya uummachuu yoo barbaadde amma eegaluu dandeessa.

Kuni fedhii kee duwwaa gaafata. Dirqamaan miti. Waaqayyo biraa dhiifama argachuufi isa waliin walitti dhufeenya qabaachuu yoo barbaadde, araara akka siif godhuu fi Yesus gara jireenya kee akka seenu gochuu dandeessa. Kana ammuma gochuu dandeessa. “Kunoo ani balbala dhaabadheen balbala rukuchaan jira. Eenyllee sagalee koo dhaga’ee yoo balbala anaaf bane ani gara isaatti nan gala”. Kana gochuudhaaf yoo fedhii qabaattee fi jechaan ibsuu yoo dadhabde.

“Yaa Yesus sin galateeffadha. Waa’ee cubbuu kootiif waan anaaf duuteef amma cubbuu kootiif dhiifama akka anaaf gootu nan barbaada. Kanaafis dhiifama anaaf gochuudhaan gara jireenya kootti akka dhuftu sin affeera. Dhuguma siin baruu nan fedha. Amma gara jireenya kootti gali. Waa’ee cubbuu kootiif fannoo irratti waan anaaf duuteef sin galateeffadha. Amma laphee koo banee fayyisaa lubbuu koo fi gooftaa koo godhee sin simadha. Cubbuu koo anaaf dhiiftee jireenya bara-baraa waan anaaf kenniteef sin galateeffadha. Teessoo jireenya koo dhuunfachuudhaan anarratti mo’i. Nama garaa kee ana taasisi. Waa nana simatteef sin galateeffadha. Ameen!

Yesus tokkummaa amma Waaqayyo waliin eegaltetti akka itti fuftu barbaada. Amantoota ilaalchisee, “Anis nan isaan beeka, isaanis ana duukaa bu’u, anis jireenya bara-baraa isaaniifan kenna, bara-baraafis baduu hin danda’an, harka koo irraas eenyullee isaan butuu hin danda’u” jedha.

Kanaafis Waaqayyo dhuguma jira. Ragaawwan kana hubachuudhaan namni tokko Waaqayyo isa jaalala ta’e kana beekuu ni danda’a. Michuu dhuunfaa fi hariirroo dhiyeenyaa isa waliin horachuu danda’a. Waa’ee waaqummaa Kristos, waa’ee jiraachuu Waaqayyoo yookaanis gaaffii wal-fakkaatu yoo qabaatte teessoo armaan gaditti argamuun unu argachuu dandeessa.

 Yesuus gara jireenya koo akka seenu affeerera (Yaada dabalataa)
 Yesuusiin gara jireenya kootti simachuu nan fedha. Waa'ee kanaa caalmaatti na hubachiisaa.
 Gaaffiin qaba

(1) Romans 1:19-21 (2) Jeremiah 29:13-14 (3) R.E.D. Clark, Creation (London: Tyndale Press, 1946), p. 20 (4) The Wonders of God's Creation, Moody Institute of Science (Chicago, IL) (5) Ibid. (6) Ibid. (7) Ibid. (8) Hugh Davson, Physiology of the Eye, 5th ed (New York: McGraw Hill, 1991) (9) Robert Jastrow; "Message from Professor Robert Jastrow"; LeaderU.com; 2002. (10) Steven Weinberg; The First Three Minutes: A Modern View of the Origin of the Universe; (Basic Books,1988); p 5. (11) Dinesh D'Souza, What's So Great about Christianity; (Regnery Publishing, Inc, 2007, chapter 11). (12) Richard Feynman, The Meaning of It All: Thoughts of a Citizen-Scientist (New York: BasicBooks, 1998), 43. (13) Francis S. Collins, director of the Human Genome Project, and author of The Language of God, (Free Press, New York, NY), 2006 (14) John 8:12 (15) John 14:6 (16) John 14:11 (17) Jeremiah 31:3 (18) John 3:16 (19) Revelation 3:20 (20) John 10:27-29


FUULA KANA NAMOOTA BIROOF ERGAA
WhatsApp Share Facebook Share Twitter Share Share by Email More